Carraaqqii Looreetii Nagaa Itiyoophiyaafi abdii fuulduraa(Kutaa 2ffaa)


Finfinnee Muddee 13/2012(TW)

Abdiin fuulduroo Itiyoophiyaa ifaadha.Haala abdachiisaa sadarkaa biyyaatiin amma jiru kana bira ga’uuf garuu gufuuwwan hedduun mudataniiru.Humni jijjiirama mormee dhaabbate jijjiirama gufachiisuuf tooftaawwan adda addaatti fayyadamuudhaan yaaliin hin taasifne hin jiru jechuun danda’ama.Yaalii ajjeechaa looreetiin Nagaa Muummicha Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad irratti Waxabajjii 16 bara 2010 adda ababayii Masqalaatti taasifame haa yaadannu!
Waxabajjii 16 bara 2010 yaaliin ajjechaa Finfinneetti taasifame utuu milkaa’ee itti aanee waan mudatu tilmaamuun hedduu rakkisaa akka ture tibba sana baay’otatu dubbachaa ture.Ummanni Finfiinneefi naannawashee jijjiirama argameefi muummicha ministiraa akka deeggaru dhaamsa dabarfachuuf adda babayii Masqalaatti ba’e.Deeggartoonni kun miliyoonaan kan lakkaa’aman akka turan himameera.

Looreetiin Nagaa Muummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad Ummata adda babayii Masqalaatti ba’ee gammachuusaa mira adda addaatiin ibsachaa tureef haasawa dhageessisuudhaan deebi’anii erga taa’anii  daqiiqaa muraasa booda Boombiin isaaniif darbatame namoota dhiyeenyatti argaman biratti dhoowuusaatiin lammiiwwan hedduun madaa’an.
Battala balaan suukaneessaan kun mudatetti saffisaan waltajjicha irraa bu’uudhaan gara waajjira isaaniitti kan deebi’an Looreetiin Nagaa Muummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad ibsa Ummattoota Itiyoophiyaa tasgabbeessu Televizyiinii Itiyoophiyaatiin kennan.”Warri shiraa hin milkoofne,yaaliin waraabeyyii guyyaa fashalaa’eera” jechuun dubbatan.
Jechi guyyaa sana”waraabeyyii Guyyaa”jechuun isaan dubbatan kanneen jijjiirama dhufe booda gara Magaalaa Maqaleetti baqatan dheekkamsiisuudhaan yeroo hedduudhaaf ajandaa ta’ee akka ture ni beekama.”Waraabessa Guyyaa” jechuun kanneen Maqaleetti galan qofa miti jechuudhaan hubachiisuuf yaaliin taasifamullee fudhatama waan argate hin fakkaatu.
Humni wayyaanee jijjiirama dhufeen mufachuudhaan raratee Maqaleetti galee Yaaliin ajjeechaa Mahaallaqa ol’aanaa ramadee taasise fashalaa’uun isaa xiiqii ol’aanaa keessa akka galcheen yaaliiwwan ajjeechaa itti fufuunsaan taasifamaniin hubachuun ulfaataa miti.
Yaaliin ajjeechaa itti aansuudhaan taasifame loltoota dirqama fudhatanii hojjechaa jiran qindeessuudhaan gara masaraa mootummaatti erguudhaan da’oo gaaffii faayidaa adda addaa dhiyeessuutiin yaaliin ajjeechaa akka raawwatamu taasisuu ture.Yaaliin kunis gamnummaa guddaa Looreetii Nagaa Muummicha Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad’iin fashalaa’e.
Loltoota girrisanii masara Mootummaa seenan mariisisuudhaan push up hojjechiisuun irbaata erga afeeranii booda gaggeessan.Kun gamnummaa ol’aanaadha.Namoonni loltoota kana qindeessuudhaan duuba taa’anii bobbaasan too’annoo jala oolfamuudhaan dhimmisaanii mana murtee loltummaatiin erga ilaalamee booda adabbiin hidhaa akka itti murteeffame ni beekama.Dr.Abiyyi yaada kanaan dura kennaniin “keessikoo utuu gubatun push up hojjechiisee irbaata afeeruudhaan gaggeesse”jechuun wayita dubbatan dhaga’amaniiru.
Tooftaan warri shiraa itti aansuudhaan hordofan akkuma barame “Oromoon biyya bulchuu hin danda’u” jechisiisuuf kan raawwatamaa turedha.Naannolee adda addaa keessatti sababoota adda addaa uumuudhaan nagaan akka dhabamu taasifameera.keessumattuu dhalattoonni Saba Amaaraafi Oromoo akka walitti bu’an taasisuudhaan wal dhabdeen sabaa kan jiru fakkeessuuf yaaliin taasifamu yeroo hedduu fudhachuudhaan hanga ammaatti kan ture ta’uunsaa ni beekama.
Oromoon Sabaafi Sab-lammoota kanneen biroo jibbee kan ofirraa ari’aa jiru fakkeessuuf  kash-labboota mahaallaqaan bituudhaan iddoowwan adda addaatti jeeqamsi ka’ee lubbuun namaa akka darbuufi qabeenyi akka barbadaa’u taasifameera.Ummanni gochawwan suukaneessaa raawwataman hunda duuba  harki qondaaltoota wayyaanee akka jiru mamii hin qabu.Humni jijjiiramaa guffuu keessaafi alaa dandamachaa jijjiiramni utuu hin gufatin sadarkaa har’aa irra akka ga’u taasisuu danda’eera.
Hooggantoonni jijjiiramaa Dr.Abiyyi Ahmadiifi Lammaa Magarsaa akkasumas darboonnisaanii jijjiiramni akka hin gufanneef mudhii hidhatanii hojjechaa jiru.Obbo Lammaafi Dr.Abiyyi jidduutti garaa garummaan uumameera sababa jedhuun gammachuun diinaa mul’achaa jirus fashalaa’eera.Kana ilaalchisuudhaan oduun aagaa dhaga’ameera.oduun aagaa dhaga’amte akkas jetti:-
“Adeemsa siyaasaa keessatti garaagarummaan yaadaa fi ilaalchaa mudachuun uumamadha. Keesumaa ammoo haala qabatamaa biyya keenyaa fi yeroo cehumsaa yaadamootni haaraan itti beeksifaman, riiformiin partii itti geggeeffamu keessatti carraan garaagarummaa yaadaa uumamuu ni ballata.
Garaagarummaan yaadaa dhalachuun mataa isaatiin rakkoo miti. Dhimmi guddaan garaagarummaa yaadaa kana karaa dimokraatawaa ta’een furuuf qophaa’ummaa qabaachuudha.
Hogganaa paartii keenyaa kan ta’an kabajamoo Obbo Lammaa Magarsaa kanaan dura falaasama idaa’amuu fi adeemsa walitti makamiinsa paartii irratti yaada garaa garummaa akka qaban miidiyaatti dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Dhimma kana akkaataa aadaa fi duudhaa Oromootiin bakka miseensotni Koree Hojii Raawwachiiftuu ODP duraanii fi hoggansi buleeyyiin jiranitti hiikuuf marii iftoomina qabu geggeessuun yaadota garaagarummaa turan dhiphisuu fi kanaan boodas tokkummaa cimaadhaan waliin hojjechuun injifannoo saba keenyaa boqonnaa haaraatti ceesisuuf waliigalteerra gahamee jira.
Paartiin keenya aadaa dimokraasii fi duudhaa Oromummaatiin rakkoo keessoo isaa hiikkachuuun gaaffiiwwan hunda galeessa ummatni keenya qabu hiikuuf hojjechuu cimsee kan itti fufu ta’a” Kutaan 3ffaan barreeffama kanaa kan itti fufu ta’a.Tolawaaq Waarii dubbisaa.




አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman