Guyyaa saboota sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa 10ffaa Gaambeellaatti...



Guyyaan saboota sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa 10ffaan har’a Gaambeellaatti sirna miidhaa ta’een kabajameera.


Staadiyamii Gaameellaa keessatti ayyaanicha sababeefachuudhaan agarsiisawwan eenyummaafi maalummaa saboota sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa mul’isan hirmaattootaaf dhiyaataniiru.

Ministira muummicha Hayilamaariyaam Dassaalany dabalatee keessummoonnifi qondaaltoonni Mootummaa sirnicha irratti argamaniiru.

Akkasumas pireezidaantiin suudaan Hasan Umar al-Bashir sirna ayyaanichaa irratti argamniiru.


Ayyaanicha irratti haasawa kan dhageessian ministirri muummichi Hayilamaariyaam Dassaalany ummata Itiyoophiyaatiif dhaamsa dabarsaniiru.

Obbo Hayilamaariyaam har’a ganama bu’urawwaan misoomaa Magaalaa Gaambeellaatti ijaaraman eebbisaniiru.


Ayyaanicha irratti waancaan hidha haaromsaa Naannoo Amaaraa keessa naanna’aa ture Naannoo Oromiyaatiif kan kenname yamuu ta’u akkaatuma kanaan pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Muktaar Kadir waancaa kana ministira muummicha Hayilamaariyaam Dassaalany harkaa fudhataniiru.

Guyyaan saboota sab-lammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa 11faan Mootummaa Naannoo Harariitiin akka keesumeefamu ifoomsuudhaan sirni ayyaanichaa xumurameera.


Sirna kabaja guyyaa saboota Saba-lammootaafi ummattootaa Itiyoophiyaa 10ffaa Suuraadhaan:





















አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman