Mariin dhaabbilee Siyaasaa Oromoofi Amaaraa maaliin xummurame?


Finfinnee Muddee 08/2012(TW)
Mariin dhaabbilee siyaasaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessa socho'an kudhan taasisaa turan xumurameera.
Marii guyyoota lamaaf taasifamaa ture kana irratti hooggantootnni dhaabbilee siyaasaa 150 fi hayyuuleefi abbootii qabeenyaa 50 ta'an hirmaataniiru.
Dhaabbileen kunneen ibsa waloo xumura marichaarratti kennanin, badiinsi lubbuu barattootaafi rakkoon nageenyaa dhaabbilee barnoota ol’aanaa keessatti mul'atu akka dhaabbatu waamicha dhiyeessaniiru.
Ibsa kennanin "rakkoon kun furmaata dhugaa akka argatuuf qaamni hundi akka hojjetuuf waliigalleerra" kan jedhan Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaadha.
"Gaddi onnee keenya tuqe furmaata akka argatuuf, akkasumas walitti dhufeenyi fooyya'aa ta'e akka jiraatuuf ni hojjenna," jechuunis himaniiru.
Dabalataan Obbo Daawud qaamoleen mootummaa bifa itti gaafatamummaa qabuun gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Dura Taa'aan Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABN) Dooktar Dassaalany Caannee gama isaaniitin: "rakkoon dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti mul'atu akka dhaabbatu ni barbaadna.
Barattootni garaagarummaa siyaasaa qabaatanillee wal shakkii gidduu keessan jiru mariidhaan hiikuu qabdu," jechuun dubbatan.
Maatin mootummaa amanee ijoolleesaa gara dhaabbilee barnoota olaanoo akka ergu kan himan Dr. Dassaalany, eegumsi dhaabbilee barnoota olaanoo lafaa ta'uu isaa himan. "Kanaafis dhaabbileen barnootaa olaanoo eegumsa isaanii cimsuu qabu. Nutis rakkooleen siyaasaa furmaata siyaasaa akka argatanif ni tumsina," jedhan.
Du'a barattoota dhaabbilee barnoota ola'anoon gadda itti dhagahame himuun kan eegalan Hogganaan Kongirasii Federaalawaa Oromoo KFO Proofeesar Mararaa Guddinaa: "dargaggoonni Itoophiyaa gaaffii mirgaa uummata biyyattiif gumaacha guddaa taasisaa turaniiru."
"Haata'u malee, qabsoon mirgaa barattoonni taasisan wal ajjeesuun yoo ta'e qabsoo isaanii fulduratti hin tarkaanfachiisu. Jijjiirama mootummaas hin fidu," jedhan.
Mootummaan qaamoleen nageenyaa naannoo dhaabbilee barnoota olaanootti socho'an seera eeganii akka socho'an gochuu akka qabu Proofeesar Mararaan ibsicharratti himaniiru.
Mootummaan barattootaaf eegums cimaa akka taasisuufi hawaasnis barattoota naannoo isaanii jiran akka ijoollee ofiitti kunuunsuu akka qabanis dubbatan.
Dabalataan qaamolee tarkaanfilee barattoota irratti fudhataman duuba jiran adda baasunis qaamolee nageenyaaf eeruu kennuu akka qaban Prof. Mararaan himaniiru.
Mariin dhaabbilee siyaasaa naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti socho'an gidduutti taasifame miira gaarii kan qabufi galmasaa kan milkeesse ta'uu kan himan immoo Obbo Taayyee Danda'aati.
Mootummaan eegumsa gochuun itti gaafatamummaa isaa bahachuuf qophii fi sochiin akka jirus himaniiru.
"Qaamni nageenyaafi poolisiin miira 'kan keenya fi kan isaanii' jedhuun osoo hin taanee nama namummaa isaatin kabajuun nageenya barattootaa akka eegsisu waamicha dhiyeessina.
Haaluma kanaan akka raawwatamuufis ni hojjenna" jedhan.
Miidiyaaleen dhimmicha hammeessan gochaa isaanirraa akka of qusatanis dhaamaniiru.

Maddi:BBC Afaan Oromoo

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman