Oromiyaatti abjuun Finxaaleeyyii hin milkaa’u!


Abjuun Finxaaleyyiin Oromiyaa humnaan cabsanii qabeenyasaa saamuuf qaban hin milkaa’u - Koloneel Abbabaa Garasuu.

Abjuun Finxaaleyyiin Oromiyaa humnaan cabsanii qabeenyasaa saamuuf qaban yoomuu hin milkaa’u jedhan Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuun.

Ummanni Oromoo rakkoo keessoosaa dhiisee tokkummaasaa jabeessuu qaba jedhan.

Koloneel Abbabaan ibsa addatti Dhaabbata Preesii Ityoophiyaaf kennaniin, Finxaaleyyiin aantummaa fi alagummaan faayamanii Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuuf hoggansaa fi ummata naannichaa cilee dibuun alatti shira hamaa xaxuu erga eegalanii oolee buleera jedhan.

Mootummaan naannichaa karoora akka biyyaatti jiru dhiifamaa fi jaalalaan biyya ceesisuuf dursa kenne malee, nageenya Oromiyaa miti kan naannolee biroo mirkaneessuufuu ga’umsa guddaa qaba.

Rakkoon walfakkaatu bakka hunda osoo jiruu Oromoo fi Oromiyaatti quba qabuun ilaalcha jibbiinsaa dhaadhessitoonni Oromoof qabanirraa akka maddu eeruun, ummanni Oromoo dhaadhessitoota firas diinas fakkaatanii humnaa fi jeequmsaan isa cabsuun qabeenyasaa akka kaleessaa sana saamuu barbaadan of ijaaree qolachuu akka qabu hubachiisu.

Oromoon nageenya naannoosaa eeguu miti biyya kana iyyuu balaarraa baraaruun, lolli Adwaa ragaa ta’us qoodni inni Juuntaa adaba qabsiisuuf gumaache taatee yeroo dhiyoo ta’uu kan yaadachiisan Koloneel Abbabaan, Mootummaa naannichaas nageenya naannichaarra darbee kan biyyaa kabachiisuufuu qophii gahaa taasiseera, taasisaas akka jiru dubbataniiru.

Oromiyaa dhaadhessuun miidiyaa idileefi al idleen taasifamaa jiraachuun Mootummaan naannichaa quba qabaachuu kaasanii, badii akkasii kana gama tokko mariin, kan mariin gudunfaa hinarganne ammoo olaantummaa seeraan furuuf carraaqqiin akka taasifamu himaniiru.

Ummanni Oromoo aggaammii jiru hubatee garaagarummaa keessoosaarra ejjetee ijaaraamuufi tokkummaasaa cimsuu qaba.

Mootummaan milishaarraa ka’ee qaamolee nageenyaa bal’inaan qopheessuu cinatti naannolee waliin dhimma nageenyaarratti hojjetaa jira jedhan.

Sabni kamiiyyuu kaayyoon Finxaaleyyii fi shororkeessitoota biyya diiguu ta’uu osoo beekanii diinota kunneen bobaa jala kaayyatanii Oromootti quba qabuun dogoggora ta’uu eeraniiru.

Dhugaan lafa jiru garuu mootummaan kan duraa caalaa ammaan tana Shaneerratti duula qindaa’aan tarkaanfii fudhachaa wayita jiru kanatti, faallaa kanaa miidiyaa fi namoonni rakkoo ilaalchaa qaban tokko tokko Oromiyaatti quba qaban jiraachuu dubbataniiru.

Mootummaan yeroo garagaraa nageenya Oromiyaa sadarkaa amansiisarraan ga’uuf Shaneef waamicha taasisuun hangi tokko gara nagaatti deebi’anis gariin ammayyuu badii raawwachuutti waan cichaniif, yeroo ammaa kana Wallaggaa, Gujii, Shawaa Kaabaafi Shawaa Lixaatti garee kanatti tarkaanfii fudhataa jiruun hedduunsaanii barbadaa’uu Koloneel Abbabaan ibsaniiru.

Gareen kun gocha badii raawwachaa jirutti gaabbee karaa nagaan deebi’uuf yoo fedhii qabaate mootummaan harka bal’isee akka isaan simatus dubbataniiru.

 Maddi:OBN

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman