Itiyoophiyaan qabeenya boba'aa dilbii akka qabdu mirkanaa'e
Itiyoophiyaan badhaadhuuf abdii qabatamaa qabdi.Qabeenya boba'aafi gaazii hedduu hammentaan himamee hin dhumne akka qabdu ragaan mul'isu ministira albuudaa Obbo Taakkala Uumaatti kennameera.Kubbaaniyyaan biyya alaa qabeenyi dilbiin Boba'aafi Gaaziin naannoo Sumaalee akka jiru mirkaneessuuf qorachaa ture sanada qopheesse ministeera albuudaatti argamuudhaan Obbo Taakkala Uumaatti kenneera.Keenya oluma malee akka ergamtoota diinaa gadi dhundhuluun hin jiru.Ministirri albuudaa obbo Taakkala Uumaa ergaa dhimma kana ilaalchisuun karaa weeb saayitii hawaasummaa fb isaaniin dabarsaniin hammeentaan qabeenyaa kanaan dura ni jira jechuun tilmaamne dachaa ta'ee akka jiru mirkanaa'era jedhan.Baga gammddan!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ