Maree seena qabeessa paartilee mormitoota wajjin taasifame

Mootummaan Itiyoophiyaa kaleessa irraa eegalee hanga har'aatti dhimmoolee adda addaa irratti bakka bu'oota paartilee mormitoota sadarkaa guutuu biyyaafi Naannoleetiin socho'an wajjin mari'achaa jira.

Walatajjiin maree galma wal ga'ii dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti adeemsifamaa jiru kun raawwii karoora guddinaafi tiraansfoormeeshinii marsaa jalqabaafi karoora marsaa 2ffaa irratti kan xiyyeeffate akka ta'e beekameera.

Gaaffilee gara garaa bakka bu'oon tasgabbiidhaan dhiyeessaniifis ministirri muummichi Hayilamaariyaam Dassaalany deebii  bal'aa akka kennan hubatameera.

Waa'ee biyyaa irratti waliigaluudhaan hojjechuu qabna jechuun paartilee haala kanaan mootumaatti dhiyaachuun hojjetaniif galata galchuun barbaachisaadha.

Wantoonni kaleessa waltajjii maree kana irratti ka'an hundumaa kan fayyadanidha malee kan miidhan miti.

Odeeffannoon argame akka mul'isetti bakka bu'oonni paartilee mormitootaa gara garaa dhimma bulchiinsa gaariifi rakkoolee raawwii irratti mudatan bal'inaan kaasuudhaan fuulleetti mootummaa wajjin mari'ataniiru.Kun waan jajjabeeffamuu qabudha.Mootummaanis biyyis ,ummannis paartileen mormitoonnis waan fayyadamaniif qeeqa barbaachisaa kaasuun hundumaarraa eegama.

Waltajjii kana irratti paartileen afeeraman hundi hin hirmanane jedhama ajira.kan hirmaate paartilee 20 qofa.paartileen kanneen hafan maalif hirmaachuu dadhaban? waa'een isaanii xiyyeeffannoo argatee ilalalamuu qaba.Moo waa'een biyyaa isaan hin ilaallatu?

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman