Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa akka tiksuuf dirqama ummattoonni Itiyoophiyaa itti kennaan xiyyeeffannoo guddaan raawwachaa jira – Raayyaa Ittisa Biyyaa.



Gareen Shororkeessaa TPLF Daa’immanii fi Dargaggoota Tigiraayi dambaliin hiriirsisee ficcisisuu, biyyi ani hin bulchine , saamnee diigamuu qabdi jechuun amala diinummaa garichaa akka ta’e kan yaadatamudha.
Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa bakka bu’aa lammiilee Itiyoophiyaa Miiliyoona 100 fi 20 oliif waan ta’eef, loltuu saayinsii loltummaa qixaan hojirra oolchu, akka garee shororkeessaa kanatti dhumaati Daa’imman Tigiraayi kan hin barbaadne fi Daa’imman kanneen bararuuf dirqamni kan itti dhaga’amuu goota safuufi seera beekudha.
Gareen shororkeessaa TPLF tooftaa waraanaa dulloomaa waraanaa Addunyaa tokkoffaarratti damballii ummataa hirmaachisuun wal waraansa turetti fayyadamuun daa’immannii fi dargaggootaa ficisisuuf garee safuu fi seera hin qabne ta’uu kan agarsiisuu waraanaa saayinsii loltummaa ammayyaan leenji’ee meeshaalee waraanaa ammayyawwa ta’ee hidhate waliin wal waraanuuf garichi umrii isaa dheerefachuuf lammiisaarratti garaa jabeenyummaa daangaa darbee kan qabu ta’uun ummata Tigraayirratti dhumaatti gocha hameenyummaan guutame kan raawwataa jiru.
Kanaafuu Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Seeran kan hunda’ee, Seeran kan buluu, mootummaa ummatan filatameen kan ajajamu hojii gagaarii yoo hojjete akkuma badhaafamu dirqama Heera Biyyatittiin itti kenname qixaan hojirraa yoo oolchuu baatee Heera biyyattii fi Addunyaan kan itti gaafatamuu Raayyaa Ittisa Biyyatti.
Bu’uura kanaan Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa lammiilee yaaddoo fi dhumaatirraa bararuuf aarsaa kamiyyuu gootummaan bahee birmadummaa Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaa tiksuuf hojjetaa jira.
Gareen shororkeessaa kun seenaan diinoota Itiyoophiyaa kan ta’aan waliin qooda waan qabuf yakkaan garee barbaadamuu wanta ta’eef dirqamni fi Itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amuu. Amaluma garee kana ta’ee safuu hin qabu. Kanarra kan ka’e akka barbaadeetti sobee, lammiileerratti gidiraa hangana gahuu kan raawwatu.
Ummattota Itiyoophiyaaf gareen shororkeessaa TPLF garaa jabeenyummaan dhumaatii lammiileerraa gaha jiru dhaabuuf lammiilee Itiyoophiyaaf dhimmota barbaachisuu argamsisuuf aarsaa kamiyyuu kaffaluuf gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa akka hojjetuu beeksiseera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa