Hundumtuu waardiyaa Nagaa akka ta’e mirkaneesseera



Oromoon dhimma Nagaa isaarratti duubatti akka hin jenne qabatamaan mirkaneesseera.Bu’aa Nagaan qabu Saba Oromoo caalaa kan beeku jiraaree?


Humnoonni farra Nagaafi misooma biyyaa ta’an harka lafa jalaatiin fedhii isaanii guuttachuuf tibbana waan danda’an hunda godhaniiru.Humna qabaniin wixiffataniiru.Kan yaadaniif kaayyeefatanii ka’an garuu hin milkooneef.

Daba humnoonni kun xaxaniifi gochoota badii raawwataniin lubbuun lammiiwwan keenyaa marartuun dabartee jirti,qabeenyi Ummata hedduu tajaajilu akka manca’u taasifameera,Dhaabbileen ummata Oromootiif guyyuutti tajaajila kennan barbadaa’aniiru.

Dhugaan niqallatti malee hin cittu akkuma jedhamu badii kana hunda duuba eenyuufa’i akka jiran olee bulus beekamuun hin oolu.Wayita ammaa qaamoleen gochoota seeraan alaa kana iddoowwan adda addaatti raawwatan seeratti akka dhiyeeffamaniif Ummanni Oromoo waltajjiiwwan hunda irratti gaafateera.

Waltajjiiwwan dhimma Ngaa irratti xiyyeeffachudhaan tibbana adeemsifamaa turanis Ummanni Oromoo sadarkaa hammamiitiin Nagaadhaaf akka dhaabbate mirkaneessaniiru.Jeeqamsi iddoowwan adda addaatti qabsiifames wayita ammaa dhaabbachuu kan danda’e Ummanni oromoo iddoo jiru hundatti waardiyaa Nagaasaa akka ta’e qabatamaan waan mirkaneesseef akka ta’e hubatamuu qaba.

Gara fuulduraatti carraaqqii humnoonni tasgabbii taasisan maddiitti waardiyaan amansiisaan Nagaa Oromiyaa Ummata Oromooti!

‘Yaa baallee sarariitii Namni yertuun Nama miiti’ jechuun akkuma weellisaan dur sun hime Humnoonni yertuun kaayyoo badii qaban kun abdii waan kutataniif ammaan boodas gochoota abdii kutannaa raawwachuu irraa duubatti hindeebi’an.Kanaaf akkuma wayita ammaa Nagaa amansiisaadhaaf waardiyaan nucaale hin jiru jechuun sochoone,hojii keenya idilee hiyyummaa dhabamsisuu maddiitti dhimma Nagaa irratti of dagachuun hin barbaachisu.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman