Paartii Badhaadhinaa hundeessuun maaliif barbaachise?


Biyyi keenya Itoophiyaan bulchiinsa ADWUI waggoottan kurna sadii ta’uun booda waggoottan sadan darbaniif ce’umsa siyaasaa guddaa keessa jirti. Kaayyoon ijoo jijjiirama kanaa dogoggoroota fi rakkinoota akkasumas walqoqqooddii fi haaloowwan turan sirreessuu fi fayyisuun biyyattiin daandii dimokiraasii fi badhaadhinaa akka qabattu taasisuu dha.
-------
Itoophiyaa keessa yeroo dheeraaf rakkoowwan qoodinsa qabeenyaa, bilisummaa, hojii dhabdummaa, malaammaltummaa fi of duroomsuu hamaan akka ture beekamaadha. Haalli kun biyyattii qarqara diigamuu irraan ga’ee ture. Dhaabbileen ciccimoo rakkinoota kanneenii fi fedhii ummataa dabalaa dhufeef deebii kennan dhabamuun ammoo sirnichatti qormaata hammeesseera. Haalli kun walitti ida’amee hawaasa irratti yaaddoo fi qormaata hamaa uumuu qofa osoo hin taane jijjiirama haqnii fi walqixxummaan keessatti dagaage akka uumamuufis carraa fideera.
-------
Haalli biyya keenya keessa ture mormii walirraa hin cinne akka jiraatu kan taasise yoo ta’u karaan marsaa mormii fi cunqursaa kana irraa aara galfachuun danda’u jijjiirama ykn ce’umsa siyaasaa hundagaleessa fiduu qofa ture. Itoophiyaa keessatti jijjiiramni siyaas-dinagdee hammataa fi jijjiiramaa (flexible) ta’e yoo hin fidiin diigaminsa hawaasaa geessisuu danda’a. Kanaaf, hooggansi haaraan biyyattii kufaatii/diigaminsa irraa baraaruuf jijjiirama siyaas-dinagdee hunda galeessa ta’e fiduun dirqama ture. Dhugaa dubbachuuf jijjiirama fiduunis ta’ee itti fufsiisuun baay’ee ulfaataadha; ta’us duubatti deebi’uun balaa irra caalaa waan qabuuf carraan jiru fuulduratti deemuu qofa. Haaluma kanaan sagantaa fi poolisii waaltawaa ta’e qabaachuu fi paartilee miseensa ADWUI fi paartilee deeggartootaa hunda walitti makuun paartii biyyoolessaa uumuun kaayyoo ijoo haaromsa paartii ADWUI yoo ta’u, ADWUI diiguun Paartii Badhaadhinaa uumuun kab barbaachiseef sababoota ijoo armaan gadii irraa kan ka’edha:
--------
Tokko, hooggansa ADWUI jalatti duudhaan ‘Dimokiraasii giddu-galessummaa’ aangoon murtee murteessuu fi dabarsuu kan qaama olaanaa qofa ture; hirmaannaan hooggansa gara jalaa fi hawaasaa hin turre. Gama biraan duudhaan Dimokiraasii giddu-galessummaa aangoo heeraa mootummaan mootummoota naannoleef kennamee fi sirna federaalaa qabatamaan kan faallessedha. Paartiin Badhaadhinaa walitti dhufeenyi mootummaa federaalaa fi mootummoota naannolee jidduu jiru akkaataa heera mootummaa irra taa’een akka wal madaalu taasisuun qoodinsi aangoo sirrii fi federaalizimiin dhugaan akka jiraatu taasisa.
-------
Lama, yaadamni ADWUI hawaasa ‘diinaa fi fira’ jechuun addaan hira. Yaadamni kunis maqaa garaa garaa itti moggaasuun hawaasa biyyattii akkaataa walitti araaramuu hin dandeenyeen itti fufinsaan qoqqooduun irratti kan xiyyeeffatedha. Yaadamni kun mirga lammiilee kan dhiibee fi bilisummaa kan dhoowwate, dimokiraasii, heera mootummaa fi sirna federaalizimii kan faallessedha. Paartiin Badhaadhinaa yaadama ‘Ida’amuun’ lammiin hundi dhimma biyya isaanii irratti akka hirmaatu kan taasisuu, hanqinoota turan sirreessuun ciminoota jiran walitti ida’uun guddina siyaas-dinagdee hammataa ta’e, kutaalee hawaasaa hunda kan hirmaachisuu fi kalaqa irratti hundaa’e kan bu’uureffatedha. Akkasumas, mirgii lammiilee heera mootummaa irratti katabame hojiirra akka oolu fi taasisuun hawaasa siyaasaa fi dinagdee tokko uumuudha.
-------
Sadaffaa, caaseffamni ADWUI lammii biyyattii hunda qixa kan hirmaachisu hin turre. ADWUI paartilee miseensotaa afur qofa irraa waan uumameef paartileen ummattoota akka Somaalee, Beenishaangul Gumuz, Affaar, Hararii fi Gambeellaa bakka bu’an ‘deeggartoota’ jedhamuun murtee dhimma isaanii irratti murtaa’uun ala turani. Paartilee fi hawaasni nnaannolee kanneen keessa jiran dhimmoota biyyaa fi ofii isaanii irratti murtaa’e keessatti qooda qabaachaa hin turre. Fedhaa fi sagalee isaanii dhageessifataa waan hin turreef murtee murtaa’u irratti fagoorraa taajjabdoota turani. Hojimaanni kuni hawaasa biyyattii lammii tokkoffaa fi lammaffaa kan taasisedha. Kanaaf, adeemsa siyaasaa duubatti hafaa fi lammiilee qoqqoodu kana hambisuun caaseffama siyaasaa haaraa lammii hunda mirgaa fi itti gaafatamummaa walqixaan walqixa hirmaachisuu danda’u uumuun waan barbaachiseef Paartiin Badhaadhinaa uumamee jira.

Maddi:Fuula fb Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman