Jibbaafi duulli miidiyaawwan alaa maalif?

 



Finfinnee,Hagayya 09,2014(TW) Miidiyaawwan biyya alaa waan gaarii biyyi keenya Itiyoophiyaan qabdu yoomillee akka hin gabaasine beekna.Yoo gabaasanillee qaawwa adda addaa itti uumuudhaan kan gabaasan akka ta’e beekamaadha.Kanaaf miidiyaawwan biyya alaa keessumattuu kan biyyaalee lixaa dhimma misoomaafi guddina biyya keenyaa,walumaagalatti waan gaarii Itiyoophiyaan qabdu gonkumaa hin gabaasan.Nutis akka nuuf gabaasaniif isaan hin eegnu.

Miidiyaawwan biyyaalee alaa miidhama Itiyoophiiyaa malee waan gaarii qabatamaan mul’atu maalif gabaasuu didan?Waan kana qalbeeffachuun barbaachisaadha.Diinnikee waan gaarii ati qabdu kaasee siif dubbachuu siif himuu hin danda’u.Wanti gochuu danda’u qaawwaafi hanqina ati qabdu babal’isee akka ati quucaraa deemuun kuftuuf jabaatee hojjeta.

Miidiyaawwan idil addunyaa waanuma abbootiin isaanii Itiyoophiyaadhaaf hawwan raawwachaa jiran.Mee haala qabatamaan jiru taajjabaa! BBC’n,VOA’nfi kanneen biroonis waan gaarii Itiyoophiyaan qabdu isa kam kallattii gaariidhaan gabaasanii dubbiftanii ykn.dhageessanii beektu?Tarii dhimma Itiyoophiyaa kan kaasan yoo ta’anillee akka abbootii isaanii isaan ergatan gammachiisutti kan gabaasan ta’uusaanii hubachuun keessan hin oolu.

Kanaaf miidiyaawwan biyya alaa keessumattuu kan biyyaalee lixaa dhimmoota Itiyoophiyaa kamiyyuu hordofanii waan gaarii gabaasu jechuun yoomiyyuu eeguu hin qabnu.


Waggaa har’aa yeroo kana waan isaan guyyuutti gabaasaa turan dagachuun ni danda’amaa?’Magaalaan Finfinnee marfamtee jirti’ jechuudhaan lammiiwwan biyyaalee lixaa keessumattuu Eembaasiiwwan biyyaalee lixaa Finfinnee keessaa akka ba’aniif itti fufiinsaan gabaasaa turan.Kan abbootiin isaanii yaadaniifi karoorfatan gootummaa Ummataafi mootummaa Itiyoophiyaatiin jalaa fashaloofnaan saalfatanii waan jedhan dhabuudhaan adabatanii taa’an.Nutis isaan taajjabne.Edaa akkaanaa dubbiin jenne.Waa’ee biyyaalee biroos yoo gabaasan waan ofiif barbaadaniifi kaayyoo isaanii milkeessuuf gargaaru qofa irratti kan xiyyeeffatan akka ta’an rakkoo ol’aanaa nurraan ga’an irraa ka’uudhaan qalbeeffanne,shira isaanii hubachuudhaan hanga tokko of eeggannoo taasisuu jalqabne.

Ergaa guddoo miidiyaawwan Itiyoophiyaatiif

Miidiyaawwan biyya keenyaa kan dameewwan miidiyaa gara garaatiin hojjetan dhaggeeffattoota,daawwattootaafi dubbiftoota isaaniiftiif dhimmoota idil addunyaa irratti odeeffannoo kennuuf kan hojjechaa jiran ta’uun isaanii gara fuulduraattis kan itti fufu ta’uunsaa waan hin oolledha.Wanti guutummaatti dhiifamu hin jiru.

Garuu odeeffannoowwan miidiyaawwan biyyaalee lixaa irraa fudhannee gara afaan biyya keessaatti hiikuudhaan dhiyeessinu irratti nuffii malee irra deddeebi’uudhaan of eeggannoo gahaa of dagannoo hin qabne taasisuun barbaachisaadha.

Ummataaf hojjenna taanaan odeeffannoo faallaafi fedhii diinaa galmaan ga’u akkuma jirutti hiikuudhaan dhiyeessuun miidhaa qaba.Bu’aan dhaggeeffattoota daawwattootaafi dubbiftootaaf argamsiisus hin jiru.Bu’aan argamsiisu yoo jiraate ummanni mootummaa akka shakku taasisuudhaan dhimma biyya isaa irratti garaa guutuudhaan akka hin hirmaanne taasisuudha.

Ummanni mootummaa shakkuudhaan dhimma misoomaafi guddina biyyaa irratti amantaafi garaa guutuudhaan hin hirmaatu yoo ta’e ammoo guddinaafi misooma biyyaa argamsiisuun rakkisaa ta’a.Kanaan biyyatu miidhama.Miidhamni biyyaa ammoo lammii kamiyyuu biraa hafuu danda’u.Ogeeyyoonni miidiyaawwan adda addaa keessa hojjechaa jiranis lammiidha waan ta’aniif miidhama biyyaatiin isaanis walumaan miidhamuun isaanii waan hin oolledha.Kanaaf imaammanni dhaabbata miidiyaa keessatti hojjettan akkuma jirutti ta’ee odeeffannoo miidiyaawwan biyyaalee lixaa irraa fudhachuudhaan hiikuudhaan dhiyaatu kallattii adda addaatiin ilaaluudhaan medaaluun yoomiyyuu dagatamuu hin qabu!

Gowwoomsaan isaanii nu gaha!Kitoobonni ogummaa Gaazexeessitummaa isaan nu barsiisaniifi wanti qabatamaan jiru garaa garummaa bal’aa akkaqabu qabatamaan agarree jirra.Isaan faayidaa biyyaalessaa kabajisiisuuf kufanii ka’uun cichanii hojjetu.Nutis isaanii gadi hin taanu!Ta’uus hin qabnu.Gama kamiinuu faayidaa biyya keenyaa dursuudhaan faayidaawwan biyyaalessaa biyya keenya Itiyoophiyaa utuu hin sharafamni guutummaatti akka kabajamaniif hojjechuudhaan dirqama lammummaa ba’uu qabna.

Barreeffama kana irratti yaada dabalataa yoo qabaattan ykn.qeequus yoo barbaaddan Afaan Oromootiin barreessuudhaan brehuri1@gmail.com irratti erguu dandaeessu.Fayyaa ta’aa!

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa