Waamicha mootummaa Itiyoophiyaa
Mootummaan Itiyoophiyaa garee shororkeessaa Naannoo Tigraay waayyaannee irratti hawaasni idil addunyaa dhiibbaa akka taasisuuf gaafateera.Hawaasni idil addunyaa garee hattuu omisha boba'aa kana wajjin mootummaa Itiyoophiyaa walitti qabee waraana dhaabaa jechuun sirrii miti jedheera.Tajaajilli komunikeeshinii mootummaa ibsa Har'a waaree booda baaseen wayyaaneedhaaf carraan nagaa baay'een kennameera,garuu adabachuu hin dandeenye jedheera.Humna loltummaa wayyaanee filataman irratti tarkaanfiin cimaan akka fudhatamus hubachiiseera.Waraanni garee shororkeessaa wayyaaneedhaan eegalame hatattamaan hin dhaabbatu taanaan mootummaan Itiyoophiyaa dirqama birmadummaa eegsisuuf qabuun tarkaanfii kamiyyuu akka fudhatu hubachiiseera.Mootummaan Itiyoophiyaa ergaa jiraattoota Naannoo Tigraayiif dabarseenis iddoo jiddu gala loltummaafi meeshaaleen waraanaa itti kuufaman irraa akka fagaatuufis hubachiiseera.Kun kanaan utuu jiruu wayyaaneen Maqaleen xiyaaraan rukutamtee jirti jechuun wacaa jirti.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ