Halagaan eenyu?firrihoo eenyu?


Weellistoonni Oromoo tokko tokko jeeqamsa tibbana Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti mudate akka  babala'atuuf shoorri isaan gumaachan ol'aanaadha.Namoonni kun Ijoolleen Oromoo homaa hin beekne burjaajoftee jeeqamsa keessa akka seentu taasisuudhaan dhiigni lammiiwwan keenyaa akka dhangala'uuf  carraaqqii ol'aanaa taasisaniiru.

Artistoonni beekamoon kan akka Addisuu Mangistuu(Karrayyuu),Saalihaa saamii,Muluu Baqqala,Zarihuun Wadaajoofi kanneen biroonis sirboota ka'i maalif teessa laftikee saamame jechuun olola sobaatiin Dargaggoonni Oromoo akka kaka'an taasisaniiru.

Sirboonni artiistoonni kun torban tokko keessatti warsheessan qilleensarra akka oolan taasisuun Televizyiiniin komaandara Facebook Jawaar Mohaammad OMN's shoorri gumaache bal'aadha.Kunis badii raawwate hundaaf gatiisaa argachuu qaba

Sirbi Saalihaan sirbiteefi dawwattan kun ammoo miseensoota Dh.D.U.O'tiif kan sirbame fakkaata.waamicha taasifamuusaatikaa,moo haaloo isinitti banaadhaa laata?.Halagaa wajjin hiriirtanii dhala Oromoo miitani,maalif?halagaa wajjin hiriirtan?jechuun gaafatti weeliftuun kun.Halagaan eenyu firrihoo eenyu laata?

Kanaaf Namoonni kun akkuma gaggeessitoota paartiiwwan siyaasaa tokko tokkoo miidhaan ol'aanaan akka ga'uuf kakaasuudhaan gochi shororkeessitummaa akka babal'atuuf carraaqqii ol'aanaa waan taasisaniif seeraan gaafatamuu qabu!


!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman