Ibsa Pirezidantiin MNO obbo Lammaa Magarsaa haala yeroorratti keennan-Kutaa 1ffaa

“Akka gareetti miti akka nama dhuunfaattuu Oromoo jidduutti garaagarummaa uumuuf kan hojjetu diina ummata Oromooti” Pirezidaati Lammaa Magarsaa.

Rakkinoota waliin beeknuf fala dhumaa laachuuf jecha Mootummaan naannoo Oromiyaa hojii guddaa hojjeteera. hojjechaas jira. Keessattuu rakkinoonni furtuu ta’an ummata keenyarra jiran naannoo keessatti jiraniif gara kuteenyaan, hammeenyaafi nuffii tokko malee halkanii guyyaa hojjetaa jira. halkanii guyyaa xaaraa jirra, halkanii guyyaa humna keenyaan waan nama dhadhabsiisu hojjechuurra dabarree arsaa barbaachisaa hanga lubbuutti kan gaafatu yoo ta’ellee kanfallee feedhiifi faayidaa ummata keenyaa eegsiisuuf akka mootummaa naannoo Oromiyaatti gara kuteenyaan hojjetaa jirra.Waan nurraa gaafatu waan nurraa eegamu hundaa kamfallee faayidaa ummata keenyaa eegsisuun nurra jiraata jennee hojjetaa jirra.Kanaaf ammoo ummanni keenya ragaa baha jennee yaanna.
--
Hundaa ol tokkummaan ummata keenyaa akka inni cimu ummanni keenya waldhagahee gara tokkotti tumsee rakkoon jiru eessa akka ta’e beekee hubatee irratti waliigalee rakkinnisaa akka hiikkatu godhuudhaaf hojii guddaa hojjenneerra ,hojjechaas jirra.Kana ammoo kan kanaa olitti cimsinee ni hojjennaa ,akkuma kanaan duraa irra daddeebinee hasa’aa turre feedhiifi faayidaa ummata kanaa eegsiisuudhaaf yoomiyyuu duubatti hin jennu, wanti dhufu yoo dhufe duubatti hin jennu wanti duubatti jechisiisuus hin jiru waan ta’eef.
-
Haa ta’u malee osoo kana hojjechaa jirruu ummata keenyaa wajjiin ilaaf ilaameedhaan waliin hubachuudhaan, gaaffii ummanni keenya kaasu duraa duubaan waan walii kaasuu qabnu walii kaasaa,waan nuti walii deebisuu qabnu walii deebisaa,hojjechuutu nurra jiraata jennee yeroo nuti xaarru kana keessatti jeequmsi hin beekamne Oromiyaa keessatti dhalachuun isaa hunda keenya gaddisiiseera ,hunda keenya mufachiiseera.Wantu hundumtuu yeroo hojjetamu kaayyoo qaba ,wanti kaayyoofi galma hin qabne hin jiru,kaayyoofi galmi jeequmsi amma dhalatee kun maali? Jennee yoo ilaalle deebii hin qabu.Nuti ummata keenyaaf gurra hin dhoowwanne,rakkinni ummata keenyaarratti wayita qaqqabu cal jennee hin ilaalle, rakkoo ummata keenyaa hiikudhaaf mootummaan naannoo Oromiyaa hojjechaa jira,ummanni keenyaa baay’eensaas harki caalu kana nu hubatee nun waliin hojjetaa jira.
-
Jeequmsa amma adeemsiifamaa jiru kana guutumaan guutuutti tokkummaa saba Oromoo warra hin barbaannetu gaggeessaa jira, kanarratti ummata hundaaf ifa ta’uutu irra jiraata.Jeequmsa kana booda maaltu akka dhufuu barbaadame?kaayyoonsaa,galmisaa maali?homaa tokko hin qabu.Waan mari’atamee ummata keenya waliin mari’atamee, wanti nuti hojjennu, wanti nuti hojjennu qofa otoo hin ta’in galmi keenya maali?bu’aa maalii fiduudhaaf jennee hin hojjetiin hundi galmisaafi kaayyoonsaa hin beekamne faallaa faayidaafi feedhii ummata keenyaati.Galmi jeequmsa kanaa maali?namni akka du’u,dhiigni akka dhangala’udhamoo malii? Kan jedhu ifamiti.Kun yeroo kamiyyuu caalaa karaa namni kamiyyuu tilmaamuu hin dandeenyeen, karaa namni kamiiyyuu arguu hin dandeenyeen tokkummaa saba Oromoo yeroo itti cimee jabaatee eenyufiyyuu ergaa adda addaa yeroo itti dabarsaa jiruutti jeequmsa waamanii bakka adda addaatti ummata kana jeequun tokkummaa ummata kanaa diiguudha, anaaf hiika biraa hin qabu.Wanti yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru inumaa sabni kun ummanni kun faayidaa inni argatee sadarkaa tokkotti ol guddifatee kana deebisanii diiguudhaaf hojii diinummaa gaggeeffamaa jiruudha.Oromoodhaaf faayidaa tokko hin qabu,jeequmsi amma gaggeeffamu.Yoo dhugumaan waan sabni kun gaafatu deebiin sabni kun barbaadu hin deebineef yoo ta’e ,mootummaan naannoo Oromiyaa gamana dhaabbatee ummanni gamana dhaabbatee gamaaf gamana dhaabbannee waan wal falminuu hin jiru.Hiriira bahuu yoo ta’e walbira hiriira baana,waan barbaachisaa ta’e feedhii fi faayidaa ummata kanaa waan gochuu barbaachisu hundaa ummata kana wajjiin dhaabannee goona.Har’a adda bahuu hin dandeenyu,borus adda irraa hin baanu , akka kaleessa waadaa galleef.
---
Hirira amma ta’aa jiru keessa gogatee jeequmsi bakka adda addaatti ,qabeenya namaa saamamu, konkolaataa bakka adda addaatti gubatu kun gaaffii ummata Oromoo miti,kun faayidaa Ummata Oromoo kan eegsisuu miti.Kan ta’aa jiru qabeenya namaa saamuudha ,qabeenya namaa gubuudha ,sabaafi sablammoota tokko tokkorratti miidhaa geessisuudha kan taasifamaa jiru.Ummanni Oromoo kan inni gaafataa jiru qabsaa’aaf jiru kana miti, kun gochaa badiidha,kana godhuudhaan faayidaa ummata Oromoo kallattii kamiinuu eegsifamuu hin danda’amu.Inumaa karaan ummanni kun itti qabatee deemaa jiru kana doomsuudhaaf hojii hojjetamaa jiruudha.Waan argaa jirru irraa kan ummanni keenya kan baruu qabu,akka garee miti har’a sadarkaan nuyi geenye ,sadarkaa nuti qaqqabne kanarratti akka garee miti akka nama dhuunfaatti Oromoo jidduutti garaa garummaa uumuudhaaf namni hojjetu kamiyyuu diina Oromooti.Nama dhuunfaa jidduuttillee yoo ta’e diina Oromooti.

Maddi:Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Oromiyaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman