Dubbiins akkas ta’uu hubachuu qabna!


Finfinnee Muddee 07/2012(TW)

Oromoo Cuubeedhaan yoo waraanne Oromoo hundatu fincila,Amaara Cuubeedhaan yoo waraanne Amaara hundatu fincila jedhamee karoorfamee itti qophaa’eemee maallaqni  ol’aanaan ramadamee hojjetame.
Karoorri warri shiraa shiranii qabatan kun hanga tokko hojiirra oolee agarree jirra.Garuu ammoo galmi karoora isaanii hin milkoofne,kichuutti cabee hafe.Gara fuulduraattis mata duree gara garaa uumuudhaan dhufuuf wixiffachuun isaanii hin oolu.Ammoo milkaa’uu hin danda’an.Akkuma kanaan dura karoorrisaanii fashalaa’aa ture fashalaa’ee jalaa hafa.
Warri taayitaan harkaa baate waan harkaa baate harkatti deebifachuuf halkanii guyyaa hojjechaa jiru.Tooftaa kamiyyuu fayyadamuu irraa akka duubatti hin jenne waan isaan kanaan dura yeroo adda addaatti yaalan irraa qabatamaan agarree jirra.

Oromoofi Amaarri akka wal ajjeesu taasisuudhaan taayitaan argamu hin jiru,jiraachuus hin danda’u.Warri shiraa iddoo kamiyyuu jiran kana beekanii utuu adabatanii taa’anii wayyaafi.Ummanni waliin jiraachaa tureefi waliin jiraachaa jiru akkasumas walirraa hore addaan ba’uu hin danda’u!
Dhaadheessitummaadhaan dhimma sabaa,dhimma amantaa,dhimma gandummaafi dhimmoota kanneen biroos afarsuudhaaniifi ololaa ooluudhaan taayitaan argamu gonkumaa hin jiru.Falli jiru Sab-daneessummaa kabajuudhaan tokkummaa biyyaa cimsuuf hojjechuudha.Waan Ummanni bal’aan barbaadu irratti xiyyeeffachuudhaan hojjechuutu fala waaraa fida.
Ummanniu Nagaa,Demokraasii Badhaadhinaafi tokkummaa barbaada.Humni fedhii ummataa kana dura dhaabbatu ammoo sababa adda addaa uumuudhaan ummata burjaajessuuf wixiffatu bu’aan argachuu danda’u tokkollee hin jiru.Dhugaa kana firris diinnis  utuu beekee wayya.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman