Kanniisa Gaaggurri jalaa tuqame



Ummanni Oromoo tibbana Nagaa Naannoo isaa irratti xiyyeeffachuudhaan mari’ateera.Mareen tibbana eegalame kun wayita ammaas iddoowwan adda addaatti akkuma itti fufetti jira.


Mareen kun Nagaa humnoonni badii kan akka harcaatoota ABO,Gonboot 7fi Shaabiyaan qindaa’uudhaan booressan iddootti deebisuuf qaamolee hawaasaa gara garaatiin adeemsifamaa jira.

Utubaan Nagaa Itiyoophiyaa Saba Oromooti waan ta’eef haala kanaan dhimmoota Naannoo ofiirratti mari’achuun bu’aa ol’aanaa qaba,hubannoo gabbisa,kan dogongore sireessa,walumaa galatti Nagaa Sabni Oromoo ummattoota Itiyoophiyaa wajjin dhandhamaa ture itti fufsiisuuf gargaara.

Ashuu Oromoo!baga mari’attan,ejjennoon isin waltajjiiwwan maree irratti argamuudhaan Nagaa misoomaafi demookraasii itti fufsiisuuf qabattan humnoota badii kamiifiyyuu du’a uuma,kaayyoo isaaniis karaatti hanbisuun galmasaanii fashaleesseera.

Oromoo!Harcaatoonni ABO,Ginboot 7fi Shaabiyaan dhangaa badiifi dhumiinsaa siif qopheessanii turan.Badii humnoota kanaa fashaleessuudhaan gamnummaa durumaan qabduun keessa darbaa jirta,ammas jabaadhu.humnoota fayyadamtummaakeefi mirgooleekee sarbuuf fiffiigaa jiran dura dhaabbadhu!

Dhaabbannikee qabsookee kallattii sirriidhaan hoogganaa jiru Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’n suma wajjin jira.Of tuultoonni aadaafi Afaankee gananii turan kan siif quuqaman fakkaachuun socho’uun isaanii bu’aa isaaniitiifi malee siif akka hin taane atuu beekta,kun sitti kan himamu miti.

Bu’aawwan ati qabsoofi carraaqqiikee bara hedduutiin argatteefi mirgooleen harkatti galfatte olola sobaatiin akka sijalaa dhabamuuf waan danda’an hunda gochaa jiru.Inni keessas taa’ee fakkeessuudhaan odeessu bu’aan siif argamsiisu tokkollee hin jiru.

Oromoo!Kiraa sassaabdoonni dhaabakee Dh.D.U.O/A.D.W.U.I keessatti haala mijaa’aa argatan seeraan akka hin gaafatamneef humnoota farra Nagaa maddii kan hiriiran ta’uusaanii shakkuudhaan socho’i!Duulli bulachiinsa gaarii mirkaneessuu mootummaan labse hirmaannaa kutannoodhaan ati taasiftu malee galmasaa hin ga’u,kanaaf hirmaadhu,malaammaltootaa haala mijaa’aa jirutti fayyadamuudhaan malaan saaxili!Qabsookee hiyyummaa keessaa ba’uuf eegalte finiinsi.

Wallaalaakee gorsi!jaalalaafi kabaja saboota sab-lammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa kanneen biroo wajjin qabdu caalaatti jabeessi,nahoofkalchi kun kan Saba Oromootti himamu miti walyaadachiisuutu wayya jedheetani.Galatoomaa!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman