Sulula Laga Gibee beektuu?

 


Sululli Laga Gibee Iddoowwan gahumsa hawwata Tuuriizimii Kibba Lixa Oromiyaatti argaman keessaa isa tokkodha.

Lagni Gibee maddi isaa lafa baddaa Godina Shawaa Lixaa keessaa ka'uun lafa dheeraa fi bu'aa bahii hedduu qaxxaamuruun bareedina uumamaa; uumaan badhaase Sulula guddicha Laga Gibee gaha.
Lagni Gibee ka'umsa isaa baddaa Shawaa Lixaa irraa ka'ee daandii dheeraa qaxxaamuree Sulula Laga Gibee erga gahee booda daandii Aspaaltii guddicha Finfinnee irraa gara Jimmaa geessurraan riqicha guddaa daawwannaa lagichaaf mijatu jala yaa'ee kan darbudha.
Lagni Gibee laggeen xixiqqoo lagicha gabbisan hedduu ofitti makuun imala isaa itti fufa.
Tuuristoonni daawwannaaf gara Kibba Lixa Oromiyaa lafa argama buna Arabikaa fi madda qaroominaa kan taate gara Jimma Abbaa Jifaar hoggaa deeman ijji isaanii bareedinaafi hawwattummaa Sulula Laga Gibee cinatti taa'umsi lafaa , mukkeeniifi gosti biqilootaa daandii bitaafi mirgaatti argaman faaya lubbuu namaaf ta'u.
Daandii mammaramaa, gaarreeniifi Sulula Lagi Gibee keessa dhangala'u hoggaa ilaalan miidhaginni uumamaa naannoo kanatti argamu keessummaa yeroo jalqabaaf naannicha daawwatuuf yaadannoo hindagatamne ijaafi qalbii isaa keessatti gatee dabra.
Sululuma Laga Gibeetiin walqabatee hawwanni tuuristii Kibba Lixa Oromiyaa keessatti argamu kan biroon Finfinnee irraa gara Kibba Lixaati Km 290 irratti kan argamu Haroo Namtolchee Humna Elektirikaa Gilgal Gibeeti.
Tuuristoonni hanga Jimmaa gahanitti bishaan Haroo,Jallisiifi humna eelektirikaa cinatti, midhagina taa'umsa lafa haroo kanaa gamaa gamanatti daawwataa imalu.
Godinni Jimmaa Godinoota Dhiha Oromiyaa buna oomishuun beekkaman keessaa ishii tokko yeroo taatu, Itiyoophiyaan hamma alergii bunaa gara biyyoota alaa gara garaatti ergitu keessaa naannoowwan biyyatti biroo waliin yeroo madaalamu gaheen Godina Jimmaa hedduu ol'aanaadha.
Godinni Jimmaa Addunyaa irraa yeroo calqabaatiif Iddoo argama buna"Coffee Arabica" akka taaate ragaawwan gara garaa ni muldhisu.
 
Maddi:Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman