Maal haa baasuuf dhama raasuu?



 “Maal haa baasuuf dhama raasuu?” jedha Oromoon dubbii mammaaksaan fixuu wayita barbaadu.Gareen shoroorkeessaan Nagaa biyya keenyaa booressuuf kanaan dura dhamaatii ol’aanaa taasisaa ture ammas waan abdii kutate hin fakkaatu.


Gareen shororkeessaan dhiiga Dargaggoota Oromootiin Daldaaluu barbaadu kun kaleessa yaalii hin milkoofne ayyaana Irreechaa irratti taasiseera.

Ayyana kana irratti Dargaggoonni muraasni qubaan lakkaa’aman dhaadannoowwan gara garaa dhageessiisuudhaaniifi akka isaan jedhanitti”Mootummaa Wayyaanee” irratti arraba roobsuun jeeqamsi akka ka’uuf kan yaalan ta’uun isaanii hubatameera.

Dargaggoonni kun waa’ee maastar pilaaniifi barattoota Yuuniivarstii kaasuun dhiigni Dargaggoota Oromoo akka dhangala’etti hin hafu!Lafti Oromiyaa hin gurguramuufi dhaadannoolee arrabaan wal makan dhageessisuun qarqara Arsadiitti Irreeffattoota argaman jeequuf karoorfachuuniifi gorfamuun dhufuusaanii waan mul’isu raawwataniiru.

Harka ol qabanii iyyuudhaaniifi ummanni naannichatti argamu akka isaanitti makamuuf kakaasuufis carraaqaniiru.

Garuu haala naannawa sana battalatti jiru akkan hubadhetti Namni kana jedhee gara isaaniitti hiiqullee hin turre.

Ummanni keenya Ummata Nagaa barbaadudha.Qaama birootiin oofamee Nagasaa booressuu hinbarbaadu.Kanaaf akka fedhii humnoota farra Nagaafi misoomaatti socho’uuf Ummata barbaadu akka hin taane ejjenoo cimaa qabuun mul’iseera.

Ejjennoon Ummataa kun kanaan duras yaalii humnoonni farra Nagaa yeroo adda addaatti taasisan irratti qabatamaan mul’ateera.Ayyaana Irreechaa kaleessaa irrattis wanti qabatamaan mul’ate kanuma.

Ayyaana Irreechaa kaleessaa irratti Ummata miliyoonaan lakkaa’amutu argame.Wanti Nama dinqu Dargaggoonni gocha jeequmsaa raawwachuuf yaalii taasisaa turan lakkoosaan 10 hanga 15 hin caalan.Isaanuu suuta suuta humnoota tasgabbiitiin marfaman.


Lammiiwwan keenya Nagaa barbaadan ammoo kaayyoo achii dhaqaniif beeku waan ta’aniif waaqasaanii galateeffachuun dhawaataan naannicha irraa deeman.Waareera sirni Ayyaana Irreechaa erga raawwatame boodas gara iddoowwan irraa dhufanitti Nagaan deebi’aniiru.

Humnoonni ajandaa ofii hin qabneefi waltajjiiwwan adda addaatti erkachuun Nagaan akka boora’uuf barbaadanis qaanii haguuggachuun hafan.Ofii Maal haa baasuuf dhama raasuu?

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman