Aantummaan keenya Ummata keenyaaf!


Tibbana Nagaan Oromiyaa akka boora'uuf humnoonni farra Nagaa kan akka ABOfi Ginboot 7 waan danda'an hunda godhaniiru.


Gocha badii gareewwan kun qindeessaniin lubbuun Namaa marartuun dabartee jirti,qabeenyyi barbdaa'eera,wanti ta'uu hin qabne raawatameera. baay'ee Nama gaddisiisa.Dheebuu taayitaa baafachuuf miidhaa kana geessiisuun  qaamoota kana yoomillee ta'u gaafatamummaa irraa bilisa taasisuu hin danda'u.

Oromiyaan bu’ura haaroomsa biyya keenya Itiyoophiyaati,Itiyoophiyaan Oromiyaa malee homaa jechuu akka taate beekamaadha.Farreenis kana waan beekaniif karoorfachuudhaan Nagaa Oromiyaa teenyaa booressaa kan jiran.

Dargaggoonni keenya homaa hin beeknee hubannoo ghaa hin qabne dhiignisaanii akka dhangala’u taasifamaa kan jiru dheebuu taayitaa ABOfi jarreen Ginboot 7 jedhamaniin sanaani.Kanneen duuba ammoo qabeeyaa Oromiyaa dilbii hammaarrachuuf kan abjootu Shaabiyaan jira.

Egaa amma  wanti hunduu hubatameera.dhimmi maastar pilaaniis irra dibaafi da’oo ta’uunsaa beekameera.Waa’een maastar pilaanii fedhii ummataa ta’uu baannaan ni hafa bakka jedhamaa jirutti hattoonni Oromiyaa akka saamaniif  hayyamuufi haala mijeessuun itti gaafatama jalaa nama hin baasu.

Akkaataa ibsa mootummaa tibbanaatiin humnoota farra Nagaa Ummataa ta’uun socho’an irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira.Kun cimee itti fufuu qaba.Nagaan Oromiyaatis iddoosaatti deebi’uu qaba.Hattuun qabeenya ummataafi Mootummaa saamuudhaan akka duroomuuf hayyamuu hin qabnu.

Hubannoo malee kanneen itti fakkatee humnoota farra Nagaa maddii hiriiran yoo jiraatan gara sammuu isaaniitti haa debi’an.Rakkoon buclhinsa gaarii sirna heera mootummaa ammaatiin fala argata malee waca humnoota akka ABOfi Ginboot 7’n miti.Haala suuraa irratti daawwachaa jirtan kanaan daandii  Aspaaltii cufuufi Daandii hirmaannaa Ummata Oromootiin hojjetame qotuun fala miti.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman