Gochi kiraa sassaabdummaa iccitiidhaan Federeeshinicha keessatti raawwatamaa ture miidhaa akka geessise himame



Gochi saamichaafi kiraa sassaabdummaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa keessatti raawwatamaa ture miidhaa ol’aanaa akka geessise itti gaafatamaan kutaa teeknikaa Federeeshinichaa obbo Duubee Jiloo himaniiru.


Itti gaatamtichi Gaaffiifi deebii  Faanaa Biroodkaastiing Korporeet wajjin taasisaniin Federeshinicha keessa hattoonni gurmaa’uudhaan socho’an akka jiran beeksisaniiru.

Obbo Dubee wajjin gaaffiifi deebiin kun kan taasifame imala  Atileetootaa da’eeffachudhaan Namoonni Atileeta hin taane 11 gara biyyaalee alaa akka deeman taasifameera odeeffannoo tibbana dhaga’ame ka’uumsa taasifachuudhaani.

Gocha malaamamltummaa Federeeshinicha keessatti raawawtamaa ture keessa harki keessan gonkumaa hin jiruu?jedhamuun kan gaafataman obbo Duubeen ani gamakootiin gocha badii kamiyyuu keessaa harka hin qabu,waggoota 20f Fedeershinciha keessa wayitan tajaajilaa turetti maqaakoo eeguufi kabajisiisudhaaniin tajaajilaan ture deebii jedhu kennaniiru.

‘Ani har’as borus harkikoo qulqulluu akka ta’e mamii maleen dubadha, rakkoo jiru ittisuuf qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatuuf ragaawwan barbaachisaa dhiyeessaan ture’ jechuunis obbo Duubeen dubbataniiru.

Yaa’ii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa dhiyeenya Magaalaa Arbaamincitti adeemmsifame irrati barreessituu muummeefi  hojjettuun kutaa mana galmee Obbo Duubee Jiloo hojiirraa ari’amnii seeraan akka gaafatamaniif kan murteefame ta’uun ni beekama.

Sochii barreessituun keessan taasiftu dhiyeenyatti akkamitti hordofuu dadhabdan,hojmaanni too’annoo hin jiruu? jedhamuun kan gaafatman itti gaafatmaan kutaa teeknikaa Federeshinichaa ‘Chaapaan barreessituu bira taa’a Tiitarri kiyyas darbee darbee hojiif jecha harkashee ni gala’ jedhaniiru.

Namoota 11 gara biyya alaa akka imalaniif haalli mijaa’eef wajjin wal qabatee Eembaasiiwwan wajjin qindaa’uudhaan Namoonni akka biyyaa ba’aniif haalli mijeeffameef akka hin baane taasifamuusaas beeksisaniiru.

Gochoonni saamichaafi kiraa sassaabdummaa Federeeshinicha keessatti ijaaramuudhaan raawwatamu kan jedhan itti gaafatamtichi rakkoon kun ammas Federeeshinicha keessa waan jiruuf Ummata Itiyoophiyaa wajin qabsaa’uudhaan rakkoo kana dhabamsiisuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Poolisiin Federaalaa dhimmicha hordofuudhaan qaamota seeraan gaafatamuu qaban hordofuudhaan seeratti dhiyeessuuf hojjechaa akka jiruufi hojchi ulfaataa waan ta’eef hanga falli waaraa argamutti carraaqqiin taasifamu cimuudhaan kan itti fufu akka ta’e obbo Duubeen himaniiru.

Komishiiniin Naamusaafi farra malaammaltummaa Federaalaa kanaan dura Federeeshinicha irratti kanaan dura qorannoon akka taasifameefi qaamoleen kana ittisuuf socho’an Federeeshinicha keessa akka jiraniifi kanneenis qindaa’uudhaan akka socho’anis himaniiru.

Nama itti qabsaa’uufi hojjettoota adda duree ta’uudhaan socho’an irratti dhiibbaan akka taasifamus itti gaafatamtichi himuudhaan obbo Duubee Ilmasaa gara biyya alaatti ergeera kan jedhame soba,Ilmikoo Fiiziyoo Teeraappiistimmaan akka deemu taasifame,anis kana keessaa harka hin qabu jechuun dubbataniiru.

Federeeshinicha keessa gareen hannaafi saamichaa ol’aanaan akka jiru Mootummaafi Ummanni Itiyoophiyaa akka beekanin barbaada jechuunis obbo Duubee Jiloo dubbataniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman