Waa’ee Finfinnee seenaan hin dagatu-Kutaa 2ffaa
Hagayya 19,2014 Finfinnee(TW) Daawud
Ibsaa murtee ummata Oromoo fayyadu maalif balaaleeffate?Daangaan bulchiinsaa Finfinneefi
godina addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee adda baafamee beekamuun Ummata Oromoo
hin fayyaduu?Daawud Ibsaa eenyu innii?Barreeffama kutaa 2ffaa dhimma Finfinnee
irratti xiyyeeffatu kanaan gaaffilee kanaaf deebii kennuudhaanin jalqaba.
Jalqaba
irratti gaaffii eenyummaa obbo Daawudiifi aantummaa isaa haa ilaallu.Daawud Ibsaa
maqaan ijoollummaa Fireew akka ta’e isumatu dubbate gaaffiifi deebii
miidiyaawwan adda addaa irratti kanaan dura taasise irratti haqa kana himeera.Iccitiisaa
isumatu hurufa irratti bittinneesse.Erga inni dhugaa kana himee booda Fireew Maashoo
akka jedhamu dubbatamaa ture.Daawud Ibsaa maqaa qabsooti jedhe.Kanaaf namtichi
kun Tigree ta’uu hin oolu jechuudhaan shakkuudhaan bira dabarre.
Gochi
inni raawwatu ammoo kan wayyaanee deeggaru ta’uusaa mirkaneeffannaan namtichi Tigrree
ta’uun mamsiisaa akka hin taane hubatame.Daawud Ibsaa Tigreedha.Namtichi kun
sanyii Tigree utuu qabaachuu baatee akkamitti Qondaaltoota Tigreetiif
looguudhaan Oromoon akka miidhamu taasisaa?Gaafachuun gaariidha.Yoo waa
gaafatte dhimmicha qorachuudhaan deebiisaa ofumaa bira ga’uu dandeessa.
Daawud
Ibsaa qabsaa’oota beekamoo ofirraa ari’ee,bittinneessee ani hoogganaa ABO’ti
jedhee gammoojjii Eertiraa keessatti tortoree waggoota hedduu jiraate.Mootummaan
jijjiiramaa Dr.Abiy Ahmadiin hoogganamu kadhatee karaa nagaa yoo qabsooftan wayya jedhee itti
himaan foqoquudhaan gara Finfinnee dhufe.
Magaalaa
Finfinneetti ummata Oromoo bal’aan simaannaan gootaa taasifameef.Simannaan ABO Asmaraa
irraa gara Finfinneetti deebi’ee dhufeef taasifame yoomiyyuu kan dagatamu miti.Finfinneen
gammachuudhaan fishiliqxe. tibba sana waan ta’e eenyutu dagataa?Alaabaan ABO
adda babayii Finfinnee hedduu irratti mirmirfamee,halluun alaabaa ABO qarqara daandiidiiwwan
hedduu irratti dibamee mul’ate
Qondaaltoonni
ABO Daawud Ibsaa wajjin gammachuudhaan fishiliquudhaan waan godhan dhaban.Wayyaaneenis
keessa keessa gammachuurra akka turte ni beekama.Ummanni bal’aan miliyoonaan lakkaa’amu ABO deeggara taanaan Abiy
Ahmad deeggarsa ummataa hin qabu, yeroo gabaabaa keessatti fonqolchuu dandeenya
jechuudhaan gammadan,wayyaanoonni shira xaxuudhaan beekaman.
ABO’n deeggarsa ummata bal’aa akka qabu simannaa adda babayii masqalaa Finfinneetti taasifameen kan hubate Daawud Ibsaa qawwee eenyutu hiiksisa? Eenyutu ammoo hiikkata? Jechuudhaan hooggantoota jijjiiramaatti miidiyaatti ba’uudhaan hime.Dhimmi kun battala sanatti ajandaa guddaa ta’uudhaan odeeffamaa yeroo hedduuf ture.
Edaa wanti
duuba jiru hin beekamu waan ta’eef akkasitti afarfame.Jarri durumaanuu walitti
hidhamiinsa cimaa akka qaban dhawaataan beekamaa,hubatamaa dhufe.Daawud Ibsaa
hidhattoonni ABO bosona jiran hidhannoo hin hiikkatan jechuudhaan ejjennoo
qabate cimsee itti fufe.Wayyaaneen yeroo kana hidhattoota ABO jajjabeessuudhaan
deeggarsa hin qusataamne taasisuu eegalte.Hidhattoonni ABO maqaa ABO-shaneetiin
socho’an onnachuudhaan baankiiwwan Oromiyaa lixaatti argaman cabsanii
seenuudhaan saaman.Waan sana booda ta’e hundumaa yaadachuun rakkisaa hin ta’u.
Hundumaafuu
“Dubbiin baaya’ateef harreetti hin fe’amu’ jedha Oromoon.Murteen daangaa
bulchiinsaa dhiyeenya kana Finfinneetti murteeffame gama hundumaanuu ummata bal’aa
kan fayyadudha.Murtee kanaan namoonni dhuunfaan sababa rakkoo jiruutiin galii
ol’aanaa argachaa turan hin miidhaman jechuun hin danda’amu,sirritti miidhamu.Galiin
isaan baraniifi dafqa malee hammaarrachaa turan jalaa hafa.Ummanni bal’aan
ammoo murtee seenaa qabeessa kanaan ni fayyadama.Fayyadamtummaan isaas itti
fufiinsa kan qabaatu ta’a.
Obbo Daawud
Ibsaa murtee seenaa qabeessa ummata bal’aa fayyadu kana maalif balaaleeffateree?Gaaffii
kanaaf deebii gahaa kennuuf fagoo deemuun hin barbaachisu.Daawud Ibsaa Tigree
waan ta’eef murtee kana balaaleeffate.Aantummaa isaa qondaaltoota Naannoo Tigraayiif
maaliin ibsuu danda’aree?Wayyaaneen iddoo amma irra jirtu beekti waan ta’eef
kallattiidhaan murtee kana mormuu waan hin dandeenyeef karaa ergamaashii Daawud
Ibsaatiin murtee ummata fayyadu kana marmite.Gamoowwan lafa Oromoo saamuudhaan
ijaarratte ishii mararuun akka hin oolle inuma beekama.’Utuu beeknuu huuba
wajjin jette sareen’jedhan.Waa’ee Finfinnee seenaan hin dagatu,waan hedduu
barreeffamee dhalootaaf taa’uu qabutu jira.Kutaa 3ffaan kan itti fufu ta’a.Fayyaa
ta’aa!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ