Qabsoon uummata Oromoo olola diinaatiin booda hin deebi’u
Uummanni Oromoo gaaffii siyaas-dinagdee yeroo dheeraaf gaafataa ture hoggantoonni haaromsaa uummata waliin ta'uun halkaniifi guyyaa kutannoon hojjechaa akka jiran beekamaadha. Kanaaf tokkummaan Oromoo biyya keessaafi alaa akkasitti kan finiinuu eegaleef. Tokkummaan kunimmoo diinota uummaata Oromoo baay’ee naasisee jira.
Ta’us, tokkummaafi sochii uummanni Oromoo kallattii hundaan eegalee jiru kan isaan birrachiise kiraassassabdonniifi kontorobaadonni faayidaa dhuunfaa isaaniif oliifi gad fiiguun carraa jiru hunda fayadamaa akka jiran argaa jirra. Uummata Oromoo sababa daangaan saboota biraa wajjin walitti buusuuf yaalii taasisaan jiran keessa isa tokko. Gama biraatiin Oromiyaa tasgabiifi nageenya dhowwachuun akka wanta hoggantoonni haaromsaa kunneen hanqina qabaniitti fakkeessuudhaan naannoo keenya humna nageenyaa jalatti akka isheen bultu taasisuun deebi’anii mataa olqabachuuf yaalaa jiru. Kunimmoo gonkumaa hin milkaa’uuf.
Tooftaan isaan geggeessaa jiran biroon carraawwan olitti eeraman akka hin milkoofneef baruun miidiyaa ergama isaanii galmaan ga’uuf hundeeffachuun olola garagaraa tamsaasaa oolu. Kunis, akka wanta uummanni Oromoo saba biraa waliin jiraachuu hin barbaanneetti olola sobaa afarsaa jiru. Uummanni Oromoo akka akka waan biyya diiguutti, akka waan saba biraas dhiibuutti gadhanii odeessaa jiru. Dhugaan jiru garuu uummanni kun durumaa kaasaa biyyasaaf kan wareegamaa ture, diina kallattii kamiinuu dhuftu ofirraa deebisuun haarsaa kan kaffalaa tureedha. Har’a kaffalaa jira. Saboota biraa wajjin jiraachuu qofaa osoo hin taanes ofitti qabee akka dhala isaatti “Guddifachaan” kunuunsee jiraachisaa ture. Har’a garuu warren faayidaan isaanii jalaa cufame akka wanta Oromoon saboota biraa wajjin jiraachuu hin barbaanneetti fakkeessanii kan maqaa balleessaa oolan jiru. Uummanni Oromoo jaalala biyyaafi saba biraa ofitti qabanii waliin jiraachuu addunyaafillee fakkeenya kan ta’eedha.
Lafa qonnaan bulaa Oromoo akka barbaadanitti irraa buqqisaa turan, maqaa investimentiin guurrachaa turan akkasumas kontorobaandii geggeessaa turan har’a kun hundi waan jalaa dhaabbateef miidiyaa ergama isaanii raawachiisuuf hundeeffatan fayadamuun ololli isaan hafarsan hin milkaa’uuf. Qabsoon hoggantoonni haaromsaa uummata miliyoona 50 waliin eegalanis shakkii tokko male gaalma ni ga’a. Tooftaan diinota keenyaas ni fashala’a.
Maddi:Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Oromiyaa
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ