Wanti hundumtuu akka qaba

Tibbana Itti aanaan dura taa'aa ODPfi ministirri ittisaa kabajamaa obbo Lammaa Magarsaa dhimma walitti ida'amuufi paartii badhaadhinaa irratti garaa garummaan qaba jedhanii waan dubbataniif gamaa gamanaa waan jedhamaa jiru dhaga'aa jirra.
Obbo Lammaa Magarsaa haala Raadiyoo sagalee Ameerikaa kutaa Afaan Oromootti himan saniin garaa garummaa qaban ibasachuun isaanii mirga isaaniiti.Isaanis akkuma lammii kamiiyyuu mirga demookraasii guutuu hin qunxuramne qabu.
Garaa garummaan isaan qaban mariidhaan fala waaraa argachuu kan danda'udha.Garaa garummaa mariidhaan fala argachuu hin dandeenye mitii.Kana miti yeroo laboobni ibiddaa nama gubu sanattuu shira wayyaanee mariifi tooftaadhaan bira darbuun danda'ameera.
Yaadi Obbo Lammaan calaqqisiisan carraa gaarii uuma malee badiin fidu tokkollee hin jiru.Garaa garummaa obbo Lammaan dhageesisan da'oo taasifachuudhaan haala tokkummaa Saba Oromoottii gufuu guddaa ta'uu danda'uun dhimma kana afarsuuniifi haala walirratti duuluutiin deemuun sirrii hin ta'u.Wanti hundumtuu akka qaba.Wanti hin dabarres hin jiru.Hunduu ni darba.Kanaaf ilaallchaatuma sirbuu wayya!
Karaa birootiin gaaffiiwwan ijoon Ummanni Oromoo qabu deebii gahaa hin argatu taanaan qabsoon itti fufa.Ummanni Oromoo bara haalli mijaawaan uumame kana dhiisiitii duruu ukkaamsittoonni wayita akka malee isa ukkaamsanitti mirgasaa kabajisiifachuuf jilbiinfatee hin beeku.
Gara fuulduraattis Oromoon mirgaafi faayidaasaa kabajisiifachuuf eenyu irraayyuu hayyama hin gaafatu.Gaaffiinsaa haqaa deebii hin argatu taanaan qabsoosaa finiinsee itti fufa.
Haala qabatamaa amma jiruun gaaffiiwwan Ummata Oromoo deebii gahaafi amansiisaa akka argataniif haala mijaawaatu jira.Paartii badhaadhinaa keessatti gaaffiin ummata Oromoo deebii argachuu hin danda'u jechuun shakkii qabatamaa hin taane uumuun hin barbaachisu.
Saboota sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa wajjin ta'uun gaaffiin Ummata Oromoo ijoo ta'an kan akka Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta'u taasisuu,dhimmi daangaafi Finfinnee akkasumas faayyadamtummaan diinagdeefi gaaffiiwwan kanneen birootis deebii argachuunsaanii waan hin oolledha.
Paartiiwwan miseensummaa PP'tti makaman gaaffiiwwan Ummata Oromoofi sabaafi sab-lammoota kanneen biroo deebii akka argataniif hin hojjetan taanaan fudhatama qabaachuu akka hin dandeenye hin hubatan jechuun yaaduun waan barbaachisu natti hin fakkaatu."ofii jettu mi'aayi yookin dhakaadha jedhamtee darbatamta" akkuma jedhamu sana ta'uunsaa waan hin oolledha.
Kanaaf PP'n ofiif jedheet gaaffiiwwan Ummata Oromoo deebisa.Gaaffiiwwan Ummata Oromoofi sabaafi sab-lammoota kanneen biroo deebii hin argatan taanaan paartiin badhaadhinaa lubbuu qabaachuu hin danda'u.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman