Manni marichaa yaada mooshinii boru dhaggeeffata

Onkololeessa 15,2010(Tolawaaq Waarii)
Muummichi ministiraa Ob.Hayilamaariyaam Dassaalany kamisa boru mana maree bakka bu'oota ummataatti argamuudhaan mooshinii haasawaa pireezidaant Dr.Mulaatuu Tashooma irratti ejjennoo mootummaa ibsu.

Pireezidaantiin Itiyoophiyaa Dr.Mulaatuu Tashooma haasawa miseensoota mana maree bakka bu'oota ummataafi mana maree federeeshiniitiif dhageessisaniin hojiiwwan siyaasaafi hawaas-diinagdee biyya keenyatti bara bajataa haarawaatti hojjetaman irratti akka xiyyeeffatan ni beekama.
Dhimma qabiyyee haasawa pireezidaantichaa irratti hooggantoonni paartilee mormitootaa adda addaa yaada sab-quunnamtiilee adda addaa irratti kennaniin haasaan pireezidaantichaa haala qabatamaa biyyattiin irratti argamtu jiddu galeessa kan taasifate miti jechuudhaan qeeqaa akka turan ni beekama
Turtiin muummichi ministiraa mana mareetti taasisan sab-quunnamtiileedhaan kallattiidhaan tamsa'a jedhamee eegama.hordofaa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ibsa Ijjannoo Koree Giddugaleessaa Dhaabbata Dimokiraatawa Ummata Oromoorraa kanname.

Ibsa Ijjannoo Yaa’ii dhaabbatummaa ODP

Historic speech of PM Dr.Abiy Ahmed(english version)