‘Yaa Marqaa si afuufuun silqimsuufi’

 



Shirri wayyaanee dhuma hin qabu.Hoggantoonni garee shororkeessaa wayyaanee shira omishaa oolanii bulu.Shira faayidaasaanii eegsisuuf yeroo himan xiqqumallee hin qaana’an.Faayidaasaanii kan eegsisuuf akka ta’e mirkaneeffannaan battalatti ifoomsu.

Kaleessas akkuma baran shira faayidaa keenya nuuf eegsisa,gara Finfinneettis akka deebinuuf haala nuuf mijeessa jedhanii yaadan nutti himaniiru.Sanuu ibsa affaan Ingliiziitiin baasaniin Ummata Oromootiif aantummaa akka qaban odeessan.Oromoon gowwaadha,waan nuti jenne hunda fudhatee hojiirra oolcha jedhanii yaadan.Gamni isaan malee kan biraa addunyaa kana irra hin jiru.

Waan Saba Oromoo irratti raawwachaa turan dagachuudhaan amma Saba Oromootiif aantummaa akka qaban himan.Mummicha ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad jibbuudhaan Saba Oromoon jaaladha jechuun sobadha.Soba Wayyaanee kana kan fudhatu diina Saba Oromooti.

Bara wayyaaneen waggoota 27 guutuu taayitaa irra turtetti dararama guddaa kan arge,miidhaa gareen shororkeessituun tun geessifteenis daran kan miidhame ijoollee Oromooti.Ijoolleen Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman shira gareen shororkeessituun tun yeroo adda addaatti uumtuun mana hidhaatti guuramaa turan.’Manneen hidhaa Itiyoophiyaa hunda keessatti Afaan Oromootu dubbatama’kan jedhame kanaaf ragaadha.

Miilli ijoollee Oromoo wayyaaneedhaan akka muramu taasifameera.Qaama saalaa ilma Oromoo irratti waan hin taane kan rarraasee akka dararamu taasise wayyaanee mitii?Ijoollee Oromootti moggaasa maqaa ABO jedhu maxxansuudhaan dararama lakkaa’amee hin dhumne geessisaa kan ture wayyaanee mitii?Lafa Oromoo saamaafi saamsisaa kan turan qondaaltoota wayyaanee mitii?

Maarree har’a sababa maaliitiin Oromoodhaaf akka garaa laafan mul’isuuf yaalan?Egaa ’kan waraane irraanfatus kan waraaname hin irraanfatu’Wayyaaneen kana baruu qabdi.Hawaasa idil Adunyaatti afaan Ingliiziitiin qabsoo Oromoo akka deeggartuufi akka tumsitu wayyaaneen himtee jirti.Duula loltummaa Mootummaan jijjiiramaa humnoota tasgabbii qindeesuudhaan shanee irratti banes akka balaaleeffattu wayyaaneen himtee jirti.

Shororkeessituun tun yeroo hunda karaa faayidaashii ittiin kabajisiifattuun deemti.Wayyaaneen diina biyya keessaati.Diina biyya keessaatu diina alaatti Saba Oromootiif aantummaa akka qabu hime.Wayyaaneen amma humna diinagdee hin qabdu,kan waggoota hedduuf biyya irraa saamte jalaa dhumaa jira.Mahaallaqni biliyoonaan lakkaa’amu kan shira ishii ittiin raawwachiisaa turte amma waan jalaa haphateef haala shanee ittiin deeggartu dhabaa jirti.

Kanaaf ammoo humnoonni alaa ishii deeggaraa jiran shaneefis akka hiixatan fedhii waan qabduuf afaanuma isaaniif galuun Oromoodhaaf aantummaa cimaa akka qabdu ibsa baafteen itti himte.

Egaa wanti beekamuu qabu wayyaaneen yoomillee ta’u fira Oromoo ta’uu hin dandeessu.Oromoodhaaf quuqama hin qabdu.Bu’urrishii faayidaashii kabajisiifachuufi umuriishii dheereeffachuudha.Kanumaaf wixiffachaa akka jirtu hubachuun,shirashii beekuudhaan ofirraa qolachuun,adabattee akka teessu itti himuun barbaachisaadha.Yoo didde ammoo Oromoon yoo ka’e akka kanniisa Gaagura keessaa ba’eetti marsuudhaan akka daaraa ishii godhu ishiinuu beekti.

Ammaan booda maqaa saba Oromootiin dhaadachaa,siifan aantummaa qaba jechaa karaan taayitaatti ittiin deebi’amu gonkumaa akka hin jirre wayyaaneen beekuu qabdi.

Wayyaaneen taayitaa bartetti deebi’uuf wixiffachuun ishiituu tuffii saba Oromootiifi sabaafi sab-lammoota kanneen biroo irratti qabdu mul’isa.Tuffiin ishii miidhamaaf saaxileen malee bu’aan argamsiiseef akka hin jirre qabatamaan mul’chaa jira.Ammallee soba barte sobaa jirti.Sobaan Oromoo sassobatanii taayitaatti deebi’uun hin danda’amu.Habadan!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman