Dhimma Biyyaa irratti qoosaan hin taatu!
Adoolessa 29,2014 Finfinnee(TW) Wayyaaneen tibbana qoosaa tokko dhageessifte.Tajaajilawwan bu’uraa guutaman malee,Walqaayit-Xagadeen kennamtu malee jechudhaan faranjoota Maqalee dhaqanitti himte.Faranjoonni isaan bira dhaqanis kanuma raawwachiisuu barbaadan.
Mootummaan Itiyoophiyaa ammoo lakkii roorrisa
hin feenu jedhee iitti hime.Deebii kennameef kanaan huuruu isaanii dhiibuu
danda’u.Garuu birmadummaa biyyaa wanti caalu hin jiru.Dhimma biyyaa irratti
qoosaan hin jiru.Murteen mootummaa Itiyoophiyaa sirriidha.Faranjoota akka
komate itti himeera.
Akkaatuma kanaan gorsaan dhimma tasgabbii
muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
ambaasaaddaroonniifi ergamtoonni hawaasa idil addunyaa turtii tibbana Maqaleetti
taasisan ilaalchisuudhaan haalli dhimmicha ittiin ilaalan mootummaa irratti komii
akka uume himaniiru.
Ambaasaaddarichi ergamtoonniifi
ambaasaaddaroonni biyyaalee lixaa marii nagaatiif carraaquu utuu qabanii
haal-duree qaama biraa guutuu irratti xiyyeeffataniiru jedhan.
‘Tajaajilawwan bu’uraa addaan citanii turan
ilaalchisuun ejjennoon mootummaa beekamaadha,haala tajaajila kennuun ittiin jalqabamu
uumuufi marii nagaa jalqabuun hojii duraa ta’uu qaba’ jedhaniiru
‘Ergamtoonniifi Ambaasaaddaroonni turtii Magaalaa
Maqaleetti taasisan booda ibsa baasaniin ammas dhiyeessiin gargaarsa namoomaa hindaangofne
jiraachuu qaba jechaa jiru’kan jedhan Ambaasaaddar Reedwaan wayita ammaa gara naannichaatti balaliin hin daangeeffamneefi imalli
konkolaattoota gargaarsa fe’anii taasifamaa jiru jedhaniiru.
Dhimmi boba’aatis fala akka argateefi qaamota
hundumaan kan dinqisiifatame akka tya’e dubbatan.Marii Nagaa ilaalchisuunis
waltajjiin marii nagaa kan hoogganamu Gamtaa Afrikaa qofaadhaani,jechuun mamii malee mirkaneessaniiru ambaasaaddar Reedwaan
Huseen.
Egaa ‘Himan didduun du’a hin diddu’Wayyaaneen
shira waggoota hedduuf horatteen itti fufuu akka barbaaddu waanuma raawwachaa
jirtu irraa hubachuun rakkisaa hin ta’u.Sababiin Walqaayi-Xagadeetti gamaniif
balbala ba’uumsaafi seensaa argachuuf akka ta’e beekamaadha.Mootummaan Itiyoophiyaa
ammoo dhimmi kun dhimma birmadummaa biyyaa waan ta’eef gokumaa hayyamamuu hin
danda’u jechuun itti himaa jira.
Isaan gurra kana ittiin dhaga’an waan qaban hin
faakkatan.Duula qolannaa marsaa sadaffaatiif qophaa’aa jechaa akka jiran
hundatu dhaga’e.Wanti nama ajaa’ibsiisu dhaloota kumaatamaan lakkaa’amu
wareeganii.ficcisiisanii ammas waraanaaf gamu.Jarreen akka dhaban kun xummurri
isaanii maal ta’uu akka danda’u adeemsaan kan ilaalamu ta’a.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ