Ibsa Pirezidantiin MNO obbo Lammaa Magarsaa haala yeroorratti keennan-Kutaa 2ffaa

“Dargaggoofi ummanni Oromoo isa dibbee qabatee dibbee dhawu wajjiin dibbee dhawuun nurra hin jiraatu” P/t Lammaa Magarsaa 
Ibsa haala yeroorratti keennan


Namni waldhabdee, komii qabaate yoo jiraate bor wal gaafachuu danda’a jaarsummaadhaan, kana keessa dhaabbatanii miti garaa garummaa uumudhaaf kan hojjetamu,har’a miidhamnis yoo jiraate mufiinis yoo jiraate of keessatti qabatanii faayidaa waliiniif tumsuudha kan nama baasu,tokko tokko eessa akka jiru kan hin beekamne anatu kana gaggeessaa jira jedhee daaraasaa hurgufateet injifannoo saamuudhaaf injifannoo itti fakkaatee waan badii ta’aa jiru kana injifannoo itti fakkaatee warra anatu harka keessaa qaba jedhee abalu harka keessaa hin qabu jedhee, warra lallabaa jiruutu jira.Hundi keenya kan barbaannu gaaffiin ummata keenyaa akka deebi’u, mirgi saba Oromoo akka eeggamu hundi keenya kan barbaannu,eenyus haa hojjetu eenyu eenyus haa fidu eenyu eenyus kana keessatti caalmaa haa gumaachu eenyu faayidaan saba kanaa akka inni eegamu kan nuti barbaannu,feedhiifi hawwiin keenya kana malee injifannoon eebaluu fidee jedhu miti kan nu waldhabsiisuu qabu,inumaayyuu har’a karaa qaxxaamuraarra dhaabannee wanti akkasii kun dhalachuun qabsoo Oromoo laaffisuudha ,qabsoo Oromoo domsuudha,wareegama kamfalameef gatii akka hin qabaanne taasisuudha kun,warri akkas godhan diinoota keenya ,diina saba Oromooti ,ifatti dubbachuun barbaachisaadha waan ta’eef.
-
Ummanni keenya komii qabu, sababa ummanni keenya hagana gahu buqqa’een itti dhagahamee nagaadhaan hirira bahee nagaadhaan waan dubbatu dubbatee galeera.Karaa namni kamiyyuu argee hin beekneen.Kana ni kabajna sirriidha kun.homaa tokko mormii irratti hin qabnu ,ummanni keenya buqqa’unsaa sirrii mitii ,obbolaan keenya buqqa’unsaa sirrii mitii, jedhee nagaan qaamni baruu qabu akka inni baru godhee nagaan kan gale sirriidha.Aadaan akkasiis baramuu qaba gara fuuladuraatitti,borus baramuu qaba, namni waan komatu waltajjii duwwaarratti miti kan dubbatu ,hirira nagaadhaanis bahee nagaan mootummaatti qaama himuutti himee galuun baramuu qaba.Aadaan kun biyya kana keessattis baramuu qaba.Karaan ummanni yaadasaa ibsatu keessaa tokko kana waan ta’eef, sirna dimookraasii karaa itti guddifnu keessaa tokko kana waan ta’eef. Kana agooggatee , kana golga godhatee inni qabeenya namaa saamu , inni qabeenya gubu,inni sabaafi sablammoota jidduutti akka diinoonni keenya nu hawwan sana dhugoomsudhaaf sana mirkaneessudhaaf sabaafi sablammoota jidduutti qabeenya saamuudhaan miidhuudhaan warri har’as Oromiyaan giddugala jeequmsaa Oromiyaan giddugala lubbuun namaa itti badu,dhiigni namaa itti dhangala’u godhuudhaaf warri abjoofatan warri hojjetan kun diina Oromooti.Kallattii kamiiniyyuu,ulaagaa kamiiniyyuu diina Oromooti.Kun ammoo kan balaaleeffatamuu qabuudha.

--
Diinoonni keenya maallaqa nurratti bobbaasanii, humna nurratti bobbaasanii kan nurratti hojjetaa jiraniidha kun, naaffisuudhaaf ,dukkana kaleessaatti nu deebisuudhaaf.Ummanni jeeqamee namni yoo dhumu, qabeenyi yoo manca’u,qabeenyi yoo badu maalinni kan itti aanee dhufu? humni nagaa akka inni eegu qabeenya kana eegu seera kabachiisuu galee akka inni kana to’atu waamuu jechuudha waan biraa miti,waamicha akkasii taasisuudha.Nuti amma nagaa eegaa duwwaadhaan miti kan biyya jijjiiruu qabnu ,hojii misoomaa hojjechaa ,ummanni gaaffiisaa gaafataa gaaffii ummata kanaa deebii deebisaa garuummoo ummanni gamaaf gamana waldhagahaa ,wal dhaggeeffachaa hojjechuun nurra jiraata.Waldhaggeeffachaa ilaaf ilaameedhaan waan ta’eef warra maallaqa nurratti ramadee, nama bitee nurratti bobbaasee hojjetaa jiruutu jira baay’een yoo agartan alaabaan adda addaa bahuu kun takka takka waan nu kolfisiisu taasisa dhugaa dubbachuudhaaf , dhugaadha alaabaan mallattoo eenyummaati hikni alaabaan qabu hunda keenyaa jala hin dhokatu garuu akka Afrikaa Yuniyanii alaabaa kudhan kudhashn baasanii bahuun isa miti dubbiin ,halluu diimaafi gurraacha qabachuurra miti dubbiin keenya,rakkoo sanaa ol furamuu qabu qabna nuti ,inni kuun alaabaa gurraacha ,inni kun diimaa qabatee bahuu miti rakkoon keenya,namni waa’ee faayidaa Oromoodhaaf yaadu namni boruf eegereedhaaf mul’ata qabu kana walitti hodhee diigdama ,shan jaha qabatee bahuun Oromoodhaaf faayidaa qaba jedhee hin yaadu.Yoo rakkoon keenya rakkoo alaabnaadha ta’e rakkoo keenya furtuu ta’e yoo hiikkanne alaabaa bareedaa nuuf malu hundi keenya irratti waliigallu qabaachuu dandeenya boru.Inni ammaa nu hin barbaachisu jenna taanaan, rakkoon keenya isamiti.Kana godhuun qabsoo ummanni Oromoo gaggeessa jiru kana fashaleessudhaafi wanti ta’aa jiru.Haalluu gurraacha itti dibuudhaafi,qabsoo ummata kanaarratti. Eenyu warri qabatanii baha? ummanni keenya dargaggoon Oromoo waan inni hubachuu qabu nama fiiguu wajjiin fiiguu hin qabnu nuti, nama nu fuldura fiiguu wajjiin fiiguu hin qabnu ,inni nu fuldura b u’ee fiigu kun eenyu? baruu qabna, kan tibbana ilaalaa jirru baay’een tokko tokko saba biraadha warri alaabaa kana baatanii ba’an tokko tokkoon isaa poolisiin qulqulleessaa jira, ummataaf ifa godhuu qabna. Eenyu jarri kun? Dhuguma warra Oromoodhaaf yaadan Oromoodhamoo eessaa dhufan jarri kun ? waa baay’eetu argamaa jira. Isa dibbee qabatee dibbee dhawu wajjiin dibbee dhawuun nurra hin jiraatu,eenyummaasaa sirriitti xiinxaluun, baruun ,hubachuun eessa akka deemu maal akka yaade baruun barbaachisaadha. Yoo kana ta’uu baate garuu oofamnee meeshaa warra biraa taaneet ofii keenyas faayidaa keenya ofitti cufna.Waan argachuudhaaf hojjennu kanas ofirratti balleessina waan ta’eef dargaggeessi Oromoo kana hubachuu qaba.Ummanni keenya kana hubachuu qaba.

Maddi:Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Oromiyaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman