Carraaqqii Looreetii Nagaa Itiyoophiyaafi abdii fuulduraa(Kutaa 1ffaa)


Finfinnee  Muddee 06/2012(TW)

Haala qabatamaa amma jiruun ittiin waamamni isaanii dabaleera.Takka turee ittiin waamama Mangistuu Hayilamaariyaam ga’e jedhamee qoosamuun hin oolu.Ittiin waamama isaanii kana maqaa dha’uun barbaachisaadha.Kanaan dura Muumicha ministiraa Dr.Abiyyi Ahamad jechuun waamuun kanneen itti ulfaatu akka jiran beekamaadha,ammas jiru,jibba irraa madda jedheen yaada.Kanneen tokko tokko barreeffama isaaniitiin jibba qabaniin ykn.ittiin waamama duursuun waamuu waan hin feeneef muummicha ministiraa Abiyyi Ahmad(Dr.)jechuun akka barreessan inuma beekna.Isaan kana godhan eenyufa’i akka ta’anis hin wallaallu.
Kanneen jibba  qaban kunneen amma maal ta’u laata?Looretii Nagaa Muummicha Ministiraa Dr.Abiyyi Ahmad jechuun waamuun ykn. barreessuun akka heexootti itti hadhaawa.Sababa kanaan akkuma baranitti itti fufuun isaanii hin oolu.Muummicha ministiraa jechuunuu waan godhan dhabanii dirqama itti ta’eeti.Garuu ittiin waamama kanaan duraafi kan amma haarawa dabalame mamii malii maqaa dha’uudhaan waamuu qabu ykn. Barreessuutu irra jiraata jedheen amana.
Looretii Nagaa Muummicha Ministira Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad har’a Itiyoophiyaa bulchaa jiru.Carraan biyya bulchuu kun argamuun mirgiifi gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoo waggoota hedduuf hawwamaafi qabsaa’amaafii ture akka dhugoomu taasiseera.Dhugaa kana haaluun hin danda’amu.Dhugaa qabatamaan mul’ate kana akkamitti haaluun danda’amaa?Deebiin kan warra haalaniiti.Silaa sababa uuman hidhabani.

Asirratti galata Lammii dagachuun hin ta’u! Ministirri Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa Kabajamaa obbo Lammaa Magarsaa gaaffiin saba Oromoo,Oromoon maalif muummicha ministiraa hin ta’u? jechuun yeroo dheeraaf gaafatamaa ture deebii qabatamaa akka argatuuf shoorri gumaachan yoomiyyuu kan dagatamu miti.Seenaadhaan yaadatamaa bara baraan jiraata.
Lammiin taayitaan maal abbaashii! Gaaffiin sabaa yoo deebii argate wayya jedhee baasee buusee bal’inaan itti yaadee dura taa’ummaa ODP Looretii Nagaa Muummicha Ministiraa Dr.Abiyyi Ahmad’iif dabarsee utuu kennuu baatee gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoo deebii hin argatu ture.Gamnummaan Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Kabajamaa obbo Lammaa Magarsaa wanti barbaadamu akka argamu taasiseera.Kanaafis Oromoon hundi galata hin dagatamne qaba jedheen yaada.
Shoora Lammiin gama hundaan gumaachan barreeffama kutaa kutaan itti fufiinsaan dhiyaatu kana keessatti wantiin barreessu heduutu jira.Gara dhimma Looreetii Nagaa Muummicha Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad’tti isin haa deebisu.Haala mijaawaa Lammiin kutannoo isaatiin uumeen baatii Bitootessaa bara 2010 muummicha ministiraa Itiyoophiyaa ta’uuf  kan carrooman Dr.Abiyyi Ahmad battala taayitaa ol’aanaa biyya bulchuu argatan irraa eegalee boqonnaa malee akka hojjechaa jiran seenaadhaan galmaa’ee qabameera.
Borumtii taayitaa qabatanitti Ummattoota biyya keenyaa bulchiinsa badaa caasaa Adda Demookraatawa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa(ADWUIn) komiifi mufii cimaa keessa gale tasgabbeesuuf jecha gara Naannolee Magaalotaafi godinaalee adda addaa imaluudhaan mariisisan,waan hawaasni jedhu dhaggeeffatan,gaaffilee gara garaa waltajjiiwwan marii irratti qaamoleen hawaasaa adda addaa kaasaniif nuffii tokko malee deebii kennan.Gaaffiiwwan yeroo dheeraa keessatti deebii argachuu qabaniifis deebii qabatamaa kennuuf waadaa galan.
Marii bakka bu’oota ummataa waliin iddoowwan adda addaatti taasisaniin akkaataa ummattoota Itiyoophiyaa ittiin hoogganan,tooftaa ittiin hoogganuu qabaniifi fedhiin ummattootaa haala akkamiitiin guutuu akka danda’u,dheebuu demokraasii ummattoonni Itiyoophiyaa hundi qaban sirritti hubataniiru jechuun ni danda’ama.
Marii ummata tasgabbeessuu irra jiraasaa erga xumuranii booda xiyyeffannoo isaanii biyyaalee ollaa Itiyoophiyaa irratti taasisan.”Yoo ollaan Nagaa qabaate Nagaan bulan” akkuma jedhamu Itiyoophiyaan Nagaadhaan akka jiraattuuf nagaan biyyaalee ollaa Itiyoophiyaa amansiisaa akka ta’uuf kutannoodhaan hojjetan.Gara Jibuutii,Soomaaliyaa Suudaaniifi Keeniyaa dhaquudhaan waan hojjechuuf karoorfatan hojiirra oolchan.Carraaqqii gama kanaan taasisaniinis milkaa’ina irratti milkaa’ina dabalaa deeman.Goota biyyaalee Afrikaa bahaatti Nagaa buusuuf socho’an jedhamuun jajaman.
Looretiin Nagaa Muummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad biyyaalee ollaa jidduu Nagaan amansiisaan akka jiraatuuf kutannoodhaan waan hojjetaniif Itiyoophiyaafi Eertiraa jidduuttis Nagaan akka bu’u taasisan.Pireezidaantiin Mootummaa Eertiraa obbo Isaayyaas Afawarqii ibsa dhiyeenya kana kennaniin “Dr.Abiyyi gaaffii araaraa utuu dhiyeessuu baatee ani kana hin yaadun ture,badhaafni Noobelii Nagaa isaaf kennamuun sirriidha” jechuun mirkaneessaniiru.
Sababa lafa Baadimmee jedhamuun waraanni dhiiga lammiiwwan Itiyoophiyaafi Eertiraa kumaatamaan lakkaa’aman dhangalaasise xummuramuudhaan waggaan 20’n erga lakkaa’amee booda Itiyoophiyaafi Eertiraa jidduutti Nagaan amansiisaan akka bu’u taasisuu kan danda’e eenyu?jedhamee yoo gaafatame“Looretii Nagaa Muummicha Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimadi” deebiin jedhu akka kennamu beekamaadha.
Abbichuun fedhii obbo Isaayyaas Afawarqii erga hubatanii booda kallattummaan garee ergamaa mootummaa Itiyoophiyaa hoogganuudhaan gara Magaalaa Asmaraatti imalan.Simannaan Mootummaafi Ummata Eertiraa cululuqaa ture.Isuunis dabareesaaniitiin qondaaltoota Mootummaa Eertiraa hoogganuudhaan gara Magaalaa Finfinnee wayita dhufanitti deebiin kenname cululuqaadha.
Kana booda daangaan biyyaalee lamaanii yeroo dheeraaf cufamee ture akka banamu taasifame.Ummattoonni biyyaalee lamaanii wal yaadaa turan gammachuudhaan fishiliquudhaan wal keessa deemuu eegalan,sochiin daldalaas ni eegalame.Booda irra garuu shira warra shiraatu jira fakkaata daangaan baname akka cufamu taasifame.Dhimmi araara Itiyoophiyaafi Eertiraa ammallee dinqisiifannaadhaan ilaalamaa jira.Wayita araarri bu’etti biyyaalee lamaan jidduutti waliigalteewwan adda addaa mallatteeffamaniiru.Waliigalteewwan dhimmoota gara garaa irratti taasifaman akka hojiirra oolaniif hojjetamaa jira jechuun qondaaltoonni mootummaa Itiyoodhiyaa yoo dubbatan ni dhaga’ama.
Pireezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii Itiyoophiyaa wayita daaw’atanitti haasawa dhageessisaniin”jijjiiramni Itiyoophiyaatti dhufe akka gufatuuf hin hayyamnu” jechuun dubbataniiru.Isuun dhaamsa kana eenyuuf akka dabarsan ni beekama.
Looretiin Nagaa Muummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad badhaasa Noobelii Nagaa koreen badhaasa Noobelii qopheesseef Sadaasa 30 bara 2012 Noorwey Osloo’tti argamuun fudhataniiru.Sirni badhaasa fuudhii-dabarsii Osloo’tti taasifame cululuqaa ture.Haasaan dura teessuun koree badhaasa Noobeliifi Dr.Abiyyi Ahmad sirnicha irratti dhageessisan xiyyeeffannoo argachuudhaan dhimma marii ta’ee turuuf carraa argateera.
Looretiin Nagaa Muummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad kan yeroo 100ffaa ta’uun badhaasa seenaa-qabeessa kana argachuu kan danda’an bu’ii ba’ii hedduu bira darbuudhaani.Gufuuwwan isaan mudatanis himamanii kan xumuraman miti.Gufuuwwan isaan mudatan ilaalchisuun waanuma isin beektan kutaa 2ffaa barreeffama kanaa keessatti dubbiftu.Tolawaaq Waarii dubbisaa!


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman