Ummanni Oromiyaa humnoota Nagaa wajjin Nagaa Naannoosaa akka eeguuf waamichi dhiyaate



Biiroon dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa jeeqamsa humnoonni farreen Nagaa qindeessaniifi tibbana raawwatame irratti xiyyeeffachuudhaan har’a ibsa kenneera.


Hoogganaan biirichaa obbo Fiqaaduu Tasammaa haala yeroo Naannoo Oromiyaa irratti ibsa har’a gaazeexeessitootaaf kennan kanaan jeeqamsa mudateen Lubbuu Namootaafi qabeenyarra miidhaan akka ga’e mirkaneessaniiru.

Hoogganaan biirichaa akka jedhanitti humnoonni badii farreen nageenyaa dhiphoonnii fi shoororkeessitoonni Guddina diinagdee Naannoo Oromiyaa fi biyya keenyaa irraa ummanni keenya fayyadamuun isaa ibidda ramacii itti ta`e dhimma pilaanii qindaawaa misooma waliinii magaalaa Finfinnee fi Magaaloota Goddina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee waliin walqabsiisuun bu’aa siyaasaa hin mallee argachuuf oloola afarsaaniin miidhaan ga’eera.

Manneen barnootaa muraasa Naannoo Oromiyaa  keessatti jeeqamsi akka mudatu kan taasifame imalli haaromsaa akka itti hin funeef  dhaabbilee shoroorkeessitoota akka Ginboot 7fi  ABO’n akka ta’anis himaniiru.

Jeeqamsi kun dimma maastar pilaanii qindaa’aafi labsii magaalotaa dhiyeenya Caffee Oromiyaatiin ragga’eef hiikkaa ofiif barbaadan kennauun jeeqamsii akka babal’atuuf carraaqqiin taasifamuus himaniiru.

Qaamoleen kun kanumaan duraa qaxxaa muraan taayitaa qabachuuf yaalaa akka turan kan himan  hoogganaan biirichaa ummanni wantoota sadi hubachuu qabu kaasaniiru.

Akkaatuma kanaan maastar pilaanichi  magaaloota  godin aaddaa Oromiyaa Nananwa Finfinneefi Magaalaa Finfinnee  bu’ura misomaatiin walitti hidhu,gabaa bal’aa Finfinnee jiru irraa godinni addaa akka fayadamuuf kan yaadamedha.

Kana malees qabeenya  uumaamaa Finfinnee  keessa jiru waliin bulchuudhaan faayidaa waliin wajjinii umudha kan jedhan obbo Fiqaaduun,gochoota yakkaa asiifi achitti uumamanis waliin too’achuufi faalama warshaaleen geessisaniin miidhaa ummatarara ga’u waliin ittisuuf akka ta’e himaniiru.

Yeroo ammaa waardiyyaa nageenyaa kan ta`e ummanni keenyaa fi humni nageenyaa  kabachiisa naannichaa qindoomuun hojii hojjatameen nageenyii kan bu’e  waan ta`eef barattoonni sababii kanaan barumsarraa hafan gara mana barumsaatti deebi’anii adeemsi baruu fi barsiisuu itti fufusaas obbo Fiqaaduun eeraniiru.

Barattoonni hanga ammaa gara barumsaatti hindeebi’iin akka deebii’aniif dhaamuun,ummanni keenya gochaawwan farreen nageenyaa hubachuun akkuma armaan duraa nageenya naannichaatiif waardiyyaa dhaabbachuun nageenya isaa akka kabachiisus dhaamaniiru.

Jeeqamsi humnoonni kun qindeessan manneen barnootaan alatti akka babal'atu taasisuudhaan warshaawwan tokko tokko irratti miidhaan akka ga'uuf carraaqqiin akka taasifames obbo Fiqaaduun dubbataniiru.

Jeeqamsa mudate kana keessa Namoonni meeshaa waraanaa hidhatan akka jiran mirkanaa'uus obbo Fiqaaduun beeksisaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman