Ibsa ejjannoo mootummaa naanoo Oromiyaa haala yeroo irratti kenname
Humnnoota siyaasaa kasaaraniin imalli haaromsa keenyaa hin
fashalaa’u!
Mootummaan Naannoo Oromiyaafi ummatni naannoo keenyaa
waggoottan digdamman darbanitti carraawwan misoomaafi guddinaa argatanitti
gahumsaan fayyadamuudhaan jijiirama ajaa’ibaa galmeessisuu danda’aniiru.
Lammiileen naannoofi biyya keenyaa duubatti hafummaafi
wallaalummaadhaan liqimfamanii jireenya gadadoo akka jiraatan kan ittti
murteessaa turan sirnootni darban carraafi waliingahiinsa barnootaa mootiwwaniifi
miseensota gita bittaa isaaniif qofaa haalli itti taasisaa turan seenaa keenya
yeroo dhiyoo ta’ee darbeera.
Sirni walqixxummaa misoomawaafi dimokraatawaan naannoo
keenyatti Fedhii ummataatiin ijaarame eega qabsoo ummattootatiin hundaa’een
asitti jijiiramni biyyiifi naanoo keenyatti dhufaa jiru olaanaadha.
Jijiirama kana keessaas bara karoora Guddinaafi jijiirama bu’uraa marsaa
tokkoffaa keessatti bu’aan galmeessisne diinagdee waliigalaan diijitii lamaan
guddina argamsiisuudhaan haaromsichi bu’a qabeessa ta’aa dhufuusaa
mirkaneessineerra.Kunis sirrummaa toora haaromsa keenyaa kan mirkaneessedha.
Bu’aafi fayyadamummaa ummata keenyaa keessatti bakka olaanaa
kan qabu guddinni kun safartuu addunyaan guddina ittiin madaalu hundaan
safaramee mirkantii argateera.
Biyyyiifi naannoon keenyas biyyoota addunyaarratti saffisaan guddataa jiran
kudhan keessa galuu dandeesseerti.
Guddina biyya tokkoof misoomni humna namaa bakka olaanaa
akka qabu hubachuun mootummaan sosochii cimaa taasisaa tureera. Gama kanaan
carraa barnootaa waliin gahuu, dhaabbilee barnootaa babal’isuufi qulqullina
misooma barnootaa sadarkaa hundatti mirkaneessudhaaf yaaliin taasifamaa ture
bu’a qabeessa ta’aa dhufeera.
Jijiirama gama hundaan eegalle kana itti fufsiisudhaan bara
karoora guddinaafi jijiirama bu’uraa lammaffaattis hirmaannaafi fayyadamummaa
ummataa mirkaneessudhaan naannoofi biyya keenya biyyoota galii giddu galeessaa
qaban faana hiriirsuuf tattaaffn taasifnu cimee itti fufa.
Bu’aawwan hanga ammaatti argaman itti fufuufi mul’ata biyyaaleessaa
qabanneef utubaa ta’uudhaan jijjiirama guddinaa keessatti ghee isaanirraa
eegamu bahachuu akka danda’an jijiiramni galmaa’aa jiru karaa nagaafi
tasgabbaa’a dhaan itti fufuu qaba. Mootummaafi ummatni naannoo keenyaa
tasgabbiifi nageenya dhaabbilee barnootaa keessa jiru yeroo kamuu caalaa kan
itti tiksan, kunuunsaniifi guddina itti fufiinsa qabuuf yeroo itti
tumsanirratti argamana.
Humnootni badiifi kisaaraan siyaasaa irra gahe nannoo
keenyarratti xiyyeeffatachuun, yeroo hundaa dhaabbilee siyaasaa
shororkeessummaan farrajaman waliin qindaa’anii miidiyaalee humnoota badiitiin
olola dharaa afarsaniin goolii uumuuf sochii taasisaa turaniin, ijoolleen
ummata Oromoo dagaagina sammuufi kalaqaatiin booddetti akka hafan, dorgomummaan
isaanii akka gufatuufi hiyyummaafi boodatti hafummaan naannoo keenya keessatti
umuriinsaanii akka dheeratu gochuuf yaalaa turaniiru.
Ummatni Oromoo mirga afan dhaalootaa isaan fayuyadamuu bara
dheeraaf dhabee ture qabsoosaatiin maqsee, har’a afaansaa afaan qorannoofi
saayinsii, qaroomaafi dagaaginaa ta’uudhaan guddina ajaa’iba ta’e
galmeessuurratti argama. Carraa uumame kanaanis har’a barattoonni mil. 8.5tti
lakkaa’aman dirree barnoota naaanoo keenyaa keessatti argamu.
Fayyadamummaan misooma barnootaarraa argachaa dhufe dabaluusaatiin
ummatni keenya bara kana ijoolleesaa yeroo kamuu caalaa dirree barnootaatti
lakoofsa ergee hin beekneen hiriirsuu danda’uu isaatti kan inaafan humnootni
kisaaraan siyaasaa irra dhaqqabe dhaabbilee siyaasaa shororkeessummaan
farrajaman waliin qindaa’udhaan tiibbanas akkuma baran miidiyaalee farra
nageenyatiin olola sobaa tamsaasaniin godinaalee, aanaaleefi manneen barnootaa
muraasa naanoo keenyaa keessatti jeequmsi uumameera.
Gocha kanaanis badii lubbuu namootaafi barbadaa’uu qabeenyaa dhaqqabsiisa jiru.
Ajandaan gochaa jeequmsaa isaaniif itti fayyadamaa
jiranis:Magaalota godina addaa oromiyaafi magaalaa Finfinee maqaa maastar
pilaanitiin walitti makuuf deemama jira, Labsiin magaalota oromiyaa karaa
ammayyaawaan bulchuuf bahe lafa Oromoo muranii kennuufi magaalota oromiyaa
Federaala jala galchuuf kan bahedha jechuun olola dharaa afarsuurratti argamu.
Guddinniifi misoomni naannoo keenyatti galmaa’aa jiru
hanguma dabaleen ejjannoofi ilaalchi diigichaa humnoota kanaa awwaallisaa kan
gadifagaatu waan ta’eef wixirfannaa du’aaf jireenyaa isaannii olola sobaafi
ummata addaan baasuu kaayyoo isaaniirraa maddu mul’isu.
Bu’urarraa ajandaan misoomaa magaala finfinneefi godina
addaa Oromiyaa fayyadamummaa olaanaa ummataa mirkaneessuufi waliin guddina
uumuu kan kaayyeffatedha.
Kunis hawaasni ammayyaawaan addunyaa muuxannoo itti
fayyadamaa jirudha. Karoora misoomaafi guddina hawaas diinagdee naannoo keenyaa
kamuu mare Ifaafi bilisa ta’een hojiitti hiikaa kan dhufe mootummaan
misoomawaan naanoo Oromiyaa aadaa ummata waliin mari’atee waliigaltee irra
gahame hojiirra oolchuu itti fufsiisuuf qophaa’ummaan qabu olaanaadha. Ajandaan
msioomaa godina addaa Oromiyaafi magaalaa Finfinees aadaa kanaan ala kan
yaadamu hin ta’u.
Kana bira darbee akka humnootni kasaartota siyaasaa afarsaa
jiran heera mootummaa cabsanii daangaa Oromiyaa dabarsanii magaalaa finfinneef
kennuu ofkeessaa qabaachuu hindanda’u. Hin qabaatus.
Labsii magaalota naannoo oromiyaa ilaalchisees ajandaa
qindoomina Finfinneefi godina addaa waliin tasuma kan walitti dhufeenya hin
qabne yoo ta’u, wixinee lafa oromiyaa muranii qaama biraaf kennuu kan hin
hammachiisne, kaayyoon isaas gaaffilee bulchiisa gaariifi misoomaa magaalota
naanichaa gahumsan deebisuu, rakkoolee ilaalchaafi gocha kiraa
sassaabdummaarratti gahumsan qabsaa’uu, galii sassaabbataniin akka ofbulchan
gochuufi walitti hidhama misomaa magaalota naannichaafi baadiyyaa
saffisiisuudhaan fayyadamummaa haqa qabeessa saffisiisuu qofaarratti kan
xiyyeeffatedha. Labsichi kan ilaallatus magaalota Oromiyaa malee kan biraa
miti.
Oromiyaan naannoo yookaan magaala biraarratti, naannoon
yookaan magaalaan biraa Oromiyaarratti labsii akkasii labsuudhaaf aangoo heeran
taa’e hinqaban.
Humnootni badii kun ijoolleen Oromoo baratanii bu’a qabeessa
akka hintaane, biyya bor keessa jiraatan akka hin ijaarranne kaayyoo dhokataa
isaanii tarkaanfachiisudhaan jeequmsa uumuu itti fufaniiru. Olola summii
humnootni kasaartota siyaasaa, dhaabbileen siyaasaa shororkeesumman
farrajamaniifi miidiyaalen farra nageenyaa facaasan kanaan tibbana naannoo
keenya godina Shawaa kibba lixaa aanaa Toleetti nama tokko, Godina Wallagga
Lixaa naanoo Calliyaatti namni lama walumaa galaan lubbuun nama sadii darbeera.
Humnoot nageenyaa irrattis miidhaan ga’eera. Qabeenyi
mootummaafi namoota dhuunfaa irratti miidhaan gaheera. Gochaa kanaanis
mootummaan namoota lubbuun darbaniif gaddi itti dhagayame cimaadha. Maatii
lammiilee miidhaan irra gaheefis jajjabina hawwaa humnootni gochaa badii kana
raawwatan seeraan kan gaafataman ta’uusaa ibsa.
Jeequmsi uumame kun, godinaalee, aanaaleefi manneen
barnootaa muraasa keessatti yoo ta’u, bakkeewwan baay’ee hafan keessatti deemsi
baruu barsiisuu karaa nagaan gaggeeffamaa kanjiruufi gochaan uumames too’atamuu
danda’eera.
Humnootni badii kun balleessaa raawwataman kanaaf seeraan
kangaafatama akka ta’eefi dhiiga barattoota qulqulluutiin kisaaraa siyaasaa
bakka buufachuun akka hindanda’amne beekanii badii kanarraa hatattamaan akka of
qusatan mootummaan akeekkachiisa.
Hawaasni barnootaa dhaabbilee hunda keessatti argamu
humnoota lammiilee mootummaafi ummatni abdii irratti gateefi hiyyummaarratti
duula taasisaa jiruuf humna dabalataa taasisee ilaalu kanarratti aggaammii
raawwatamaa jiru kana maqsuudhaaf hirmaannaa ummatni godhe dinqisiifachaa,
fuulduras humnoota kana ofirraa qolachuudhaaf raayyaa misooma barnootatiin
ijaaramee sosochii gochaa jirus itti fuffuun irra jiraata.
Humnootni nageenyaafi dhaabbileen misoomaa naanoo keenyaas
daba humnoota kasaartota siyaasaa kana karaa bilchina qabuun addaan baasudhaan
tarkaanfii seera qabeessa fudhachaa, dirree barnootaatti nagaafi tasgabbiin
amansiisaan akka itti fufu gaheessanii akka bahatan nitaasifama. Lammiileen
boru biyya badhaate keessa jiraachudhaaf barachuun, beekumsaan dorgomuufi
msiooma naanichaa keessatti hirmaannaa guutuu taasisuun kan irraa eegamu
ta’uusaa hubachuun alatti humnoota kanaaf bitamuun borus akkuma kaleessaa
cunqursaa humna gita bittootaa haarawaaf dabarsanii ofkennuu akka ta’e
hubachuun irraa eegama.
Humnootni kisaaraan siyaasaa irra gahe yeroo hundaa guddinaafi
jijiirama ummata naannoo keenyaatti kan inaafan, ajandaa diigichaa bocanii
msiooma keenyarraa nu gufachiisuuf carraaqqiin godhan kaayyoo isaaniirra kan
maddu akka ta’e mootummaafi ummatni nihubatu.
Mootummaafi ummatni qabsoo farra hiyyummaa eegalan battala
tokkoofillee akka hindhaabne amanuudhaan gama tokkoo gochaa humnoota badii kana
fashaleessuuf tokkummaadhaan dhaabachuun gama biraatiin ammo qabsoo farra
hiyyummaa eegalan cimsanii akka itti fufan mootummaan waamicha dabarsa.
Sadaasa 23/2008
Biiroo dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ