Wixiffannaa shororkeessitootaa-Waa malee manni hin aaru!

 

Shororkeessitoonni gamaa-gamana jiran wixiffannaarra akka jiran argaa jirra.Umuriisaanii dheerraffachuuf wixiffachaa jiru.Biyyi nagaa hin qabdu jechisiisuuf,ummanni akka biriifatuuf,akka shorokaa’uuf,yaaddoo keessa akka galuuf iddoowwan adda addaatti wixiffachaa jiru.

Abbaan shororkeessitoota biyya keessaa wayyaaneen keessaayis alaayis hudhamee qabamnaan ergmatootasaa bobbaasuudhaan ummata shororkeessaa jira.Shororkeessitoonni keessaa wayyaaneefi humnoota alaatiin mindeeffamanis ergama itti kenname galmaan ga’uuf akka malee wixiffachaa jiru.

Hanga fedhan yaa wixiffatan malee galmasaanii Itiyoophiyaa diiguuf qabatan milkeeffachuu akka hin dandeenye beekamaadha.Lubbuun wixiffannaa humnoota kanaatiin badaa jiruufi qabeenyi akka malee barbadaa’aa jiru garuu nama gaddisiisa.

Tibbana paartiiwwan karaa nagaatiin qabsoofna jechuudhaan akkaataa qajeelfama Boordii Filannoo Itiyoophiyaatiin yaa’iisaanii adeemsisan keessaa kanneen tokko tokko ibsa adeemsa yaa’iisaanii booda kennaniifi yaada miidiyaawwan gara garaatiif kennaniin iddoo lama dhaabbachudhaan galmasaanii ga’uu akka barbaadan ifatti mul’isaniiru.Kunis qaama wixiffannaa shororkeessitootaa ta’uusaanii  qabatamaan mul’iseera.


Karaa nagaatiin qabsoofna jechaa bakka lama dhaabbachuusaanii sirritti nutti mul’isaniiru.Ofumaan of saaxilan.Paartiiwwan karaa nagaatiin qabsoofna jechaa sobaan ummata burjaajessaa jiran keessaa KFO’n Koongransiin Federaalawa Oromoo adda durumaadhaan kan ka’udha.

Dura taa’aa paartii kanaa ta’uun lammata kan filataman Piroofeesar Mararaa Guddinaa akkuma dur baran shororkeessitootaaf falmuudhaan waan isaan tibbana jechaa jiran qalbeeffachuudhaan hordofuun barbaachisaadha.Maarii biyyaalessaatti Shaneefi wayyaaneen hirmaachuu qabu jechuudhaan falmaa kan jiran piroofeesar Mararaa Guddinaa deeggaraa shororkeessitootaa akka ta’an mamii malee nutti mul’isaniiru.Kana malees akka paartiitti waltajjii marii biyyaalessaa kanatti kan hin hirmaannee ta’uusaanii eejjennoo qabachuun ifa godhaniiru.akkana jechuun maal jechuudhaa?Dhimmicha xiinxaluudhaan ilaaluun ga’ee qama dhimmi ilaallatuu yoo ta’ellee akka lammiitti waan isaan itti deemaa jiran kana tilmaamuun rakkisaa miti.

Wayyaaneen mariin biyyaalessaa akka adeemsifamu hin barbaaddu.Sababa Kanaan iddoowwan adda addaatti karaa ergamtootashiitiin jeeqamsi akka uumamu taasisuudhaan mariin waliigaltee biyyaalessaa akka gufatuuf haala mijeessaa jirti.

Wayyaaneen kasaaraa waraana ofumaa bantee ittiin gubatteefi miidhaa ishee mudate dhokafachuuf waltajjii marii waliigaltee biyyaalessaa gufachiisuudhaan of jajjabeessuu barbaaddi.Ergamtoonni ishee iddoo lama dhaabbatanis ergama itti kenname galmaan ga’uudhaaf wixiffachaa jiru.Shororkissoota kana dura dhaabbachuudhaan ofirraa qolachuun barbaachisaadha.

Humnoota haala Kanaan socho’aa jiran kana adabachiisuuf mootummaan Itiyoophiyaa dirqama ol’aantummaa seeraa kabajisiisuu waan qabuuf mamii malee ol’aantummaa seeraa kabajisiisuutu irraa eegama.Ummanni bal’aan gamasaatiin akkuma Kanaan duraa callisee fedhii humnoota kanaatti bishaan naqee fashaleessuu itti beeka waan ta’eef waanuma bare haa raawwatu.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman