Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa kenname.


 


Tarkaanfiin shororkeessitoota qulqulleessuu cimee itti fufa!
Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa kenname guutuunsaa kunooti:
Humni shororkeessaa, shaneen, jaarmiyaa siyaasaa akeekaa fi kaayyoo dantaa sabaa ka’umsa godhate kan hin qabne ta’uu isaanitiif gocha hammeenyaa waggoottan afran darban ummata Oromoorratti raawwateen mirkaneesseera.  
Tarkaanfii qindaa’aa tibba kana irratti fudhatamaa jiruun kan guyyaan itti dukkanaa’e hoggantoonni humna shororkeessaa kanaa qabatamaatti waan dhalli namaa namarratti hin raawwanne ummata Oromoorratti raawwachaa kan turaniifi jiran  ta’uu ofumaan ragaa ofirratti bahuu eegalaniiru.
Daataan ummata Oromoo afaan qawween osoo hin taane, caalmaa yaadaa fi yaadamaa siyaasaa dirree demokraasii keessatti dhalatuun mirkanaa’aa waan ta’eef, humni kun qabsoo karaa nagaatti akka  deebi’u  yaalii bal’aan taasifamaa turee jira.
Waamichi qabsoo karaa nagaa kun Mootummaadhaan alattis  ummata Oromoo hundarraa dhiyaachaa kan ture ta’ullee, shaneen ergama baandummaa siyaasa Oromoo cabsuuf manaa bahe waan ta’eef, guyyaa guyyaatti gochaa diinummaa Oromoo salphisuu hojii ijoo godhatee itti fufe.
Sababa kanaan, ummanni Oromoo waggoottan afran darban keessatti gochaa hammeenyaafi gar-jabinaa seenaa keessatti argeefi dhagahee hin beekne keessumeessaa turee jira. Gochoonni suukkaneessoon safuufi duudhaa Oromummaa faalleessan danuun shaneedhaan raawwatamaa turaniiru.
Horata dinagdee waggoota hedduuf itti dhama’e kaan ibiddaan kan hafe ammoo saamichaan dhabeera. Daandiin barnootaa gameeyyii qabsoo Oromoo kaleessaatiin saaqame humna shororkeessaa kanaan cufamuun ijoolleen Oromoo lakkoofsi isaanii xiqqaa hin jedhamne barnoota idilee irraa ugguramanii akka mana oolan ta’ee jira.
Ummanni Oromoo diina shanee caale hin qabu. Diina ammoo sosobbaan osoo hin taane haleellaan ofirraa dhabamsiisu. Bu’uura kanaan tarkaanfii qindaa’aan tibbana qaama nageenyaan humna gantuu kanarratti fudhatamaa jiru yeroo gabaabaa keessatti ummata Oromootiif aara galfii fiduu akka danda’u injifannoowwan tibbana galmaa’aa jiran ragaa dha.
Kanaan dura “Dargaggoota Humna badii kaayyoo hin qabneen kaayyoo keessan irraa maqxaniif” jechuun waamicha Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa taasisaniin dargaggoonni hedduun ummataafi qaama nageenyaatti harka kennachuun jireenya idileetti deebi’anii jiru.
Tibba kana ammoo tarkaanfii qindaa’aa qaamni nageenyaa ummata waliin ta’ee fudhachaa jiru hordofee wirtuun dugdaa shanee waan cabeef,  humni qaama shororkeessaa kana jala hiriiree ture kallattii adda addaatiin bibittinaa’aa jira.
Dargaggoonni fayyaalummaan humna shororkeessaa kanatti makaman hedduun kallattii hundaan harka kennachuurratti argamu.
Ammas taanaan dargaggoota karaa nagaatiin harka kennachaa jiran Mootummaan Naannoo Oromiyaa ni jajjabeessa. Haata’u malee, kanneen   badii biraatiif of qopheessaa jiran  faana isaanii hordofuun tarkaanfii cimaan irratti fudhatamaa jira.
Oromoo fi Oromiyaadhaaf filmaanni jalqabaa gara Badhaadhinaatti imalchiisu misooma. Harka lamaan misoomarratti bobba’uuf ammoo shororkeessitoota yeroo dhumaatiif dhabamsiisuu qabna. Kana gochuuf ammo Karaa ijaarumsaafi qindoomina qabuun socho’u, humna nageenyaa odeeffannoofi leeccalloodhaan deeggaruu barbaachisa.
Carraa kanaan, Injifannoo tibbanna galmaa’aa jiru keessatti shora ummanni bahachaa jiru Mootummaan Naannoo Oromiyaa ni dinqisiifata.
Ammas taanaan nageenya waaraa mirkaneessuuf sochiin ummataa murteessaa waan ta’eef, qindoominni roga maraan jalqabame kun cimee akka itti fufu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarsa. 


Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Eebla,12/2014
Finfinnee

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman