Godaannisa Seenaafi ilaalcha ekeraa
Kan darbe yaadachuun adeemsa
boruu miidhagaa taasisuuf tola,kanaaf waan darbe yaadachuun barbaachisaadha.
Sabni Oromoo Saba guddicha,kabajamaafi
bu’ura sirna Federaalaawaa biyya teenya Itiyoophiyaa jedhamtu kanaati.Sirnoonni
abbaa irree kanaan duraa Minilik,Hayilasilaaseefi Darguun saboota
sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa hunda irratti akka barbaadanitti
roorrisaa turaniiru.
Keesumattuu roorrisni sirnoota
abbaa irree kanaan Saba Oromoo irra ga’aa
ture asii hanga asiiti jedhamuun kan
himamee xumuramu miti.
Sirni Minilik qabeenya lafaa
babal’icfachuuf jecha Oromoota irratti duuluudhaan dhiiga Oromoo lafarra lolaaseera,lafeen
isaas akka caccabu taasiseer.Sabni Oromoo dararamni hedduun sirna Minilikiin qindeeffame wayita irra ga’u yeroon callisee
taa’ee ilaale tokkollee hin turre.
Asirratti babal’ifannaa sirni
Minilik Arsii,Baalee,Harariifi iddoowwan Oromiyaa biroottis taasise qolachuuf Oromoon kutannoodhaan
qabsaaa’eera.Roorroo nafxanyootaa ofirraa qolachuf carraaqqii taasifameenis
harkaafi harmi Oromootaa murameera.naf-saalli dhiira Oromoo kolaafameera.Duulli
Oromoonni Aanooleefi Calanqoo irratti taasisan kana wajjin kan yaadatamuu
qabudha.
Sabni Oromoo haala kanaan
mirgaafi faayidaawwan isaa kabajisiisuuf carraaqqiin taasisaa ture kun garuu
gurmuufi qindoomina kan qabu waan hin tureef roorroon diinaa waggoota hedduuf
akka turuuf haala mijaa’aa uumeera.
Minilik irraa goonfoo dhaaluudhaan taayitaa kan qabate sirni mootii Hayilasillaaseetis hanga xumura bara taayitaa isaatti waanumti akaakileefi akaakayyuun isaa raawwachaa turan akka itti fufu taasisuudhaan cunqursaan Saba Oromoo irraa ga’u finiinee akka itti fufu taasiseera.
Hayilasillaaseenis Oromoon lafuma
isaarratti tajaajilaa muudamtoota sirnichaa ta’uudhaan akka jiraatuuf dirqamsiiseera.Qonnaan
bulaan fayyadamaa omishasaa ta’uu dadhabuudhaan jireenya hiyyummaafi gadadoo keessa
waggoota hedduu jiraachuuf dirqamuun ofis ta’e ijoolleesaa daara baasuun itti
ulfaatee tureera.
Saba Oromoo dabalatee ummattoota
cunqurfamtoota Itiyoophiyaatiif kan dhaabbate fakkeessuudhaan sirna mootii
Hayilasillaase humnaan fonqolchuudhaan bara 1967 keessa taayitaa kan qabate
sirni Darguutis jijjiiramni Oromootaaf argamsiise hin turre.
Qabeenyi lafaa qonnaan
bulaadhaaf! Dhaadannoo jedhuun qonnaan bulaan Oromoo hanga tokko lafa akka argatu kan taasise sirni abbaa
irree Darguu Oromoon fayyadamaa bu’aa
dafqasaa akka hin taaneef tooftaawwan adda addaatiin gufuu uumuurra darbee
ijoolleen Oromoo adda waraanaatti akka guuramtu taasisuudhaan innis
dabareesaatiin Oromoota irratti roorrisuun waggoota 17 tureera.
Walumaagalatti Ummanni Oromoo
sirnoota sadeen Minilik,Hayilasillaaseefi Darguu keessa gama hundumaanuu utuu
hin fayyadamin jireenya suukaneessaa keessa tureera.
Cunqursaan siyaasaafi hawaas-diinagdee
Saba guddicha Oromoo irra ga’aa ture kun Oromoonni hundi aadaafii seenaa
isaanii akka hin dagaagifanne taasisee ture.Sirnoonni miidhaa hedduu Oromoo
irraan ga’aa turan du’anis ilaalchi
ekeraa isaanii duguugamee waan dhabame hin fakkaatu.
Egaa dhaloonni har’aa darbee
darbee meeshaa ilaalcha ekeraa ta’uudhaan miidhamaaf saaxilamaa jiru dhugaa
kana beekuufi hubachuu qaba.
Dh.D.U.O/A.D.W.U.I-bu’aa
qabsoo bara dheeraa
Ijoolleen cunqurfamtoota
Itiyoophiyaa sirnoota abbaa irree balaaleeffatan gammoojjii Itiyoophiyaa
kaabaatti galuun sirna abbaa irree Darguu falman.Qabsoon kaayyoo qabatamaafi
galma kaawwachuun taasisanis turtii waggoota 17 booda bara 1983 milkaa’uudhaan Saba Oromoo
dabalatee saboonni sab-lammoonniifi ummattoonni Itiyoophiyaa hundi bittaa sirna
abbaa irree Darguu jalaa bilisa ba’an.
Humnoota Demookaraatawaa miseensa ADWUI wajjin dhaabbata demookraatawa
Ummata Oromoo(Dh.D.U.O) jalatti gurmaa’uudhaan Naannoon Oromiyaa iddoon hundi
Nagaa akka argatu kutannoodhaan kan kan qabsaa’an ijoolleen Oromoo yeroo
mootummaa ce’uumsaa bara 1983 irraa eegalee tureen Nagaan akka mirkanaa’u
taasisuudhaan fayyadamtummaan Saba Oromoo gama hundumaanuu akka mirkanaa’uuf
qabsaa’aniiru.
Qabsoon ijoolleen Oromoo
kaayyoodhaan taasisan kun Oromoota hundaaf bu’aa hedduu yoomiyyuu seenaadhaan
yaadatamu galmeessiseera.
Ummanni Oromoo bu’aa qabsoosaa
bara dheeraafi wareegama ijoollee isaatiin argatetti mamii malee fayyadamuu
erga eegalee waggoonni 25 ol lakkaa’amaniiru.Injifannoowwan Sabni Oromoo
harkatti galfate duubatti akka deebi’aniif garuu humnoonni adda addaa ilaalcha
ekeraa of tuulummaafi dhiphimmaa qabatan yeroo adda addaatti socho’aniiru.
Sochiin ilaalcha ekeraa tibbana
lubbuu ijoollee Oromoo galaafateefi qabeenya birrii miliyoonaan lakkaa’amu
barbadeesses qaamuma sochii humnoota harcaatoota ilaalcha ekeraati.
Humni kamiyyuu kan haaluu hin
dandeenye har’a Ummanni Oromoo fayyadamaa bu’aa damee siyaasaafi hawaas-diingdeeti.Qaamni
ajajaan Oromoon omisha isaatti akka hin fayyadamne taasisu hin jiru,Mirgooleen
Namoomaafi Demookraasii eenyumaanuu jalaa hin sarbaman.Mirga ofiin of
bulchuutti guutumaafi guutuutti fayyadamaa jira.
Haa ta’uutii waggoota darban
keessa adeemsa bulchiinsaafi kenniinsa tajaajilaa keessatti rakkooleen Oromoota
mudatan hin jiran jechuun hin danda’amu.Kunis fala argachuu kan danda’u qabsoo
demokraatawaa Saba Oromoo guddichaan taasifamuuni malee humnoota ilaalcha ekeraa
qabatanii olola sobaatiin socho’aniin miti.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ