Saatalaayitiin Ityoophiyaan torbee darbe gara Hawaatti furgugsite suuraa jalqabaa Hawaarra kaafte ergite.

Saatalaayitiin Ityoophiyaa torbee darbe gara Hawaatti furgugsite suuraa jalqabaa Hawaarra kaafte ergite.
Lafa kan qorattuu fi ragaa suuraan galmeessuun kan walitti qabdu mogaasti “ETRSS-1” kan kennameef saatalaayitiin Ityoophiyaa jalqabaa suuraa jalqabaa hawaarraa kaafte erguun ishee ibsame.
Saatalaayitittiin Jimaata darbe buufata saatalaayitii Chaayinaatii gara hawaatti furgugfamuun ishee ni yaadatama.
Jijjiirama qabeenya qilleensaa to’achuuf, qorannoo fi qo’annoo qonnaa waliin walqabate hojjechuu fi damee biroo irratti hojii bu’uraalee misoomaa raawwachuu dandeessi jedhame.

Chaayinaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa suuraa jalqabaa ifoomsaniiru.
Haata’utii suurichi naannoo kam akka agarsiisu hin ibsamne.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ibsa Ijjannoo Koree Giddugaleessaa Dhaabbata Dimokiraatawa Ummata Oromoorraa kanname.

Historic speech of PM Dr.Abiy Ahmed(english version)

Akkuma Kaleessaa Har’as Qormaatota Injifinnoon Ceenee, Harka Keenya Galataaf ni Bal’ifna