Salphatanii waayyuu hin himatanii
Adoolessa 30,2014 Finfinnee(TW) Diinonni
keessaafi alaa mari’atanii tarsiimoo badii qopheeffatanii gamtoomuudhaan biyya
keeya Itiyoophiyaa irratti duulan,Biyyi Sabaafi sab-lammootaafi ummattootaa
akka bittinnooftee haftuuf irree isaanii tokkoomsuudhaan socho’an.Maloota adda
addaa qopheeffachuudhaan waan danda’an hunda godhan.Garuu kan karoorfatanii ka’an
hunduu galma ga’uufii didee karaa irratti fashalaa’uudhaan hafuuf dirqaman.
Diinonni alaa Mootummaa Gibtsiifi humnoota
kenneen biroo misoomaafi guddina Itiyoophiyaa hin feenedha.Kanneen kun biyya
keessaa ergamtoota dhimma isaanii raawwachaiisaniif qabu.Ergamtoonni keessaa
ammoo Wayyaanee, Shaneefi garee shororkeessummaan beekamu al-Shabaabidha.
Akka Jawaar Mahaammad shaneen hin jiru jedhutti
utuu hin taane shaneen qabatamaan jira.Sanuu Gareen shororkeessaan kun Daawud Ibsaafi
Jawaar Mahaammad dabalatee hooggantoota paartii Koongransii Federaala Oromoo
hundaan hoogganama.Dhugaa kana wal dhoksuu hin qabnu sirritti walitti himuu
qabna.
Jawaar haasawa dhiyeenya kana dhageessise
tokkoon wanti shanee jedhamu hin jiru,maqaa ‘daabbootiin’hin waaminaa!kan jiru OLA
dha.Waraana bilisummaa Oromoo jedhaa waamaa jechuun nutti hime.
Waraanni bilisummaa Oromoo’ eenyu irraa Saba Oromoo
bilisoomsa laata?Kanneen OLA ykn.’waraana bilisummaa Oromoo’ faarfataniifi
lelisan gaaffii kanaaf deebii qabaatamaa sababaan deeggarame tokkollee hin
qaban.
Sabni Oromoo qabsoo hadhooftuu waggoota hedduuf
ofumaaf taasiseen erga of bilisoomsee waggaan hedduun lakkaa’ameera.Ofiifuu
diinaaf ergamanii buluudhaan‘’Oromoo bilisoomsina’ jedhanii nutti himan.Dhiitee
bariitee dhara nutti odeessan.Ergitoota isaanii gammachiisuuf lallaban.Dubbiin
fakkeessuu tun soba adii akka taate hunduu ni beeka.Kan burjaajeeffameefi
sababa jireenya hiyyummaatiin raakametu waan dabartuuf itti fakkaatee ergamtuu
diinaa ta’uudhaan dararamaa jira.Kanaaf akka Jawaar Mahaammad nama
burjaajessuuf yaalutti utuu hin taane Shaneen qabatamaan jira.Garuu ergamtuu
diinotaa waan ta’eef dhumaa jira.Kan bosonaa ba’ee mootummaatti harka kennate
baay’eedha.Waamicha mootummaafi abbootii Gadaa Oromootiif kabaja kennuudhaan
gara maatiitti kan deebi’es danuudha.
Shaneen ergamtuu wayyaaneeti.Wayyaaneefi al-Shabaab
ammoo ergamtoota diina alaati.Dhimma kana sirritti qalbeeffachuun
barbaachisaadha.Wayyaaneen raayyaa
ittisa Itiyoophiyaafi humnoota tasgabbii naannoleetiin duula irratti
adeemsifameen sirritti waan gobamteef amma humna loltummaa hin qabdu.Meeshaan
waraanaa Itiyoophiyaa irraa shiraan saamte hedduun jalaa barbadeeffameera.Akkasuma
hidhattoota kumaatamaan lakkaa’amantu jalaa barbadaa’e.Humni wayyaaneen amma
qabdu humna ololaati.Ololaan duula cimaa taasisaa jirti.Soba dhugaa
fakkeessitee odeessuuf muuxannoo baroota dheeraa qabdi waan ta’eef injifannoon
gama kanaan galmeessaa jirtu ol’aanaadha.
Wayyaaneen inifannoo ololaa kana maddiitti
injifannoo loltummaas galmeessuuf wixiffachaa jirti.Kana ammoo karaa shaneefi
al-Shabaabiin galmeessisuuf kan yaalaa jirtu ta’us akka karoorfattetti milkaa’uufii
hin dandeenye.Kunis waan jaalaa fashalaa’eef booyichaafi gaddarra jirti.Keessumattuu hooggansiifi hidhattoonni al-Shabaab karaa Naannoo
Sumaaleetiin Itiyoophiyaa weereeruuf dhufan tarkaanfii Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaafi
humna addaa Naannoo Sumaaleetiin waan barbadeeffamaniif wayyaaneefi ergitoonni
ishii gadda cimaarra jiru.
Ministeerri Ittisa Itiyoophiyaa odeeffannoo
kaleessa baaseen hooggantoonni garee al-Shabaab 24 dabalatee hidhattoonni 800
caalan tarkaanfii irratti fudhatameen ajjeefamaniiru.Akkaatuma kanaan
hooggantoonni garee al-Shabaab kanatti aanee maqaan isaanii tartiibaan
tarreeffame akka barbadeeffaman himameera.
1,Fu’aad
Mahaammd Kaahiliif-Itti gaafatamaa damee ololaa al-Shabaab
2.Abdulaziiz
Abumuussaa- oduu himaa al-Shabaab
3.Abdiinuur
Iissee-Itti gaafatamaa godina Bokooliifi daangaa Itiyoophiyaa
4.Sheek
La’aab dhalaataa Somaaliyaa-Itti gaafatamaa Loojistiikii naannawa kibba- bahaa
5.Abuu
Muussaa-Itti aanaa af-yaa’ii
6.Alii
Mahaammad Hasan-Nama 2ffaa koree al-Shabaab
7.Adam-itti
aanaa ajajaa garee shororkeessaa loo’ee gara biyyaa seenuuf yaale.
8.Muktaar
Gaab-Miseensa koree jiddu galeessaa
9.Amiir
Abdallaa(Mahaammad Abdullaahii)-Itti gaafatamaa leenjii al-Shabaab
10.Injinar
Jahaad Sireewaa(Mujaahiid Fayisal)-Kaampii Biluu filaayitti itti gaafatamaa
leenjii
11.Sheek
Huseen Bardallee- walitti qabaa ashuuraa godina Bokol
12.Sheek
Haasan Nuunnoo-Itti gaafatamaa duula jabahaa Shabalee gara gadii
13.Yaasiin
Daree-Amiira
14.Saalaah
Daree-Itti gaafatamaa baruumsa al-Shabaab godina Baay
15.Abusalaam-walitti
qabaa al-Shabaab godina Bokool
16.Hamzii
Abdullaahii- Itti gaafatamaa odeeffannoo godina Baay
17.Abdullaahii
Haajii-Ajajaa loltummaa godina Baayiifi Bokool
18.Muktaar
Booroo-Amiira
19.Abdurashiid
Gaaboo- Amiira
20.Abduukiim
Gaduudaa-Amiira
21.Muktaar
Gaab-Itti gaafatamaa duula naannawaa
22.Ayyuub
Daawud-Amiira
23Alii
Adan-Amiira
24 Hasan
Mahaamamd- Amiira dha.
Hooggansi garee shororkeessaa al-Shabaab kun
hundi dhumuun Wayyaanee gadda cimaa keessa seenssieera.Kan karaa lixaatiin
jalaa fashaalaa’e karaa bahaatiinis dabalameera.Gaddatu gadda irratti dabalame.Anaa
nyaatu!Kanaan dura Abbaay Tsahaayeefi Siyyum Masfin dabalatee hooggansa hedduu
dhabuuf kan dirqamte Wayyaaneen Faranjoota tibbana Maqalee dhaquun ishiin
daawwataniin of jajjabeessitus gaddi itti daddabalamuudhaan rakkattee raakamaa
jirti.Kanneen wayyaanee wajjin wal ta’uudhaan alaa al-Shabaab ergatanis gadda
cimaarra akka jiran beekamaadhaa.Salphina haguuggatanii taa’an.Kana himachuu
hin danda’an.Salphatanii waayyuu hin himatani! Itiyoophiyaa hin tuqinaa!Irra
deddeebi’uudhaan kana isinitti himna.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ