Wal'aansoo cimaarra jirra,kokkee walqabuudhaan!

VIA Addisuu Araggaa

Oromiyaa keessatti yeroo ammaa wal’aansoo cimaatu geggeeffamaa jira. Waal’aansoon geggeeffamaa jiru kun wal’aansoo qaama kiraa sassaabdummaadhaan akka silmiitti dhiiga ummataa xuuxaa bara abaraan jiraadha jedhuu fi ummataa fi mootummaa fayyadamummaan haqa qabeessa ta’eef qabsaa'u gidduutti geggeeffamaa jira.
-
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sochii haaromsaa keessatti qabsoo farra kiraa sassaabdummaa ilaalchise waadaa ummata isaatiif gale hojiitti hiikuu eegalee jira. Lafa, albuuda, daldala seeraan alaa, naanneessa doolaara seeraan alaa irratti tarkaanfii ciciimaa fudhachuu egalee jira. 

-
Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara bajataa 2009 keessaatti lafa seeraan ala maqaa invatimantiitiin qabamee ture heektaara kuma 70 oli, lafa albuudaa heektaara kuma 15 ol, deebsissuun faayidaa ummataatiif oolchee jira. Daldaltoota seeraan alaa kuma145, ol gara seera qabeessumaatti akka deebi’an taasisee jira. Daldala kontirobaandii hedduu to’annoo jala oolchee jira. Doolara ameerikaa birrii Itiyoophiyaa miiliyoona 14 olitti tilmaamamu osoo seeraan ala naannaa’aa jiruu to’achuun faayidaa ummataaf oolchee jira. Hoggantoota sirnaan ummata tajaajiluu dadhaban irratti tarkaanfii fudhataa jira. Qaamota gochaa malaammaltummaa keessa galan adabbiin seeraa akka itti murtaa’uu taasisaa jira.
-
Tarkaanfiiwwan bara bajaataa 2009 keessa eegalaman kun rakkoo keessa jirru waliin walbira qabnee yoo ilaalluu tarkaanfii xiqqaadha. Kanaafuu, bara kana qabsoo fara kiraa sassaabdummaa eegalame boqonnaa murteessaatti ceesisuun tarkaanfii jajjabaa fudhachuun kan itti fufu ta’a.

Gama biraatin abbootii qabeenyaa misoomawaa harka qulqulluudhaan hojjetanii, lammiilee keenyaaf carraa hojii uuman, naannoo keenyaaf galii biyyaa ammo sharafa biyya alaa maddisiisan deggersa hinqusatamne taasisuun akka isaan caalaatti milkaa’an goona. 
-
Kiraa sassaabdota irratti tarkaanfii fudhachuun waan salphaa miti. Qaamotni kiraa sassaabdummaadhaan akka silmiitti dhiigaa ummataa xuuxuu baran faayidaa isaanii itti fufsiisuuf waan danda’an hunda godhuuf yaaluun isaanii hin hafu. Bara darbe irraa kaasee tarkaanfii xixiqqaa fudhachuu eegalleen akkuma hundi keenya argaa jirrutti Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuun saamicha itti fufsiisuuf waan dana’an hunda godhaa jiru. Wal’aansoo cimaas geggeessaa jiru. Waal’aansoo kiraa sassaabdota bara baraan saamaan jiraadha jedhuu fi Ummata fi Mootummaa fayyadamummaa haqa qabeessaaf qabsaa’u giduutti barana tapha xumuraatu geggeeffama. Ergaa nuti humnoota kiraa sasaabdotaatiif qabnu kan armaan gadiiti.
.
.
Nuti karaadhaaf yaadna
Waan ifatti nu baasu
Ati garaadhaaf yaadda
Waan kiiloo kee siif kaasu!
Dorgommittii ishee dhumaa
Kan garasii fi garanaa
Dhugaa moo sobatu mo'aa
Adda baati barana!
(Walaloon Kan Lataa Qana’ii ti)

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman