Dr.Mararaan hayyuudhaa?


Hayyuu jechuun Nama waa hedduu qorachuudhaan  namoota kaanii olitti waa hedduu beekudha.Sabni Oromoo hayyoota baratan hedduu qaba,baruumsa hammayyaa’aa utuu hin baratinis Oromoonni hayyummaa isaanii qabatamaan mul’isan baay’eetu jira.


Garuu mee Namni Dr.Mararaa jedhamuufi waggoota hedduuf hojii barsiiftummaa sanuu barsisaa barattoota Yuuniivarsiitii irra tureefi dorgommii siyaasaa taasisaa ture kun hayyuudhaa laata?
 
Dr.Mararaa Guddinaa hayyuu utuu hin taane Nama homaa hin beekne ta’uusaa qabatamaan mul’isaa tureera.Kan tibbana ta’es kanuma.Dabballoota Dh.D.U.O/A.D.W.U.I arrabsuufi gadi qicuun siyaasa akka hin taane hin beeku Mararaan.

Dr.Mararaa dabballoonni Dh.D.U.O/A.D.W.U.I ummata isaaniitiif biyyaaf hojjechaa jiru yeroo hin qaban,biyyi teenya hiyyummaa keessaa akka baatuuf halkanii guyyaa carraaqaa jiru.Isin ammoo akka Namni itti arrabfamuufi salphifamu qayyabachuun wayita ibsa kennitanitti isa qayyabattan sana darbattu.Mee ilaalaa garaa garummaa bal'aa jiru kana.isiniif safuu......

ደንቆሮ ካድሬ (donqooroo kaadiree) jechuun maal jechuudhaa laata Dr.Mararaa?
“Salphoon soqolatte salphina hin beektu” jedha Oromoon yoo mammaaku.Bu’aan siyaasa badii isaan barbaadan yoo argamuu baate Namni walitti qabamee arrabsamuu qabaa?moo tuffii akkamiiti kun?

Addababayiitti ba’uudhaan Nama arrabsuun yakkadha!yakka seeraan Nama adabsiisu.Dr.Mararaa Guddinaa hayyummaa isaaniitiin kana hin beekanii laata?moo akka malee abdii kutatan Namni kun?

Hundumaafuu amma Namni lakkoofsaan miliyoona 7 caalu Dr.Mararaa Guddinaatiin arrabsameera,salphiifameera,gadi qicameera.biyya seeraan bulaa jirtu keessatti kun ta’uu hin qabu.Yaadaan Nama falmuun siyaasa qeequun, kana keessa ofiifis fudhatamummaa argachuuf qabsaa’uun mirga heerri mootummaa keenya hunduma goonfachiisedha.

Kana bira darbuudhaan mirga Nama biraa sarbuudhaan bu’aa siyaasaa argachuuf wixiffachuun dhaabbachuu qaba.Qaamni mootummaa dhimmi isa ilaallatus Nama kana seeraan gaafachuutu irraa eegama.

Nama arrabsuun salphiisuudhaaf kaachuun beekamtummaas ta’e  fudhatamummaa argachuuf tajaajiluu hin danda’u!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman