Gadi Galoo bitamteef hin jilbiinfannu!

Namni suuraasaa armaan gaditti agartan kun basaasaa akka ta'e dhiyeenya kana yoo dubbatamu dhag'een jira.Duula inni hooggansa jijjiiramaa irratti banes hordofaa waanan tureefi yaadaafi gochi inni raawwachaa jiru oduun kanaan dura dhaga'e sun dhugaadha jedhee akkan amanuuf dirqameen jira.
Piroofeesar Hizqeel Gabbisaa jedhama.Waltajjiiwwan adda addaa irratti jijjiirama biyya keenyatti dhufe mormee dhaabbachuusaafi kana milkeeffachuuf gaaffiifi deebii miidiyaawwan adda addaa irratti taasisu hordofeera.
Guyyaa tokkollee waan faallaa malee gaarii yoo dubbatu dhaga'ee hin beeku.Kanaaf hojii ergamtummaa hojjechaa akka jirun hubadhe.Kanaan dura tokkummaa Oromoo irratti dhiibbaa qabaachuu danda'e jechuun dhimma namticha kanaa irratti barreessuu irraa of qusachaan ture.Ammaan booda garuu namticha kana saaxiluun barbaachisaa akka ta'e murteessuudhaan akkuma inni mirgaafi faayidaawwan Ummata keenyaa irratti duulaa jiru kunoo anis har'a irraa eegalee irratti duuleera.
Murtee kana irraan kan naga'e dhaamsa Pirofeesar Hizqeel Gabbisaa namoota tibbana Maqaleetti walga'aniif dabarse akka ta'e ibsuun barbaada.Egaa ergamtuu CIA dura dhaabbachuun saaxiluun,Ummanni akka beeku taasisuun barbaachisaadha.Isin waa'ee nama kanaa maal beektu?Kan beektan darbadhaa! kan dhageessan himaa! shakkii keessan barreessaa! kana yoo goone qofadha ergamtuufi xawalwaallee ofiif jecha ummata miidhamaaf saaxiltu qolachuun kan danda'amu.#Oromiyaa #Ethiopia

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman