Amala humnoota farreen Nageenyaa.........


Humnoonni farreen nageenyaa akkuma amala isaanii imaammattoota, tarsiimoowwanii fi labsiiwwan garagaraa hojiiwwan misoomaa fi ijaarsa sirna demokraasii keenyaa saffisiisan roga hin malleen garagalchanii agarsiisuu isaanii itti fufaniiru.


Walgahii idilee 2ffaa waggaa 1ffaa bara hojii Caffee 5ffaa MNO taa’ameen Caffeen wixineen labsii magaalota Naannoo Oromiyaa bulchuuf bahe lakk.65/1995 irra deebiin fooyyeessuudhaan mirkaneessee ture. 

Labsiin kun qajeeltoowwan Heera mootummaa bu’uura godhachuudhaan magaalonni Naannoo Oromiyaa akkaataa bulchiinsaaf mijaa’an, tajaajilaa fi bu’uuraalee misoomaa gahaa argachuun itti quufiinsi ummataa mirkanaa’uu danda’uun kan bahe ta’ullee, humnoonni farreen nageenyaa akkuma amala isaanii roga hin malleen hiikkaa itti kennuun afarsuurratti argamu.

Kanas dhaabbilee barnootaa keessatti ajandaa taasifachuuf dhagaan isaan hin fonqolchine hin jiru.

Keessumattuu labsii kana keessatti dhimma walitti makamiinsa magaalootaa fi moggaasa maqaa jedhamee ka’e pilaanii qindaawaa misooma waliinii magaalaa Finfinnee fi Magaaloota Godina Addaa Naannawaa Finfinnee waliin
walqabsiisuun bu’aa siyaasaa hin malleef argachuuf afarsuurratti argamu.

Nuut immoo hubannoodhaaf akka tolu barbaachiisummaa fi Faayidaalee Labsiin Kun Hojiirra Ooluun Isaa Argamsiisu akka asii gadiitti dhiyeesineera dubbiisa!!
Barbaachisummaa Labsii Magaalota Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Irradeebiidhaan Hundeessuudhaan Bahe, Lak. 195/2008
Magaalota Mootummaa Naannichaa keessatti rakkoolee walxaxaa hanga gadiitti mul’atan adda baasuudhaaf qorannoo gaggeeffamee jira.

1) Rakkoolee Gurguddoon Addaan Bahanii fi Furmaata Waliin Dhiyaatan:

• Rakkoo dandeettii raawwachiisummaatiin walqabatu kan akka gurmaa’insaa, hojimaataa fi humna namaa dandeettii fi gahumsa qabu dhabuu;
• Rakkoo bulchiinsa gaariin walqabatuu fi ilaalchaa fi gochi kiraasassaabdummaa bulchiinsa lafaa fi galiidhaan walqabatanii mul’atan;
• Walitti hidhamiinsi guddina magaalotaa fi baadiyyaa uumamuu dhabuu;
• Seerri magaalota mootummaa naannichaa akka gurmaa’an, aangoo fi hojii akka qabaatan taasisuuf bahee ture yeroo dheeraa kan lakkoofsisee fi haala guddina ariifataa magaalota keessatti dhufaa jiru waliin kan walsimachuu hindandeenye ta’uu;
• Gulantaalee bulchiinsaa ummatatti dhiyaatanii jiran caasessuu fi annagoo fi hojii alwaalta’aa taasisuun gadi bu’ee kennamuufii hafuu irraa kan ka’e ummanni dhiyeenyatti tajaajila dhaqqabamaa argachuu dhabuu;
• Galii magaalota keessaa burquu danda’an haala guutuu ta’een sassaabuu fi hojii misoomaatiif oolchuu dhabuu fi kkf yoo ta’an furmaata rakkoolee kanneen hiikuu gargaaranis dhiyaatanii jiru.

2) Akkaataa Yaadawwan furmaataa dhiyaataniitti Barbaachisummaa Labsii Kanaa:

• Gurmaa’insaa fi hojimaata magaalotaa sirreessuuf ulaagaalee magaalonni ittiin sadarkeeffaman ifatti kaa’uuf;
• Mirga ummanni magaalotaa ofiin of-bulchuuf Heeraa fi seeraan gonfate hojiirra oolchuuf bulchiisa mootummaa magaalotaa hundeessuun qaamolee mootummaa magaalotaa gurmeessuu fi aangoo hojii isaanii murteessuf;
• Gurmaa’insa caasaa humna namaa dandeettii fi gahumsa qabuun akka ijaaramu haala mijaawaa uumuuf;
• Hoggansa guddinaa fi babal’ina magaalotaa waliin walgitu sadarkaan akka uumaman gochuun kenniinsa tajaajilaa saffisaa, iftoominaa fi ittigaafatamummaan keessatti mirkana’e ummataaf dhiyeessuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf;
• Aangoo fi hojii magaalotaa alwaalta’aa taasisuun gurmaa’inni gulantaalee bulchiinsa magaalotaa ummatatti dhiyaatanii jiran akka aangeffaman taaisuu fi gulantaalee bulchiinsa magaalotaa kanas sadarkaa sadiitti gurmeessuuf;
• Galii magaalonni burqisiisuu danda’an guutummaan duguuganii walitti qabuu fi misooma magaalotaatiif guutummaan hojiirra oolchuu dandeessisuuf;
• Magaalota walitti dhiyaatanii fi sadarkaa guddina adda addaa irratti argaman walitti hidhamiinsa uumuun guddina waliinii fi qindaa’aa ta’eef akka waliin hojjetan taasisuuf;
• Walitti hidhamiinsa guddina magaalotaa fi baadiyyaa uumamuun ummanni garaagarummaan osoo irratti hintaasifamin irraa fayyadamaa akka ta’an gochuuf;
• Magaalonni sadarkaa guddina isaaniitiin gara sadarkaa olaanaa itti aanutti akka cehan taasisuuf;
• Sirna ittifayyadama baajataa diriirsuun gahumsaa fi bu’a qabeessummaan hojiirra oolchuun akka danda’amu taasisuuf;
• Ijaarsa seeraan alaa to’achuun lafa magaalaa qusannoo fi bu’a qabeessummaan hojiirra oolchuuf;
• Akka waliigalaatti seerri kun dhimmoota olitti ibsamuun gurmaa’ina, aangoo fi hojii magaalotaa waliin walqabatan murteessuun hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uun waan itti amanameef adeemsa adda addaa keessa darbuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin tumamee akka hojiirra ooluuf kan ragga’eedha.
A. Faayidaalee Labsiin Kun Hojiirra Ooluun Isaa Argamsiisu
• Gurmaa’inaa fi caaseffama magaalotaa sadarkaan adda baasuun kenniinsa tajaajilaa fi misoomaaf haalli mijaawaan akka uumamu waan taasifameef magaalota hawwataa, jireenyaaf mijaawaa ta’an ni uumamu.
• Galii magaalotaa guutummaan duguuganii walitti qabuun hojii misoomaatiif oolchuun misoomni magaalotaa akka saffisu taasisa.
• Haala mijaawaa guddina walitti hidhamiinsa ummata magaalaa fi baadiyyaa uumuun fayyadamummaan ummataa walgitaa ta’e ni diriira.
• Ol’aantummaan ilaalchaa fi gocha kiraasassaabdummaa akka maqfamu taasisuun ilaalchaa fi gocha misoomawaan akka bakka bu’aa deemu, olaantummaan seeraa fi ittigaafatamummaan hojiirra oolee bulchiinsi gaariin akka mirkanaa’u ni taasifama.

Maddi:BDHKMNO

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa