Gaachana Sabaa,qeequun fala hin ta'u!

Finfinnee/Addis Ababaa Muddee 20/2012(TW)
Bareffama kanaaf ka'uumsa kan naaf ta'e yaada fuula fb paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa irratti har'a ganama dubbise tokkodha.
Poolisiin Oromiyaa dhugaadha gaachana Sabaati.Oromi ammoo kana akka hin jaallanne beekuu qabna.Maaliif akka jibbanis hin wallaalamu.Humni kun badii isaan saba irraan ga'an kichuutti kan hanbisuufi guutummaattis kan ittisuu danda'u waan ta'eef jibbuun.
Jibba isaanii ololaafi yaada weeb saayitii hawaasummaa tokko tokko irratti kennaa jiraniin mul'isaa jiru.
Dhugaa qabatamaadhaan kan beekamuufi wanti haalamuu hin dandeenye Poolisiin Oromiyaa gaachana sabaati. Wabii nageenyaa fi eegduu ol’aantummaa seeraati.Poolisiin Oromiyaa nageenya ummata keenyaa kabachiisuuf jecha wareegama hedduu kaffalaa as gahee jira.
Haala mijataa hintaane keessatti qorraa fi roobaan rukutamaa, beelaa fi dheebuuf osoo hinjilbeenfatini, wareegama qaqqalii kaffaluun ofiif du’aa humna ummata jiraachisuuf socho’aa jirudha.
Humna faayidaa ummataa dursuun kutannoo ol’aanaadhaan socho’aa jiru kana humna namaa, teeknooloojii fi ijaarama ammaayaatiin cimsuun ergama isaa karaa bu’a qabeessa ta’een akka bahu gochuun murteessaa akka ta’e Mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee amana. Kanaafuu, Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna pooliisii Oromiyaa cimsuuf humna haaraa ballinaan fo’achuun leenjii qulqullinaa fi gahumsa qabu kennuu, namuusaa gaarii fi ilaalcha ummatummaa gonfachiisuun, ijaarama poolisii ammayyoomsuun bobbaasuu cimsee kan ittii fufu ta’a.
Ummatni keenyas sochii humni poolisii nageenyaa fi ol’aantummaa seeraa kabajichiisuuf taasisu akka milkaa’u tumsa barbaachisu hunda akka godhuuf waamicha keenya dabarsina.
Polisiin Wabii Nageenyaati! Dhugaadha! kana haaluun hin danda'amu! #Peace #Police

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman