Mootummaan keenya dirqamas ergamas qaba



Nagaan bu’uraa waan hundati,Nagaan jiraatu malee manaa ba’anii galuun,hojjechuun jireenya dhuunfaa fooyyeeffachuufis ta’e biyya guddisuun gonkumaa hin danda’amu,kanumaafi Nagaan bu’ura waan hundaati kan jedhamu.


Nuti akka biyyaattis Nagaan yoo jiraatedha ijaarsa hidha guddcihaa milkeessuudhaan hiyyummaa gadi nuqabee ture keessaa ba’uu kan danadeenyu,Karoorri guddinaafi Tiraansfoormeeshinii  KGT 2ffaan hirmaannaa Ummataafi Mootummaatiin milkaa’uu kan danda’us  Nagaan yoo jiraate qofadha,Nagaa malee wanti raawwatamuu danda’u tokkollee hin jirukaa!

Amma jeeqamsa tibbanaa keessaa ba’uudhaan humdumtuu gara sochii idilee barametti deebi’aa jira.Barataan baruumsasaa addaan kute gara mana barnootaa deemuun barachuu eegaleera.Hojjetaan mootummaa ololaafi jette jettee hordofuudhaan raafames hojiisaa idileerra jira,Qonnaan bulaanis omishasaa walitti qabuun gonbiitti galfachaa jira.Lammiiwwan keenya balaa hoongeetiif saaxilamanis deeggarsa argataniin rakkoo isaan mudate keessaa ba’uuf hojii misooma jallasiifi kanneen fakkaatanitti fayyadamuun balaa isaan mudate keessaa ba’uuf carraaqaa jiru.

Nagaa dhubuun kana hunda gufachiisa.Humnoonni Nagaa booressuun sirna keenya federaalawaa diiguudhaan taayitaa qabachuuf abjootan Nagaan akka bu’u hin barbaadan.Wayita ammaa iddoowwan Oromiyaatti tibbana Nagaa dhabanii turan tasgabbaa’uun isaaniif kufiinsa ol’aanaadha,kan yaadan waan isaaniif milkaa’uu dideef wayita ammaa dallansuu ol’aanaa keessa jiru.

Humnoonni kun ammas haala mijaawaa argannaan fedhiisaanii milkeeffachuuf socho’uu irraa duubatti akka hin jenne beekaamuu qaba.Kanumaafi Mootummaan keenya Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’n duurfamu humnoota badiifi ergamtoota isaaniirratti tarkaanfii duuba deebii hin qabne kutannoodhaan fudhachuu kan eegale.

Mootummaan keenya humnoota Nagaa booressan irratti tarkaanfii walsimaafi seera qabeessa fudhachuuf dirqamas ergamas qaba.Dirqamaafi ergamni guutuun kun ammoo kan kennameef Ummata sagalee guutuudhaan isa filaterraa kennameefidha.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman