Firri gammadee,diinni ammoo gadde!

 



Adoolessa 28,2014 Finfinnee(TW) Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad Alii baatii Adoolessaa kana keessa guyyoota hedduu gara baatii tokkotti dhiyaataniif ummatatti utuu hin mul’atin turan kaleessa Adoolessa 27 bara 2014 ministiroota hoogganan waliin raawwii hojii misooma diinagdeefi bu’aa galmeeffame ummata Itiyoophiyaatti himuuf mul’ataniiru.Ishoo baga mul’atan!

Waan dansaa!Tooftaan ittiin dhufanis gammachiisaadhaa.Mala gaariitu filatame.Dr.Abiy turtii guyyoota hedduu booda mul’achuun isaanii fira yaaddoodhaan sunturraa’ee ture daran kan gammachiise yoo ta’u diinoota du’asaa hawwuudhaan gammachuudhaan fishiliqanii waan hedduu raagaa turan ammoo akka malee gaddisiiseera.

Mudannoon kun waan baay’ee nutti agarsiisuudhaan darbeera.Gara fuulduraatti haalli akkanaa akka hin mudanneef of eeggannoo gahaafi barbaachisaan taasifamuu qaba.Muummichi keenya aadaa badaa kanaan dura ture jijjiiruuf hooggansi nama ummata keessaa ba’edha amantaa jedhuun akka malee ummatatti dhiyaatee hojjechaa ture utuu hin eegamin yeroo badu diinni muraasni gammadus kan yaadda’u ammoo baay’eedha,miliyoona hedduudhaan lakkaa’ama.

Hundumtuu akkuma ta’uu qabutti utuu ta’ee wayya.Ammaan booda akka malee dhiyaachuunis akka malee baduunis sirrii hin ta’u.Dr.Abiy garee muraasa qofa utuu hin taane kan hoogganaa jiran biyya guddittii Itiyoophiyaa jedhamtu kan diinni alaafi keessaa faayidaa ofii eegsifachuuf itti gamudha.Kanaaf sadarkaa kanaan yaadamuu qaba.

Nuti kanneen haala uumameen odeeffannoo gahaa dhabuudhaan gaddaafi biriifannaa cimaa keessa turre.Abbichuun akkaataa gonkumaa hin eegamneen nutti waan mul’ateef gammachuu keessa jirra.Kanneen du’asaa waan barbaadaniif waan hedduu wacabbaraa turan ammoo gaddaniiru.Gaddisaanii kan itti fufu haa ta’u!Gammachuun keenya ammoo daran finiinee akka itti fufuuf hooggantoonni keenya tokko tokko akka malee ta’uudhaan akka ta’uu hin qabne ta’aa jiranis kolfi ormaa akka nurraa dhaabbatuuf kallattii sirriitti deebi’uudhaan rakkoo uumamee ilaafii ilaameedhaan akka hiikaniif hawwina.Sabni Nagaafi misooma barbaada!Wal qoccoluun namoota dhuunfaa badhaadhina fiduu hin danda’u.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa