Hidhattoonni shaabiyaan shoroorkeessitummaadhaaf bobbaaseen qabaman


Aanaa Addii Arqaay jedhamutti hidhattoonni shaabiyaan gocha shoroorkeessitummaatiif bobbaaseen godina Goondar Kaabaatti too’annoo jala akka oolfaman qajeelchi bulchiinsaafi tasgabbii godina Goondar kaabaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan qajeelchichaa obbo Warquu Hayilamaariyaam akka himanitti miseensoonni garee shoroorkeessaa  meeshaa hidhatan wajjin kaleessa too’annoo jala kan oolfaman iddoo Barmaariyaam Midmaar jedhamutti.

Garee shororkaa kana  waajjira bulchiinsaafi tasgabbii Naannoo Tigraay wajjin wal ta’uudhaan too’annoo jala oolchuun akka danda’amedha kan himame.

Ergama shaabiyaadhaan itti kenname fudhachuudhaan gochoota shororkaa raawwachuuf gara biyya keessaa kan galan miseesonni garee shororkaa kun  hidhattoota mootummaan naanichatti argamaniif Nagaadhaan harka akka kennataniif gaafatamanis didanii dhukaasa waan bananiif sadeen madaa’anii yammuu qabaman kanneen hafan ammoo harka kennataniiru.

Madaa’anii kanneen qabaman keessaa dursaa garee shororkaa kan ta’e Tizaazuu Waldamadin jedhamu kan eerame yammuu ta’u dhimmisaanii poolisiidhaan qoratamaa akka jiru himameera.

Miseesnonni garee shororkaa iddoo Waaldibbaa jedhamutti ummata Nagaan jiraatu dhaabbileefi hooggantoota irratti gochoota shororkaafi haleellaa raawwachuuf shaabiyaa irraa ergama kan fudhatan akka ta’an beekameera.

Miseesnoonni garee shororkaa meeshaa waraanaa shaabiyaan hidhachiiseefi waraqaa dhaabbata shororkeessaa Ginboot 7fi adda goototaatiin qophaa’e wajjin akka qabaman itti gaafatamaan qajeelchichaa himaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman