Gaara "Everest" caalu lafaan qixxeessine!

 Muuxannoo Jabaa Qabna! "Gaara danuu cehuun dhufne,ammas gaarri danuun akka nu hafu argine!" Dhangaa tana Maandeellaa irraa arganne!

Jiruu keessatti guddoo baranne! Seenaa ormaa irraa dhugaa hadhaayu hubanne! Seenaa teenya keessattis sanuma argine! Kaleessuma raajii amanuun ulfaatu hojjanne! Tokkummaa qofaan gaara "Everest" caalu lafaan qixxeessine! otuma deemnuu tabba wahiitti dhufne! Tabbichi waan nu beeke hin seene! Nu ari'uu malee takkaa hin dheechine!

Abdii fi amantaa guutuu qabna! Akka dansaa tokkoomuun moonee beekna! Ammas ni dandeenna! Kaleessa caalaa hardha tokkoomna! Waan dhiiga fi lubbuu itti gabbarre hin milkeessiin yoom boqonna? Ammas mucuceessinee moona! Abadan duratti malee duubatti hin deemnu! Gaara guddaa diignee tabba hin dadhabnu!

Eeyyeen muuxannoo jabaa qabna! Waan gatii qaalii itti kanfalle beekna! Wanni sun badhaadhina hunda-galeessa! Ida'amuu fi obbolummaatu achi nu geessa! Gufuu galma keenyaa buqqisuu qofa nu feesisa! Gaafa tokkoomnu gufuun fixeensa! Dhugaa nurraa ifutu isa harcaasa!

 @TDA

 

 

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera

ግጭት ተከስቶባቸው የነበረባቸው የቡኖ በደሌ ዞን ሁለት ወረዳዎች ሙሉ በሙሉ ወደ መረጋጋትና ሰላም ተመልሰዋል

የዶ/ር ነጋሶ “የኦሮሞ ህዝብ ታሪክ” መፅሐፍ