Baabbee Getaachoo hidhaan umurii guutuu itti murteeffame
Adoolessa 27,2014 Finfinnee(TW) Dargaggeessi kun jiraataa godina Shaakkaati.Bara 2011 irraa eegalee bosonatti galuudhaan miidhaa geessisaa ture.Waggoota afur guutuu yakka raawwachuun maalif?
Moggaasa Maqaa baabbee Getaachoo jedhamuun kan beekamu gurbaan kun meeshaa waraanaa hidhaatetti fayyadamuudhaan gochaa saamichaa raawwachaa akka ture ragaadhaan itti mirkanaa’eera.
Turtii waggoota afurii keessatti lubbuu namootaa dabarseera,qabeenya saameera,karaa irratti konkolaataa dhaabsisuudhaan miidhaa geessiseera.Xumura irratti seera jalaa ba’uu hin dandeenye.
Ol’aantummaa seeraatu dargaggoo kana irratti mirkanaa’e.Eenyullee seera jalaa miliqee hafuu hin danda’u.Waajjirri komunikeeshinii godina Shakkaa akka himetti turtii waggoota afurii booda adabbiin hidhaa umurii guutuu itti murteeffameera.
Dargaggeessi/Qeerroon humna qabutti fayyadamuudhaan hojjetee jiraachuu danda’u gocha badii nama saamuufi lubbuu balleessuutti bobba’ee turuudhaan xumura irratti ammoo umurii kanaan adabbiin hidhaa umurii guutuu itti murteeffamuun nama gaddisiisa.Umurii guutuu hidhaa keessa turuun waan suukaneessadha.Dhaloonni haaraan gocha yakkaa irraa of eeguu qaba.Ofii miidhamee maatiis miidhamaaf saaxiluun sirrii miti.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ