Carraaqqii Looreetii Nagaa Itiyoophiyaafi abdii fuulduraa(Kutaa 3ffaa)


Finfinnee/Addis Ababaa Muddee 20/2012(TW)
Looreetiin Nagaa Muummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad jijjiiramni abdachiisaan qabsoo yeroo dheeraa booda Itiyoophiyaatti argame akka hin gufanneef carraaqqii walirraa hin cinne kan itti fufiinsa qabu taasisaa akka jiran hundatu beeka.Keessumattuu ummanni bal’aan carraaqqii Dr.Abiyyi Ahimad taasisaa jiran guutummaatti hubateera.
Utuu Ummanni bal’aan isaan hubachuu danda’uu baate shirri warra shiraa milkaa’ina argata ture.Gufachiiftoonni jijjiiramaa tooftaa adda addaa uumuudhaan  sochiin isaan jijjiirama gufachiisuuf taasisaa jiran fudhatama argachuu hin dandeenye.Kun milkaa’ina ol’aanaadha.
Gufuuwwan jijjiirama gufachiisuuf taasifaman hedduu waan ta’aniif barreeffama kutaa 3ffaa kana keessattis hanga tokko kaasuun barbaachisaadha jedheen yaade.Looreetiin Nagaa Muummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad waa’ee jijjiiramichaa irratti hubannoo gahaa uumuuf jecha carraaqqii biyya keessatti taasisaa turan xumuruudhaan xiyyeffannoosaanii hawaasa diyaaspooraa Itiyoophiyaa akka taasisan ni yaadatama.

Hawaasa diyaaspooraa Itiyoophiyaa biyyaalee adda addaa jiraatu bira qaamaan dhaquudhaan hojii bu’aa qabatamaa argamsiise hojjechuu danda’aniiru.Keessumattuu Doktara kabajaa Obbo Lammaa Magarsaa wajjin gara bulchiinsawwan Ameerikaa gara garaa deemuudhaan ibsi bal’aan waa’ee jijjiiramaa irratti hawaasa diyaaspooraatiif kennan battalatti bu’aa barbaadamu argamsiisee ture,booda irra waan sinsinnii kan fakkaate ta’us.
Fakkeenyaaf waamichi deeggarsa maallaqaa gumaachuu Dr.Abiyyi taasisan battalumatti deebii argachuu eegale.Kanneen hanga ammaatti akkaataa waamicha yeroo san dhiyaateen misooma biyyaatiif buusii maallaqaa gumaachaa jiran akka jiran ni beekama.Garuu kaka’uumsa jalqabaa sana kabajuudhaan itti fufemoo miti jedhamee yoo gaafatame gaaffii kanaaf dhimmicha irratti qorannoo qabatamaa taasisuun deebii argamsiisuun ulfaataa hin ta’u.
Asirratti waa’ee sinsinnii haakaafnu.Sinsinnaa’uun rakkoo guddaadha.Namoonni sinsinniidhaan duursanii waan tokko faarsaniifi battalatti sochii ol’aanaa mul’isan booda sababa adda addaa uumuudhaan duubatti yoo deebi’an mul’ata.Haalli kun hundadha yoo jedhamuu baates hawaasa diyaaspooraa tokko tokko biratti mul’ateera.Fakkeenyaaf namni Taammaanyi Bayyana jedhamuufi hawaasa diyaaspooraa sochoosuudhaan beekamu guyyaa Obbo Lammaafi Dr.Abiyyi Ameerikaatti argamanii hawaasa diyaaspooraa waliin wal argan sana miila isaanii jalatti kufuuf yoo carraaqu mul’ate.
Waamicha hirpha birrii tokkoo Dr.Abiyyi gaafatan guyyaatti birrii kudhaniyyuu ni baasna jechuun waadaa gale(akka isaaniitti doolaara 10 jechuudha).Amma namtichi kun waadaa gale sana kabajee hojiirra oolchaa jira jechuun waan danda’amu natti hin fakkaatu.Inumaatuu namoonni kanneen biroo akka hin hirmaannee taasisuu danda’a.Jijjiiramichi kallattii isaan barbaadaniin akka hin taane erga hubatanii booda waan isaan jechaa jiran ni hubanna waan ta’eef sochii gufuu uumuu akka hojjechaa jiran inuma beekama.
Waa’ee tokkummaa Itiyoophiyaa malee dhimmi sabaafi sab-lammootaa ka’uu hin qabu amantaa jedhu qabu.Fedhiin isaanii jijjiirama dhufe kana da’oo taasifachuun  waa’een sabummaa akka badu taasisuu ture.Ergaan muummicha ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad”Tokkummaan akaakuu tokko jechuu miti”jedhu yoo dhaga’an gara man’ee isaaniitti deebi’an.Isaan kan barbaadan Itiyoophiyaa Afaan tokko,Amantaa tokkoofi aadaa tokko qabdu ture.Doofummaan siyaasaa isaan qaban asirratti qabatamaan mul’ate.

Humnoonni kun jijjiirama gufachiisuuf qixxee wayyaanee mufattee Maqaleetti galtee socho’aa akka jiran amma shakkuun ni danda’ama.Wal dhabdeewwan Itiyoophiyaa keessatti mul’ataniifi miidhaa adda addaa geessisan maallaqa ol’aanaadhaan kan deeggaramanidha.Namoota jeeqamsa babal’isuuf socho’aniifi too’annoo jala oolan harkatti birriin kumaatamaan lakkaa’amu argamuun kanaaf ragaadha.Mahaallaqni ergamtoota harkatti argamu kun humna duuba jiruun ramadama malee akkanumatti kan argamuu danda’u miti.
Akkuma wayyaaneen jijjiirama dhufe gufachiisuuf fedhii ol’aanaadhaan maallaqa biyyaafi ummata irraa saamte ramaddee socho’aa jirtu humnoonni alaas doolaara sharafuudhaan jijjiirama akka fedhisaanii ta’uufii dide gara ofii barbaadanitti deebisuuf wanti hin goone akka hin jirre argaatuma jirra.Wixiffachaa oolanii bulu malee jijjiirama gufachiisuu akka hin dandeenye ammoo beekamaadha.
Jijjiiramni akka hin gufanneef shoora Lammiin gumaacheefi gumaachaa jiru haa ilaallu.Ministirri ittisaa Itiyoophiyaa Obbo Lammaa Magarsaa jijjiiramni akka hin gufanneef carraaqqiin taasisan tokko lama… jedhamee lakkaa’amee kan himamuu danda’udha.
Gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoo deebii quubsaa kan argate tooftaa Lammiitiini.Fedhiin Oromoon muummicha ministiraa ta’uu qaba jedhu kan guute gamnummaa Lammaa Magarsaatiin akka ta’e kan wallaalu jiraa laata?Dura taa’ummaa ODP keessatti qaban hunda amansiisanii Dr.Abiyyiif dabarsanii kennuudhaan Oromoon muummicha ministiraa akka ta’uuf shoorri obbo Lammaa Magarsaa gumaachan daran ol’aanaadha.Kanaafis saba bal’aa Oromoo biraa kabaja guddaa akka qabban isaanis beeku,hundatu hubata.
Lammiin jijjiiramni akka hin gufanneef dhimmi diinagdee Oromoo xiyyeffannoo ol’aanaa akka argatu taasisaniiru.Injifannoon siyaasaan arganne guddina diinagdeetiin utuubamu malee bu’a qabeessa ta’uu hin danda’u jechuun warraaqsi diinagdee Oromiyaa akka finiinu kan taasise obbo Lammaa Magarsaati.
Sosochiin warraaqsa diinagdee Oromiyaa qabatamaan akka mul’atu taasisuudhaan hojiiwwan guddina diinagdee Oromiyaa qabatamaan akka mul’atan taasisuu danda’aniiru.Carraaqqiin gama kanaan eegalame gara fuulduraattis abbaa qabaatee itti fufiinsa akka qabaatuuf xiyyeeffannoo ol’aanaatu barbaachisa.
Shoorri ol’aanaan gara biraa jijjiiramni akka hin gufanneef obbo Lammaa Magarsaa gumaachan walitti ida’amuu dhaabbileefi dhimma ida’amuu irratti yeroof gara garummaa qabaatanis  garaa garummaa qaban dhiphisuuf murteessuu isaaniiti.Battala Obbo Lammaa Magarsaa akka garaa garummaa qaban VOA Aafaan Oromootiif himuun isaanii dhaga’ametti hunda biratti rifaatu ol’aanaatu uumame.Dhuma irratti kun akkamitti ta’uu danda’e? jechuun kan gaafatan baay’eedha.Faallaa kanaatiin ammoo baga! Jechuun humnoonni gammadan akka jiran hubatameera.
Humni durumayyuu jijjiiramni akka gufatu barbaadu garaa garummaa obbo Lammaa Magarsaa qaban dhageenyaan gammachuudhaan fishiliqe.Battaluma garaa garummaan kun ibsametti jijjiiramni daaraa ta’ee waan hafu itti fakkaate.
Lammiin duruu bitaa mirga ilaalee buusee-baasee xiinxalee murteessa.Fedhiifi faayidaan Saba Oromoo  kan guutamu taanaan mala kamittuu fayyadamuun akka barbaachisu amanee murteesse.Dhiyeenya kana marii taasifameen garaa garummaa uumame dhiisuudhaan tokkummaadhaan hojjechuuf kan murteessan ta’uun isaanii ni beekama.Murtee seenaa –qabeessa kanaafis Obbo Lammaa Magarsaa saba isaan jaallatu biraa galata guddaa qabu.
Egaa farreen jijjiiramaa shira adda addaa qindeessuudhaan jijjiirama Ummanni bal’aan itti abdate gufachiisuuf ammas carraaquu hin dhiifane.Carraaqqiin isaanii abdii fuulduroo Itiyoophiyaan horachaa jirtuun dimimmisaa jira.Dhawaatummaan ammoo akka dhabamu shakkiin hin jiru.Tibbana Looreetiin Nagaa addunyaa muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad akka jedhanitti humnoonni jijjiirama gufachiisuuf akka dhabanii socho’an wanti isaan hin yaalle hin jiru.
“Dura sabaafi sab-lammoota walitti buusuudhaan jeeqamsa babal’isuuf yaalan,jalaa fashalaa’e.Itti aansuun barattoonni Yuniivarstii akka wal ajjeesan taasisuudhaan jeeqamsa babal’isuuf yaalan,jalaa fashalaa’e.Tibbana ammoo dhimma amantaa kaasuudhaan jeeqamsa babal’asuuf yaalaa jiru”.Kanaanis milkaa’uu akka hin dandeenye Dr.Abiyyi yaada kennaniin mirkaneessaniiru.
Humnoonni keessaafi alaa jijjiirama gufachiisuuf fedhii ol’aanaadhaan mahaallaqa ramadanii socho’aa turanillee jijjiiramni Itiyoophiyaatti dhufe inuu daran cimee itti fufe malee hin gufanne.Kanaaf ammoo shoorri ummanni bal’aan gumaache daran ol’aanaadha.Ummanni jijjiiramni akka hin gufanne barbaada.Waardiyaan jijjiiramaa ummata bal’aadha.Jijjiiramni qabsoo Ummataatiin dhufe ummatumaan eegameefi kunuunfamee itti fufa.Abdiin fuulduroo biyya teenya Itiyoophiyaa ifaadha! Tolawaaq waarii dubbisaa.





አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman