Eenyuu?


Qullaa Dhokfachuudhaaf Kafana Uffatu
Maxinoo Taatu Illee Kan Ofii Cuffatu
Garuu Naman Dhabe Kan Dhugaa Dubbatu
Dhaloonni Nu Booddee Maal Nurraa Baratu?
Namni Maaf Of Dhoksa Maaf Kansaa Hin Dubbatu?
Afaan Afaanuma Maaf Keenya Tuffatu?
Maal Ta'e Sabni Koo Maalif Waa Hin Hubatu?
Meeqa Afaansaatiif Kan Garaan Gubatu
Kan Addunyaan Hawwu Afaan Abbaa Keenyaa
Nuti Ukkaamsinee Maalif Irra Teenyaa?
Dhalattuu Nu Boodaaf Hin Taanuu Fakkeenyaa?
Gowwaan Qullaa Deemee Orma Uffachiisa
Gadheen Of Dagatee Kansaa Tuffachiisa
Jecha Tuffachiisuus Calliseema Dhiisa
Afaan Dubbii Dachaa Kan Uumaan Nuuf Laate
Jechaaf Dubbii Qolaa Kan Ciigoon Badhaate
Kan Daftee Furmaata Hundaaf Hiika Taate
Afaan Quuqqaa Garaa Geerarsaan Lolaasu
Isa Garaa Gadhee Jechamaan Qoraasu
Kan Gootni Lafee Isaaf Dhiiga Itti Lolaase
Afaan Saba Keenyaa Addunyaatti Baase
Afaan Afaanuma Maalumaaf Sodaattuu?
Seenaan Nu Gaafata Dhalootaaf Maal Laattuu?
Kan Keessan Gattanii Maaf Garaaf Jiraattuu?
Keessan Dhiksitanii Kan Namaatti Kaattu
Namni Kanshee Gatte Lubbuun Hin Jiraattu
Dargaggeessi Keenya Kan Safuu Wallaale
Afaan Afaanuma Kamtu Kamiin Caalee?
Kan kee Maaf Rarraasta Maalif Goota Gaalee?
Eenyummaa Kee Bari Ofii Kee Hubadhu
Akkam Sirraa Tola Mee Kankeen Dubbadhu
Yoo Kan kee Dagatte Sanyii Dhaa Maseeni
Lubbuun Kee Haa Baatu Dafii Boolla Seeni
Kan Kankee Dagattee Dhaloota Jallistu
Yoo Afaan Kee Tuqan Kan Beekaa Callistu
Reeffa Kee Waraaboof Sareen Haa Gotattu
Kana Siif Galaaseen Kanuma Siif Dhaama
Maalif Sababa Keen Afaan Keenya Jaama?

Fuula “Wareegame Taati Malee” jedhamu irraa kan fudhatame.

 



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman