Gabaasi waloo Aministii Intarnaashinaalii fi Dhaabbata mirga namoomaa Mootummaa Ityoophiyaatiin balaaleeffatame

 


Gabaasa waloo Aministii Intarnaashinaalii fi Dhaabbanni mirga namoomaa baasan irratti Mootummaan Ityoophiyaa ibsa kenneera.

Mootummaan qabiyyee gabaasa dhaabbileen lameen kunneen walqaayit irratti baasan of eeggannoon qorachaa jiraachuu ibseera.

Gabaasichi dhimmoota of eeggannoon ilaalamuu qaban kanneen akka jijjiirama siyaasaa, nageenyaa, dhimma daangaa keessoo of keessatti kan hammate ta’uu hubachuun barbaachisaa akka ta’e ibsameera.

Gabaasichi himannaa yakkoota duguuggaa sanyii, yakka waraanaa fi himannaa yakkoota dhala namaarratti raawwatan kan dhiyeesse ta’uun eerameera.

Mootummaan Ityoophiyaa sarbama mirga namoomaa warreen raawwatan hunda itti gaafatamaa taasisuuf qophii ta’uu ibsichaan eerameera.

Kanarraa ka’uun bu’aa qorannoo waloo Komishiniin Mirga Namooma Ityoophiyaa fi Waajjira olaanaa Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti hundaa’uun mootummaan Humna Waloo Hundeessu ibseera.

Humni waloo kun walga’ii 2ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen adeemsa qorannoo saffisiisuuf qajeelfama gara garaa baasuu ibsameera.

Humni walichaa gabaasa kanaafis xiyyeeffannoo barbaachisaa kennuun dhiyeenyatti kan qoratu ta’uu eerameera.

Dhaabbileen lameen dhimmicha qorachuuf dhimmoota siyaasaa hedduu fayyadaman irratti mootummaan gaaffii dhiyeessuu ibsameera.

Dhimmoonni daangaa keessoo ilaalamuu kan qaban qaamolee aangoo heera mootummaa qabaniin ta’uu fi gabaasaaleen akka kanaa faayidaa siyaasaaf kan oolan ta’uun eerameera.

Gabaasichi of eeggannoo barbaachisaa ta’een raawwatamuu dhabuurra darbee fudhatama kan hin qabne ta’uun ibsameera.


Gabaasichi sabarratti xiyyeeffachuun isaa mootummaa kan yaaddessu ta’uun ibsichaan eerameera.

Gabaasichi akkaataa miira kakaasuunii fi gabaasa miidiyaa hordofee dhiyaachuun qabiyyee fi amanamummaa argannochaa gaaffii keessa kan galchu ta’uu ibsameera.

Gabaasichi madaala kan hin eegne ta’uu ibsichaan kaafameera.

Gabaasichi yaadota furmaataa nageenyaaf hin fayyadne ka’uus mootummaan himannaa yakkoota sarba mirga namoomaa gadi fageenyaan qorachuun bu’aa argmu uummataaf ifoomsuuf kutannoo qabu irra deebiin kan mirkaneessu ta’uu ibsameera.

 Maddi:FBC Afaan Oromoo

 

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman