Jette jetteedhaaf Mootummaatu balbala bane

 


Adoolessa 25,2014 Finfinnee(TW) Waan lamatu jira.Tokko gammadeera.Tokko ammoo gaddeera.Muummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad haala hin baramneen ija ummataa duraa dhabamuun isaanii baay’oota biratti yaaddoo uumeera.Kana haaluun hin danda’amu.

Warri daldaluufi galii dabalataa argachuu barbaadan carraa argametti fayyadamuudhaan bu’aa buufachuu hin oolan.Keessumattuu kanneen ‘You tube’ irratti dhiitee bariitee dhimma muummicha ministiraa irratti odeeffannoo adda addaa madda hin qabne tamsaasan yaaddoon ummata bal’aa akka dabalu taasisaniiru.

Jarana ummanni kun kanaan duras waan jedhamaa ture hin dagatu.Santu ta’e moo maali laata?jedhee yoo gaafate hin dogongorre,sirriidha.Muummichi ministiraa kanaan dura Ob.Mallas Zeenaawii dhukkubsatanii biyya alaatti wal’aanamaa akka jiran caasaan mootummaa yeroo sanii hime.Miidiyaawwan dhuunfaa ammoo lakkii jechuudhaan faallaa kanaan gabaasaa turan.Lubbuun muummicha ministiraa Mallas Zeenaawii akka darbe,kanas madda amaanamaa irraa akka mirkaneessan himuudhaan ummataaf odeeffannoo kennaa turan.Burjaaja’uumsa yeroo sanas ture yaadachuun barbaachisaadha.Dhuma irratti muummichi ministiraa Mallas Zeenaawii akka du’an himame.Sana booda wanti ta’e hundi ni yaadatama.

Haala ammaatti haa deebinu.Muummichi keenya jaalatamaan Dr.Abiy Ahmad jalqaba baatii Adoolessaa irra ummatatti erga mul’atanii asitti waltajjiiwwan gurguddoo dhimma biyyaa ta’an irrattillee qaamaan hin mul’anne.Turtii torban sadii booda garuu ergaa dhimma galateeffannaa irratti xiyyeeffate fuula weeb saayitii hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniiru.Kunis amanamaa waan ta’e hin fakkaatu.Waan namoonni biroonis gochuu danda’anidha jedhamuun shakkameera.Inumaatuu barreeffamichi kan muummicha ministiraa Abiy miti jedhamee dubbatamaa ture.

Wanti nama ajaa’ibu oduu jette jettee humnoonni adda addaa guyyuutti tamsaasaa oolaniif ummata bal’aa saaxiluun maalif barbaachise?Bu’aan mootummaan kana irraa  argatu maalidha?Inumaatuu mootummaan waan kana irraa buaan argatu hin jiru.Miidhaan mootummaan sababa odeeffannoo sirrii yerootti ummataaf kennuu dhiisuutiin ga’u garuu ol’aanaadha.Amanamtummaan ummanni bal’aan mootummaa irratti qabu hir’achaa deema.

Dhugaadha,sababa rakkoolee malaammaltummaafi hojmaatawwan badaa ta’aniin amanamtummaan mootummaan ummata biratti qabu akka hir’achaa deeme wantoota mul’isan baayu’eetu jira.Kanneen mootummaanuu ni beeka.Waan abbaan beeku abbaatti himuun gatii hin qabu waan ta’eef dhiisuudhaan bira darbuu wayya.

Yeroo yaaddessaa ta’eefi diinni Itiyoophiyaa baay’achuun gamaa-gamanaa soch’aa jiru kanatti odeeffannoon sirriin dhimma muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad dhokfamuun medaallii kamiiniyyuu sirrii ta’uu hin danda’u.Humnoota teeknooloojii baraatti fayyadamuun ummata burjaajessuu barbaadaniif yeroo yeroon deebii kennuun barbaachisaa yoo ta’uu baatellee haala mijeessuudhaan ummanni bal’aan odeeffannoo gahaa akka argatu taasisuun barbaachisaadha.

Dr.Abiy Ahmad nama tokko qofadha jechuun yaaduun dogongoradha.Dr.Abiy hanga iddoo taayitaa muummicha ministiraa irra jiranitti biyyadha.Biyya guddittii diinni hedduun gamaa-gamanaa itti gamaa jiru hoogganan.

Haalli dhimma isaaniirratti odeeffannoon gahaan akka dhabamu taasisuu kun isaaniins haa ta’u qaama mootummaa biraatiin taasifamnaan sirrii miti,dogongora guddaatu raawwatame.

Hundumaafuu dhimma muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad irratti ummanni bal’aan odeeffannoo sirriifi amansiisaa ta’e argachuu barbaada.Mootummaan oduu jette jettee guyyuutti diinni tamsa’aa ooluuf balbala baneera.Baalaballi kun odeeffannoo barbaachisaafi gahaa ta’e ummataaf kennuudhaan cufamuu qaba!Fayyaa ta’aa!

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa