Waa’ee Finfinnee seenaan hin dagatu-Kutaa 1ffaa
Hagayya 17,2014 Finfinnee(TW) Dhimmi
Magaalaa Finfinnee yoo ka’u adeemsa siyaasaa Itiyoophiyaatu akka malee ho’a.Rakkoon
sababa Finfinneetiin bu’aa siyaasaa galmeessifachuufi fudhatama argachuuf
siyaasa finiinsuu kun waggoota hedduuf turee jira.Hooggansi jijjiiramaa rakkoo
kana sirritti hubate ammoo dhimma kanaaf fala waaraa argamsiisuun barbaachisaa
akka ta’e amanee hojjechuudhaan bu’aa hunduma gammachiisuu danda’u
argamsiiseera.
Kana
jechuun murtee daangaa bulchiinsaa Magaalaa Finfinneefi godina addaa naannawa Finfinnee
jalqaba torban baatii Hagayyaa bara 2014 ummatatti beeksifameen humnoonni
gaddaniifi ammallee murtee kana morman hin jiran jechuu miti.Kanneen hubannoo
hin qabne dabalatee humnoonni adda addaa biyya keessaafi biyya alaa jiran
murtee waliigaltee Mootummaa Naannoo Oromiyaafi bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin
murteeffame kana mormaa jiru.Haala qabatamaa amma jiruun dirreetti ba’anii
mormii isaanii dhageessisuu waan hin dandeenyeefi malee haala mijaa’aa utuu
argatanii hiriira ba’uu irraa waan gara duubaatti jedhan hin fakkaatan.
Kanneen
dhimmichi ajandaa ta’ee akka itti fufu barbaadan akka jiranis inuma beekama.Iccitiin
kan gunguman,murtee darbeen kan yaadda’an,akkam taana?kanneen jedhan jiru.Kanneen
kun lammiiwwan hubannoo gahaa hin qabneefi olola humnoota adda addaatiin
burjaaja’anidha.Jiraattoota haala akkanaa keessa jiraniif fala argamsiisuun kan
danda’amu hojii qabatamaa hojjechuu qofaadhaan ta’a.Jiraattoonni sababa murtee
darbeen yaadda’an adeemsa jireenyaa ammaan boodaa keessatti miidhama malee
jireenya isaanii itti fufuudhaan mirkaneeffachuu danda’a’u.Daangaan bulchiinsaa
adda baafamuun jiraattoonni tajaajila gahaa akka argatan,rakkoo bulchiinsa
gaarii dhabuutiin akka hin dararamne taasisa.
Kana
malees daangaan bulchiinsaa adda baafamee beekamuun dallaaloota jidduu deemuudhaan
qabeenya lafaa daldalaa oolanitti balbala cufa.Qonnaan bultoonni naannawa Finfinnee
jiraatan akka kanaan duraa qayee isaanii irraa utuu hin buqqa’in tasgabbaa’uudhaan
akka jiraatan taasisa.Jiraattoonni Magaalaa Finfinneetis walitti dhufeenya
qonnaan bultoota Oromoo naannawa Finfinnee jiran wajjin qabaniin omishawwan
akaakuu gara garaa argachuudhaan fayyadamuu danda’u.Diinagdeedhaan wal utubuutu
uumama.
Oromoon
lafa irra jiraatu irraa kanaan dura baroota sirna Atseewwaniifi moototaa keessa
diqamaan buqqufamuun gara qarqaraatti dhiibamuuf dirqame.Utuu hin jaalatin lafa
isaa irraa fedhii malee buqqa’e.Sababa kanaan jireenyi qonnaan bultoota Oromoofi
ijoollee isaanii jireenya gaadadoo ta’ee hafe.Sirnoonni itti aananii
dhufuudhaan humnaan taayitaa qabatanis sababa magaalaa Finfinnee babal’isuutiin
tarkaanfii yeroo adda addaatti fudhataniin rakkoon qonnaan bultoota Oromoo kun
itti hammaachaa deeme malee fala argachuu hin dandeenye.
Keessumattuu
sirni waayyaanneedhaan hoogganamaa tureefi qabsoo walootiin barbadaa’uuf
dirqame maqaa misoomaatiin qonnaan bultoonni naannawa Finfinnee daran akka miidhaman
taasiseera.
Shirri
maqaa misooma manneen waliin jireenyaa Kondominiyamiitiin wayyaaneen shirte
qonnaan bultoota naannawa Finfinnee kumaatamaan lakkaa’aman iddoo jireenya
isaaniirraa akka buqqa’an taasisuudhaan miidhaa himamuudhaan hin xumuramne
geessiseera.Maatiin qonnaan bultootaa bittinnaa’aniiru,qonnaan bultoonnis hojii
ittiin jiraatan dhabuudhaan waardiyaa ta’anii jiraachuuf dirqamaniiru.
Ijoolleen
dubaraa ammoo hojjettuu manaa ta’uun akkasumas gara biyyaalee Arabaatti
godaanuudhaan rakkoowwan suukaneessaa ta’aniif saaxilamaniiru.Murteen seenaa
qabeessi hooggansa jijjiiramaatiin murteeffame rakkooleen tartiibaan eeraman
kun lammata akka hin mudanne taasisuudhaan ummanni Oromoo sabootaafi
sab-lammoota kanneen biroo wajjin wal kabajaafi wal jaalalaan akka jiraatuuf
shoora ol’aanaa gumaacha.Barreeffama kana utuun barreessaa jiruu ABO’n Daawud Ibsaatiin
hoogganamu murtee seenaa qabeessa kana akka mormeefi Kantiibaa bulchiinsa Magaalaa
Finfinnee adde Adaanachi Abeebee akka qeeqe gabaafameera.Obbo Daawud Ibsaa
eenyu?maalif murtee ummata fayyadu kana morme?barreeffama itti aanu kutaa 2ffaa
keessatti dubbiftu.Fayyaa ta’aa!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ