Mootummaan Naannoo Amaaraa humnootni waliitti bu’iinsa uumuuf socha’an akeekkachiise

 

Humnootni waliitti bu’iinsa uumuuf socha’an gocha isaanirraa akka of qusatan Mootummaan Naannoo Amaaraa  akeekkachiiseera.

Naannoo Amaaraa naannawa tokko tokkootti sabaafi saba waliin, amantiifi amantii waliin waliitti buusuuf humnoonni socho’an gocha isaanirraa of-qusachuu akka qaban Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeshinii Naannoo Amaaraa obbo Gizaachoo Muluunah hubachiisan.

Humnoonni farra nageenyaa waliitti bu’iinsa sabaafi amantaa bu’uura godhate uumuuf humna qaban mara fayyadamanii hojjechaa jiru; namuusaafi seera kabachiisuuf humnoonni nageenyaa bobba’anii jiru.

Naannawa tokko tokkootti waliitti bu’iinsii uumamani jiru; humnoonni farra nageenyaa kanaan duras hojjechaa turan yeroo ammaas humna isaanii guutuun socho’aa jiru jedhan obbo Gizaachoon.


Rakkinichi jaarsummaafi filannoo nageenya adda addaan waliigaluun tasgabbeessuun, gara waliitti bu’iinsa guddaatti akka hin guddanne hojjetama kan jiru ta’uus, humnonni nageenya hin barbaadne ammaas adabate taa’uu hin dandeenyees jedhan.

Naannawa giddugaleessa Gondaritti, gareen finxaaleyyi Qimaanti irra deeddeebbiin dhiibbaa geessisaa jira; Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Mattakalitti naannawa daangaarraatti waliitti bu’iinsa sabaa kaasuuf sochiin jiraachuufi lubbuun namootaas akka darbes himaniru.

Akka ibsa Obbo Gizaachootti, Naannoo Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Minijaaritti, Saba Oromoo irratti farreen nageenyaa kunneen bifa walfakkaatuun sochii walitti bu'insaa uumaa jiru; kun hawaasaa bakka hinbu'u jedhaniru.

Qaamooleen, saboota hundaa waliin jiran uummataafi uummata walitti buusuu, hojii ergamaa hojjachuun gara finxaalummaatti geessisuuf hojjatan gocha isaanirraa akka of quusatanis akeekkachiisaniru.

Tibba kana nageenya boreessuuf yaaliin taasifamera, naannichatti nageenyaafi tasgabbii irratti sochiilee godaaniisa uuman furuu barbaachisa tahus himaniru.

Rakkooleen yoo jiraatan furun kan danda’amu marii qofanii jedhaniru.

 

Maddi:Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa(DHPI)

 

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman